Dhimma olola OPDOn Afarsituun wal qabatee dhamsa gabaabduu ilmaan Oromoo mirga Oromoo kabachiisuuf kuftanii ka’aa jirtan hundaaf: 

         Seenessaa Qeerrootiin.
 Yaa Uummataa Oromoo OPDO dhaaba ergamtuu Wayyaanee fi ulee harka mirgaa Wayyaanee qabsoo keetiin irra aantee waan jirtuuf ofitti hin deebisiin!! Amma qabsoon keenyaa inni guddaan mootummaa Wayyaanee afaan qawween Oromiyaa shororkeessa jiruu waliini malee OPDO warraaqsaa keenyaan irraa aannee jirra, Uummatni Oromoo, beektootnii fi jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo injifannoo guddaa qabsoo hadhooftuu ilmaan Oromoo qaaliin itti wareegamaniin galmoofteen OPDOn kuftee maqaa qofaan malee hin jirtu. Kanaaf har’a lubbuu horachuuf waxxifachaa kan jirtuuf. Kanneen duubaa teessaanii Oromiyaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irraa fagoo dhaabbattanii OPDO fayyisuuf wixifachaa jirtaan of eeggadha. Uummatni Oromoo, Qeerroon bilisummaa Oromoo, beektootni fi Actiivistootni Oromoo fi jaarmiyaaleen Qabsoo bilisummaa Oromoo injifannoo diinaa fi ergamtuu diinaa OPDO irratti qabsoon gonfachaa jirru daranuu jabeessinee eeggachuun qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun mootummaa abbaa irreetti xumura gochuuf yeroon waloo fi gamtaan qabsootti jabaannuu yoomiyyuu caalaatti amma.

     Mootummaa naannoo Oromiyaati kan ofiin jedhu OPDOn sochii Uummataa Oromoo hunda hirmachisee Qeerroon dhoosee Warraaqsaa Biyyooleessa Oromiyaa gaggeeffamaa jiruu fi tureen  OPDOn  Politically, socially, physchologically , Physically fi Economically mootummaa kufedha. Mootummaan Abbaa irree kufaatii riqichaa isaa fi ulee harka mirgaa isaa kan arguun muddamee waan qabee gadhiisuu dhabee labsii Muddamaa State of Emergency labsee biyyattiin guututti bulchiinsa waraanaa jala akka galtu murteesse. Kanaaf har’a biyya bulchaa kan jiruu Mootummaa naannoo Oromiyaa OPDO maqaaf waamnuu kana utuu hin ta’iin waraana Koomaandii poostii ta’uu dhugaan qabatamaan lafa jiruu ragaadha.
     Kanaaf har’a mootummaan ergamtuu abbaa irree OPDOn lubbuu ofitti deebisuuf jettee akka nama bishaan nyaate hoomacha qabata akkuma jedhamu halkanii guyyaa jechoota hin jirreefi dura jechoota yoo gurraan dhageessuu iyyuu rifachaa oltuu mediatti baatee waamaa kan jirtuuf . Muddamtee of ijibbaachaa jiraachuun OPDO kun kufaatii Qabsoo Oromoon irratti gaggeesseen ishee mudatee jiruu keessaa of baasuuf hayyama gooftolii ishee TPLF irraa argatteen waan barbaaddee haasawaa jirti.
  Wanti yoomiyyuu dagatamuu hin qabne Sirna bulchiinsa mootummaa EPRDF abbaa irree wayyaanee TPLFn durfamu keessatti OPDOn riqicha gabrummaa fi ulee harkaa mirgaa mootummaa abbaa irreeti. Ulee harka mirgaa wayyaanee ta’uu irra darbee ofii ishees harangamaa uummata Oromoo galgalaa ganama dhiiga dhangalaasuudha. Hundeeffama ishee irraa eegalee kaayyoon OPDO inni guddaan faayidaa uummata Oromoo eegsisuuf, mirgaa fi bilisummaa Oromoo fiduuf kan hundeeffamte utuu hin ta’iin akka uummatni Oromoo gaadidduu garbummaa jalaa hin baaneef riqicha garboomsaa taatee akka tajaajiltuufi ulee harka mirgaa diinaa taatee dhala Oromoo reebuuf fi harangamaa galgalaa ganamaa dhiiga Oromoo dhangalaasaa fi dhangalaasisaa jirtudha.
      OPDO irraa waa eegachuun hanqaaquu bofaa irraa gugee eeggachuudha…Itti fufa.
                     Seenessaa Qeerrootiin.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s