Waxabajjii 30.2017/ Godina Arsii Aanaa Shirkaa Magaalaa Gobeessaa keessatti Dargaggoonni Oromoo hidhamaa jiru. Godina Arsii Aanaa Shirkaatti Ayyaana Iidalfaxriitti Ummanni Akka mormii godhuuf waamicha karaa adda addaatin godhaa turtanii jirtu jechuun Ilmaan Oromoo mana isaanitii guuramuun hidhatti darbatamaa jiru. Akka gabaasni Aanicharraa nu gahe addeessutti dargaggoonni hanga ammaatti mana hidhaatitti darbataman Muhammad Jabboo Aliyyii, Huseen Amaan Gaaradoo, Turaa Jamaal Waakkannee, Ibraahim Jamaal H/ Hasan, Reeduwaan Sh/ Amiin Turee, Awwaloo Ahmad Aloo , Abdii Muhaammad Jamaal, Mahdii Muhaammad Amiin kanneen jedhaman kan keessatti argaman ta’uu maddeen keenya Shirkarraa gabaasanii jiru.
Kana malees Godina Arsii Aanaa Shirkaatti Dubartoota walitti qabdee Durgoo Qarshii 50 guyyaan kaffalaaafii Dubartoota doorsisaa jirti.
Akka gabaasni achii nu gahe ibsutti dubartoonni maatii isaanii Akka deeggartoota ABO fi Qaamolee siyaasaa kamiituu hin
taane dhoowwuu qabdu jechuun itti gaafatamtuun waajjira dubartootaa fi daa’immanii aadde Faasikaa Tayyee doorsisa cimaa kennaa fii jiraachuu maddeen keenya gabaasanii jiru.
Pingback: Godina Arsii Aanaalee Shirkaa fi Gobbessaa Keessaa Oromoonni Heddumminaan Waraana TPLFn Qabamuun Hidhaatti Darbamaa Jiru. – OROMIYAANWANOFITIABBAATUU EGATAA