Waxabajjii 30.2017/ Godina Arsii Aanaa Shirkaa Magaalaa Gobeessaa keessatti Dargaggoonni Oromoo hidhamaa jiru. Godina Arsii Aanaa Shirkaatti Ayyaana Iidalfaxriitti Ummanni Akka mormii godhuuf waamicha karaa adda addaatin godhaa turtanii jirtu jechuun Ilmaan Oromoo mana isaanitii guuramuun hidhatti darbatamaa jiru. Akka gabaasni Aanicharraa nu gahe addeessutti dargaggoonni hanga ammaatti mana hidhaatitti darbataman Muhammad Jabboo Aliyyii, Huseen Amaan Gaaradoo, Turaa Jamaal Waakkannee, Ibraahim Jamaal H/ Hasan, Reeduwaan Sh/ Amiin Turee, Awwaloo Ahmad Aloo , Abdii Muhaammad Jamaal, Mahdii Muhaammad Amiin kanneen jedhaman kan keessatti argaman ta’uu maddeen keenya Shirkarraa gabaasanii jiru.
Kana malees Godina Arsii Aanaa Shirkaatti Dubartoota walitti qabdee Durgoo Qarshii 50 guyyaan kaffalaaafii Dubartoota doorsisaa jirti.
Akka gabaasni achii nu gahe ibsutti dubartoonni maatii isaanii Akka deeggartoota ABO fi Qaamolee siyaasaa kamiituu hin Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk