SBO Bitootessa 12,2017. Oduu, Ibsa Koree Hoji-Raawwachiistuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii akkasumas Gabaasa walgahii ABO Torontoo

Aside

SBO Bitootessa 03,2017. Oduu, Ibsa Koree Hoji-Raawwachiistuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii akkasumas Gabaasa walgahii ABO Torontoo

Aside

Ummata Gabrummaa Jala Jiruuf Furmaanni Qabsoo Qofaa dha!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Gabrummaa jala jiraachuun du’aan gararraa, jiraan garjallaa akkuma jedhamu san akkaan hammaataa dha. Namni gabrummaa jala jiru; jiruun isaa jiruu jireenyaan gadiiti. Kan kiyya jedhu hin qabaatu, dubbatu kan jalaa dhagahu hin jiru, iyyatu kan mirmatuufis hin jiru. Nama ta’ee osoo jiruu gabroonfattootaan gadootti ilaalama. Abbaa biyyaa ta’ee osoo jiruu akka lammii lammaffaatti itti rorrifama. Qabeenya isaatti halagagaadha. Biyya isaatti Orma. Walumaa galatti nagahaan bahee galuu hin danda’u. Kan ummanni Oromoo barootaaf keessumaa bara bittaa wayyaanee keessa jirus dhugaadhuma akkasiiti. Continue reading

ONN: Nation Building, Recognizing and acknowledging Achievements -by OPG

Aside

The Ethiopian Government Denies Ogaden Somali People Medicine and Food as Cholera Epidemic Daily Kills Hundreds.

Aside

Press Release by PAFD, March 10, 2017

In its Press Release of March 08, 2017, the Ogaden National Liberation Front (ONLF), one of the key PAFD’s founding members, has stated that, between 05 and 08 March 2017 alone, more than 300 people died of unreported and government concealed Cholera epidemic currently rampaging Ogaden Somali region. Coupled with the ongoing and chronic drought and deliberate neglect of the region, the people are severely affected thus dying at an alarming rate. Therefore, the figure could be much higher. This is not the first time when the regime aimed at inflicting serious damage to the Ogadeni Somali people. It has been understood that, Tigray People’s Liberation Front (TPLF) lead Ethiopian regime has in fact committed genocide on several occasions in this region since 1994. Continue reading

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 10, 2017

Aside

Dhimma olola OPDOn Afarsituun wal qabatee dhamsa gabaabduu ilmaan Oromoo mirga Oromoo kabachiisuuf kuftanii ka’aa jirtan hundaaf: 

Aside

         Seenessaa Qeerrootiin.
 Yaa Uummataa Oromoo OPDO dhaaba ergamtuu Wayyaanee fi ulee harka mirgaa Wayyaanee qabsoo keetiin irra aantee waan jirtuuf ofitti hin deebisiin!! Amma qabsoon keenyaa inni guddaan mootummaa Wayyaanee afaan qawween Oromiyaa shororkeessa jiruu waliini malee OPDO warraaqsaa keenyaan irraa aannee jirra, Uummatni Oromoo, beektootnii fi jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo injifannoo guddaa qabsoo hadhooftuu ilmaan Oromoo qaaliin itti wareegamaniin galmoofteen OPDOn kuftee maqaa qofaan malee hin jirtu. Kanaaf har’a lubbuu horachuuf waxxifachaa kan jirtuuf. Kanneen duubaa teessaanii Oromiyaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irraa fagoo dhaabbattanii OPDO fayyisuuf wixifachaa jirtaan of eeggadha. Uummatni Oromoo, Qeerroon bilisummaa Oromoo, beektootni fi Actiivistootni Oromoo fi jaarmiyaaleen Qabsoo bilisummaa Oromoo injifannoo diinaa fi ergamtuu diinaa OPDO irratti qabsoon gonfachaa jirru daranuu jabeessinee eeggachuun qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun mootummaa abbaa irreetti xumura gochuuf yeroon waloo fi gamtaan qabsootti jabaannuu yoomiyyuu caalaatti amma.

Continue reading

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 9, 2017

Aside

SBO Bitootessa 10,2017. Oduu fi gaaffii fi deebii miseensa poolisa federaalaa kan ture dargaggoo Caalaa Muddee waliin godhame kutaa 2ffaa

Aside

RAKKOO UUMMATAA DUBBACHUU QOFTI RAKKOO  UUMMATAAF FURMAATA HIN TA’U!

Aside

JIITUU GADAATIIN

Image result for lammaa magarsaaMootoleen habashaa bara dhufaa darbaa ilmaan oromoo gidirsuu fi dararsuu hojii idilee godhatanii jiru. Jaarraa tokkoo oliif oromoon gita bittaa warra habashaa jalatti kan kufee jiru garu nama rakkina kufaatii isaa dubbatu dhabee osoo hin taane; qaamni furmaata barbaadu dhibeeti; kanneen jiranis tokkummaa dhabaniiti.

Oromootni diinaaf ergamanii oromootti diina ta’an tokko tokko yeroo garaagaraatti haala hin eegamneen yeroo isaan quuqama sabaa dubbatan argaa turre, har’allee argaa jirra. Jarreen quuqqaa sabaa dubbatan kunneen sabaaf quuqamaniitii kan jedhu yoo ilaalle garuu hedduun isaanii dubbachuu waan qabaniif qofa ykn ergamni dubbachuu waan itti kennameef qofa dubbatu. Madaa uummataa tuqatanii kulkulfachiisanii, uummata nagaa dhowwatanii ofii galanii nagaan rafu. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle bara 2014 maasterpilaaniin finfinnee akka hin raggaane, nutis ni mormina jechuun uummata waliin waan dhaabbatan fakkeessaa kan turan miseensota opdo hedduudha. Bara sana ergamtichi diinaa minaasee waldagoorgis ykn abbaa duulaa gammadaa uummatni hin barbaadu taanaan hatattamaan dhaabbata jedhee arraba isaatiin waan mi’aawu, lafa madaa sabaa tuqee dubbatee ture. Haata’u malee maasterpilaaniin finfinnee haala kamiin dhaabbate akkka jedhamne garuu namuu quba qaba. Afaaniin dubbachuun ergamtoota tplf kan ta’an opdo bu’aa buuse tokkollee hin qabu. Aarsaa uummanni oromoo waliin ka’ee, waliin duulee, waliin wareegameen dhaabbate. Continue reading