Barataa Dachaasaa Deebisaatiin
Orom-biyyaa jaamsanii maqaa biraan moggaasuuf gartuuwwaan baalqajjiin kaleessaa yeroo qaroominni hin qabnes sanyiin Habashootaa yaalaa turuun nii yaadatama.Dhumma lafaaf namasaaf yoomuu duubatti utuu hin jedhin waraana lafoon ofirraa quuraa’ee deebisaa turuun gootowwaan Oromoo darbanii yomuu kan hin dagatamnedha.
Har’as daandii buchulloonni isaanii kaleessaa baasan sanarra gulufuun afaan uummata bal’aaf biyya Uummata Oromoo kana dhuunfatanii irra danbali’uuf waan hin goone hin qaban.”sangaa gaafaa mana hin dhowwatin innuu dadhabee dhiisaa”jedha Oromoon.Habashoota ofirraa deebisuuf gootowwaan kaleessaarraa dhaalmaa fudhatee dhalonnii Qaroon Oromoo har’as falma jabaa keessa jiraachuun waan ifaati.Keessattuu sochii roga maraan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessatti gaggeessaa tureef itti jiru,Laaqii Wayyaaneen keessaa bahuu hin dandeenyeen qabsiisee jira.Akka horii hongeen huuqqisee dhoqqee Bonaan qabamtee ba’uu dadhabduu,Warraaqsa uummataan finiine kana keessaa bahuun Wayyaaneetti dhagaa guddaa dugdatti fe’ame ta’ee jira.
Continue reading





ala 5,2017