Bitootessa 9,2017/Uumata Orommoo naannoo Matakkal akka Oromiyaa jalatti deebi’uuf jettanii gaaffii kaaftaniittu sababa jedhuun Oromoota dhalootaan Matakkal ta’an qabamanii guyyaa har’aa mana hidhaa Ma’ikelaawwiitti guuramaa jiraachuu Qeerroon gabaase.
Har’a Bitootessa 9,2017 heddummina Oromota Matakkal qabamanii Finfiinnee nama hidhaa Ma’ikelaawwiitti geeffamaa akka jiran beekame.
Kanneen keessaa:-
- Kefalew Nigatu Baddeessoo
- Habtamuu Bayyanaa Amantee
- Jabbeessaa Dheeressa Kabadda
- Bilisummaa Dhaabaa Taddesee
- Abdisaa Dhiinsaa
- Dhugaasaa Baqalaa
- Hudansaa Hayiluu
- Jabeessa Akkumaa
- Fiqiruu Zallaqaa Wiirtuu
- Tesfayee Ababba Gannati
- Fayisaa Oljirra
Kanneen jedhaman garii yeroo ta’an hedduun isaanii gabaasa boodaan akka dhaqabsiifamu Qeerroon gabaase.
Haala kana irraa kan ka’u dargaggoonni nannichaa hedduminaan baqatanii yeroo ammaa bosona keessatti diddaa Wayyaanee muldhisaa akka jiranii fi gara qabsoo hidhannootti of gurmeessaa akka jiran beekame.
Matakkal Waambara keeessatti Fulbaana 27,2016 Qeerron Bilisummaa FXG haala jabaa ta’een gaggeessaa oolan,ABO fi WBO faarfachuun diddaa sirna TPLF f qaban muldhisan.