Gabaasa Qeerroo Wancii Muddee,22,2011
Gaaffii mirgaaf deebii laachuu kan hin dandeenye mootummaan Wayyaanee, akka aadeffate barattoota mirga eenyummaa gaafatan hidhuu fi ajjeessuu araada godhatee jiraatu iyyuu fincilli dargaggoota Oromoo(Qeerroon) bakka adda addaatti qabatee jiru aamuu hin dandeenye. Sochiin Qeerroo caaseffamee Ebla 15,2011 erga diddaa gabrummaa eegalee guutuu Oromiyaa keessatti magaalaa fi baadiyyaa saba Oromoo biratti jaalalaa fi haamleen simatamee sochii hangana hin jedhamne baldhinaan deemsisaa jira. Mootummaan Wayyaanee hangamuu Qeerroo Bilisummaa adamsuu fi funaanuu itti haafuftu malee yeroo dhihootti kufaatii mootummaa kana irraan gahee injifannoo kan dhuunfachuuf deemu saba cunqurfamaa Oromoo dha.
Sochii Qeerroo keessatti gaaffii mirgaa barattooti mana barumsaa Wancii eegalan ukkaamsuuf human waraana hangana hin jedhamne ummata meeshaa maleeyyitti bobbaasee hanga ammaa nama 66 ol akka hidhamanii jiranii fi kanneen kaanis bakka buuteen isaanii hin beekamu. Humni waraana Wayyaanee gaafa Mudde 15,2011 konkolaataa Shan(5) guutee naannoo Wancii yeroo gahu barattooti Oromoo dhagaa itti darbuu fi faaruu bilisummaa fi Qeerroo faarsuun diddaa isaanii jagnummaan mudhisan, humni waraana nama nyaataa kun meeshaa dhukaasuun barattoota battalatti barattoota 42 qabanii deeman,san booda dhahataan galgalas tahe guyyaa barattoota umuriin isaanii xiqqaa tahe funaanuu itti funfan.
Gochaa kanaan sochiin Qeerroo mana barumsa jidduu galeessa Wancii qabbanaawuu didnaan gaafa Muddee 19,2011 galgala humni waraana Wayyaanee konkolaataa 4 dabalataan Wancii qubatee ummata naannoo sanii hanga ammaatti hiraarsaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Humni Waraanaa kun barattoota qabamanii akka malee dhanamanii fi hanga ammaatti warren hidhaman keessaa dhabamanii bakka buuteen isaanii wallalame keessaa:-
1. Yoowaan Margaa Barattuu Kutaa 1Offaa
2. Birihaanuu Dammaqsaa Barataa Kutaa 9ffaa
3. Taayyee Gurmeessaa Barataa Kutaa 9ffaa
4.Asfawo Taarikuu Barataa Kutaa 9ffaa
5.Staggaayee Asfawo Barataa Kutaa 9ffaa
Kanneen jedhaman yeroo tahan. Barattooti kun bakkatti hidhaman ykn bakka jiran mootummaan Wayyaanee hin beeksisu yoo tahe borxaa barxaan deebisuuf qeerroon qophii akka tahan Wancii irraa gabaasu.
Dinne Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk