JIITUU GADAATIIN
Mootoleen habashaa bara dhufaa darbaa ilmaan oromoo gidirsuu fi dararsuu hojii idilee godhatanii jiru. Jaarraa tokkoo oliif oromoon gita bittaa warra habashaa jalatti kan kufee jiru garu nama rakkina kufaatii isaa dubbatu dhabee osoo hin taane; qaamni furmaata barbaadu dhibeeti; kanneen jiranis tokkummaa dhabaniiti.
Oromootni diinaaf ergamanii oromootti diina ta’an tokko tokko yeroo garaagaraatti haala hin eegamneen yeroo isaan quuqama sabaa dubbatan argaa turre, har’allee argaa jirra. Jarreen quuqqaa sabaa dubbatan kunneen sabaaf quuqamaniitii kan jedhu yoo ilaalle garuu hedduun isaanii dubbachuu waan qabaniif qofa ykn ergamni dubbachuu waan itti kennameef qofa dubbatu. Madaa uummataa tuqatanii kulkulfachiisanii, uummata nagaa dhowwatanii ofii galanii nagaan rafu. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle bara 2014 maasterpilaaniin finfinnee akka hin raggaane, nutis ni mormina jechuun uummata waliin waan dhaabbatan fakkeessaa kan turan miseensota opdo hedduudha. Bara sana ergamtichi diinaa minaasee waldagoorgis ykn abbaa duulaa gammadaa uummatni hin barbaadu taanaan hatattamaan dhaabbata jedhee arraba isaatiin waan mi’aawu, lafa madaa sabaa tuqee dubbatee ture. Haata’u malee maasterpilaaniin finfinnee haala kamiin dhaabbate akkka jedhamne garuu namuu quba qaba. Afaaniin dubbachuun ergamtoota tplf kan ta’an opdo bu’aa buuse tokkollee hin qabu. Aarsaa uummanni oromoo waliin ka’ee, waliin duulee, waliin wareegameen dhaabbate. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk