Matakkal Naannoo Gaalessaa fi Ganda Qorqaa Keessaa Oromoonni Hedduminaan Qabamaanii Ma’ikelaawwii fi Gariin Ammoo Mana Hidhaa Asotti Guuramaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Uummata nagaa qabamanii yeroo hidhaatti darbatamanBitootessa 9,2017/Uumata Orommoo naannoo Matakkal akka Oromiyaa jalatti deebi’uuf jettanii gaaffii kaaftaniittu sababa jedhuun Oromoota dhalootaan Matakkal ta’an qabamanii guyyaa har’aa mana hidhaa Ma’ikelaawwiitti guuramaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Har’a Bitootessa 9,2017 heddummina Oromota Matakkal qabamanii Finfiinnee nama hidhaa Ma’ikelaawwiitti geeffamaa akka jiran beekame.

Kanneen keessaa:-

  1. Kefalew Nigatu Baddeessoo
  2. Habtamuu Bayyanaa Amantee
  3. Jabbeessaa Dheeressa Kabadda
  4. Bilisummaa Dhaabaa Taddesee
  5. Abdisaa Dhiinsaa
  6. Dhugaasaa Baqalaa
  7. Hudansaa Hayiluu
  8. Jabeessa  Akkumaa
  9. Fiqiruu Zallaqaa Wiirtuu
  10. Tesfayee Ababba Gannati
  11. Fayisaa Oljirra

Kanneen jedhaman garii yeroo ta’an hedduun isaanii gabaasa boodaan akka dhaqabsiifamu Qeerroon gabaase.

Haala kana irraa kan ka’u dargaggoonni nannichaa hedduminaan baqatanii yeroo ammaa bosona keessatti diddaa Wayyaanee muldhisaa akka jiranii fi gara qabsoo hidhannootti of gurmeessaa akka jiran beekame. Continue reading

ONN: Qophii Kayyoo Mar.7,2017

Aside

DR MOSISA, DURA TAA’A BORDII ONN

Aside

SBO: Bitootessa 8 bara 2017. Oduu, Gabaasa Addaa fi Miseensa Poolisa Federaalaa Wayyaanee Ka Ture Dargaggoo Caalaa Muddee Waliin Gaaffii fi deebii gaggeeffame Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 7, 2017

Aside

Waraanni TPLF Waan Qabee Gadhiisu Dhabee Jiru Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa Magaalaa Dodolaa Keessaa Ummata Nagaa Hidhaa Jira.

Aside

Bitootessa 7,2017/ Godina Arsii lixaa Aanaa Dodolaa Magaalaa Dodolaa keessatti guyyaa har’aa waraanni Wayyaanee TPLF mana manarra  deemuun namoota nagayaa buufata konkolaataa magaalaa Dodolaa keessatti walitti qabee konkolaataan fe’uudhaan gara mana hidhaatitti guuraa oole,hanga ammaa namoota 300  dhibba sadihii ol hidheera galgala kanas magaalattii keessatti ummata daandirraa qabee reebaa jira. Continue reading

ONN: TV Oromiyaa

Aside

Godina Wallagga, Magaalaa Naqamtee Keessaa Maqaa Malaammaltummaa fi Hooromsa Jedhuun Hojjettooti Tel Ukkaamfamaa Jiri

Aside

Image result for nekemte telecommunication officeBitootessa 7,2017, Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa maqaa malaammaltummaa fi hooromsa jedhuun wal qabatee hojjettoonni waajira teelee magaalaa Naqamtee keessaa heedduminaan ukkaamfamaa akka jiran maddeen Qeerroo Leeqaa gabaasan.
Waajjira teelee kan mootummaa magaalaa Naqamtee keessatti baatii kana keessa sirni saamichaa fi humnaan qabeenyaa uummata oromoon duroome murni bicuu Wayyaanee hojjetoota teelee kan waajjira teelee magaalaa Naqamtee keessaa hojjetan irratti kisaaraa birrii miiliyoona 36 malaammaltummaan hojjetoota kanneen irratti waan argameef jecha heedduminaan hojjettoonni waajjira teelichaa ukkaamfamaa jiraachuu Qeerroon leeqaa gabaasee jira. Continue reading

Waraanni TPLF Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa Keessatti Dargaggoota Hidhaa Keessaa Gadhiifaman T-shirt “ Irra Hin Deebi’amu” Jedhu Ifii Qpheessee Itti Hire Uffachuu Diddan Jedhee Qabee Hidhaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Bitootessa 6,2017

Godina Arsii keessatti kumaand poostiin ummata nagayaa hidhaan dararuu itti fufuun Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa keessatti namoota Xoollayitti hidhamanii gadhiifaman Sababii namootni hedduun T-shirt Irra hin deebi’amu jedhuufii barruulee Wayyaaneen itti hirte gubanii fi balfa keessatti darbaniif jecha Namoota gara dhibbaaf Shantamaa 150 ta’an Gamoo 2020 Opin Kolleejjii keessatti hiitee erga dararuu eegaltee torbaan gahaa jira,Yeroo ammaa haalli ummanni magaalattii keessa jiru baay’ee yaaddessaa ta’uun dhagayamaa jira. Continue reading

“Lammaa Magarsaa fi Sabboontonni OPDO Tokko Tokko”?!

Aside

Baarentuu gadaa Irraa

 Image result for SabboonummaaSabboonummaan maali, eenyutu sabboona dha?  Eenyu yoo maal godhee fi hojjete sabboonaa jedhama” Gaafii jedhuuf deebiin namootaa ykn akki itti sabboonumaan ifu namootarra namootatti  addaa addummaa xixiqqoo qabaachuu mala. Haata’uutii  dhugaan nama hundumaa walii galchu  jechi “Sabboonummaa” jedhu walittii hidhaa jechoota lamaa ta’uudha. Hikkaan jechoonni kun walitti qaanja’uun kennanis ifa waan ta’eef  burjaaja’ins hiikoo gama kanaan  muldhatu hin jiru. ykn  harki guddeessi namaa ibsa dabalataa malee hiikoo jecha kanaa irratti walii gala.

Sabboonummaan jecha “Saba” jedhuu fi “Boonuu” jedhurra akka maddu eenyufuu ifaadha. Jechoonni kun lamaan walitti qaanja’uun  ergaa barbaadamu dabrsaa turaniiru dabrsaas jiru. Saba + Boonuu= Sabboonaa, sabboontuu, sabboontoota jechuu dandeenya.

Maddi  jecha kanaa erga kana ta’ee  ergaan isaas maal akka ta’e eenyufuu ifaadha. Jechi sabboonaa ykn sabboontuu jedhuu kun kallattiidhaan ergaa “Saba ofiitin boonuu” jedhu dabarsa.Saba ofiitiin boonuun ammoo nama afaan Oromoo dhagahu maraafuu  hikni isaa ifaa dha.  Continue reading