SBO: Waxabajjii 07 bara 2017. Oduu, Qophii Hundeeffama SBO waggaa 29ffaa ilaallatuu fi Dhimma Jijjiiramuu qubee Afaan Oromoo irratti Gaaffii fi deebii Obboo Yaasoo Kabbabaa Hordofaa waliin taasifame.

Aside

Barataa Medicine Waggaa 6ffaa Yuunibarsiitii Jimmaa fi Barreessaa Kitaaba ‘’Hidhaa Moo Hidhannoo?’’ jedhu kan barreesse barataa Falmataa Bayeechaa Hundee Adamoo Waraana TPLF Jalaa Miliquun Biyyaa Bahe.

Aside

Waxabajjii 6/2017 Barataa Medicine Waggaa 6ffaa Yuunibarsiitii Jimmaa fi Barreessaa Kitaaba ‘’Hidhaa Moo Hidhannoo?’’ jedhu kan barreesse barataa Falmataa Bayeechaa Hundee yeroo dheeraaf humnoota tikaa fi Waraana komaandii Poostii wayyaaneetiin ajjeechaaf barbaadamaa kan ture afaan Diinaa jalaa miliqee bahee jiraachuu madden Qeerroo gabaasan. Barataa Falmataa Bayeechaa Hundee Gamtaa Barattoota Oromoo GBO bu’uuressuu fi hanga hoogganuutti illee gahee guddaa nama qabudha.
Sabboontota dargaggoota Qeerroo Oromoo Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa Ebla 11/2014 irraa eegaluun bifa qindaa’een qabsiisan keessa nama tokko ta’uun beekamaadha. Continue reading

Simbirtuu 04 06 2017 – Tartiibaa Qubee – Beekan fi Yazew

Aside

Simbirtuu: sirni barnoota afaan Oromoo jijjiirameera kan jedhan biiroon barnootaafi DhRTVO maalirraa kaániitu? Dhuguma Afaan Oromoof dhimmaniituu?Beekan Gulummaafi Yaazoo Kabbabaa dhuguma keeessaa jiruu? duubaan shirri jiraa? Amma maaf gad-baasani? kkf irrratti deebiíi Beekaniifi Yaazoo kunooti.

Culluxxoo Siyyaasaa!

Aside

Dachaasaa Deebisaatiin

Baroota dheeraaf qabsoo abboonni keenya itti wareegamaa as gahan harkaatti galfachuun gartuun eegamtuu wayyaanee OPDOn sagaleen haalaakaa turun waanuma baratame. Baroota 90 keessa afaan marartoon sagalee ciratanii, haaromsaan of suphuuf maggaaluun bultii waggoota muraasaa itti tajaajilamaa turan. Kanumatti dabaluunis dhaaba uummatichaa ABO irratti duula jibbiinsaaf summii diinummaa biifuuf
‘documentary’ dhoqqee cubbuun faalame dalagatanii isaaniis halkan muraasa bulanii jiran. Akkasuma gartuu hiyyumaan gadadamu walitti coruun akka waan WBO barbadeessaniitti miidiyaa isaanii midiyaa dhugaa faana laga gamaaf gamanaan dhaadataa turuun OPDO eenyu dura kan dhokate miti. Continue reading

Qeerroon Bilisummaa Falmaa Itti Fufna!!

Aside

Continue reading

Riqicha-Gaaffii fi Deebii Addaa HD ABO, Ob Daawud Ibsaa -Kutaa 4ffaa (Xumuraa)

Aside

ONN: Qophii Kaayyoo – Waxabajjii 3, 2017

Aside

Continue reading

SBO: Waxabajji 04 bara 2017. Oduu, Gaaffii fi Deebii Dargaggoo Gooressaa waliin taasifamee fi Qophii Haala Yeroo Irratti Fuuleffate.

Aside

OPDOn Tartiiba Qubee Afaan Oromoo A B C D….Z Ture Jijjirte!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Image result for ABCD oromoBiiroon Barnoota  OPDO Oromiyaa keessatti tartiiba qubee Afaan Oromoo A B C E F….Z   ture  jijjirudhaan  tartiiba haaraa L irraa eegalu uumee kitaaba barnootaa maxxansee barsiisuu eegaluun wal qabatee gutummaa Oromiyaa keessatti  ummanni Oromoo keessumaa barattoonnii fi barsiiftonni mormii guddaa muldhisaa jiru.

Akka gabaasa kanaatti  biroo barnoota Oromiyaa kena jedhamuu fi kan jalee wayyaanee OPDOn hogganamu  jiru  qormaata gahaa fi sababa  ifa ta’e osoo lafa hin kaa’iin  tartiiba qubee faaan Oromoo waggota hedduuf, Odoo OPDOnuu hin ummamin hojiirra oolaa ture  tartiiba isaa faalleessuun isa ummanni Oromoo fi saboonni kuunilleen ittiin beekan A B C D…..Z jedhu jijjiruun  ka’uumsa isaa L.. …..taasisuun kutaa 1- amma 8tti  kitaaba maxxansee barsiisuu eegaleera.

Jijjiramuu  tartiiba qubee afaan Oromoo  kanaaf sirnichis ta’e ogeeyyiin afaanii amma ammaatti ibsa ballaa fi sababa isaa kan lafa hin kaa’iin yoo ta’u; Barattonnii fi barsiiftonni manneen barnootaa  adda addaa gutummaa Oromiyaa keessa jiran deemsa kana ifatti balaaleeffachaa akka jiran gabaafameera. Continue reading

ONN- Qophii “Gaaddisa Dhugaa”

Aside