Godina Wallagga, Magaalaa Naqamtee Keessaa Maqaa Malaammaltummaa fi Hooromsa Jedhuun Hojjettooti Tel Ukkaamfamaa Jiri

Image result for nekemte telecommunication officeBitootessa 7,2017, Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa maqaa malaammaltummaa fi hooromsa jedhuun wal qabatee hojjettoonni waajira teelee magaalaa Naqamtee keessaa heedduminaan ukkaamfamaa akka jiran maddeen Qeerroo Leeqaa gabaasan.
Waajjira teelee kan mootummaa magaalaa Naqamtee keessatti baatii kana keessa sirni saamichaa fi humnaan qabeenyaa uummata oromoon duroome murni bicuu Wayyaanee hojjetoota teelee kan waajjira teelee magaalaa Naqamtee keessaa hojjetan irratti kisaaraa birrii miiliyoona 36 malaammaltummaan hojjetoota kanneen irratti waan argameef jecha heedduminaan hojjettoonni waajjira teelichaa ukkaamfamaa jiraachuu Qeerroon leeqaa gabaasee jira.
Shakkiin kun hojjetoota waajjira teelee keessaa hojjetan heedduu isaanii kan walitti buusaa jiruu fi sirni wayyaanees hojiirraa heedduminaan akka ari’aa jiru qeerroon leeqaa Naqamtee gabaasan. Shakkii dhimma maallaqa teeleen kan wal qabateenis abbaan qabeenyaa mana suphaa konkolaataa kan maqaan isaa Girmaa jedhamu shakkamuun harka keessaa qabda jedhamuun akka ukkaamfamee jirus ibsame.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: