Roorroo Abbaatu of Irraa Ittisa. “ Ummata Ona Limmuu”

Muddee 28,2011 Qeerroo Limmuu

Godina Wallaga Baha Ona Limmuu keessatti  Fincila Qonnaan bultoota Oromoo dhaamsuu fi dargaggoota Oromoo gara hidhaatti guuruu irratti qooda guddaa kan qabaataa ture gaafatamaan Milishaa Wayyaanee ona Limmuu kan maqaan Fiqaaduu Alemu jedhamu irratti tarkaanfiin laallessaaa qaama hin beekneen akka fudhatamee jiru Qeerroon Ona Limmuu gaaasa. Tarkaanfiin kun Muddee 25,2011 halkan keessaa sa’aa 8:00 WB mana jireenya isaa eegamaa jiru dhuunfachuun qami hin beekamne nama ummatatti roorrisu irrati tarkaanfii fudhachuun diina hedduu rifaasisee ummata Oromoo naannoo sanii roorrifamaa jiru ammo gammachiisuu beekame.

Fincila Qonnaan Bulaa ona Limmuu qabatee jiru dura dhaabbachuuf jecha baatii 4 guutuu human waraanaa fi basaasota diinaa itti bobbaa’anii kan dadhaban yeroo tahu hogganoota TOLF keessaa nama tokko kallattiin Mallasaa biraa ajajameen dhufe kan jedhuun gareen durfame amma illee naannoo sanatti diddaa ummataa dhaamsuu hin dandeenye. Qonnaan bulaa Oromo ona kana keessa jiran dabballootaa fi basaasota Wayyaanee of keessaa arihuun irra guddaan aradda ganda isaa bilisomfatee omisha mataa isaa akka jalqabee jiru gabaasi qeerrii kanuma waliin addeessa.

Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa

2 thoughts on “Roorroo Abbaatu of Irraa Ittisa. “ Ummata Ona Limmuu”

  1. Oduun akkasii hedduu nama gammachiisa. Haga ammaatti miidhaa fi roorroo diinni nurraan gawu yeroo hunda hidhii dhuma xuuxne callissuu keenyatu qomoon yertuun akka nu bittu godhe. Amma sabni keeya “kan darbe ni gaha jedhee waan ka’e fakkaata”. Oromoon bakka jiru maratti kana jajjabeessuu qaba jedheen amana.

    Waan biraa…
    Yerroo barreesitan “spell check” kan Microsoft utuu dhaamsitanii wayya. Barreeffama keessan olitti argamu keessatti inni isin “humna” jechuu feetan gara “human” itti jijjiramee argama. Kana kan godhe “spell check” sana natti fakkaata.

    Kun Hilluu dha

  2. akkan ijjoleen oromoo qabsoo jeechu kana diinaan ajjefamuu qoofa oddo hiinta’in nutiis diina keeynaa ajjeesuf danddeetii aka qabnuu agarsiisu barbbaachisaa dhaa.aka ilaalcha kiyyaati diinnii keeynaa tigree oddo hiinta’in dabbalotaa issaani waan ta’aniif tarkaanfiin issaanirrat fuudhatamuu qabaa. san boddee tigree offumaaf biiyya keeynaa lakkiiftee baddii. injjiifanoon kan ummata oromootii !!!!!!!!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s