Dachaasaa Deebisaatiin
Baroota dheeraaf qabsoo abboonni keenya itti wareegamaa as gahan harkaatti galfachuun gartuun eegamtuu wayyaanee OPDOn sagaleen haalaakaa turun waanuma baratame. Baroota 90 keessa afaan marartoon sagalee ciratanii, haaromsaan of suphuuf maggaaluun bultii waggoota muraasaa itti tajaajilamaa turan. Kanumatti dabaluunis dhaaba uummatichaa ABO irratti duula jibbiinsaaf summii diinummaa biifuuf
‘documentary’ dhoqqee cubbuun faalame dalagatanii isaaniis halkan muraasa bulanii jiran. Akkasuma gartuu hiyyumaan gadadamu walitti coruun akka waan WBO barbadeessaniitti miidiyaa isaanii midiyaa dhugaa faana laga gamaaf gamanaan dhaadataa turuun OPDO eenyu dura kan dhokate miti.
Har’as rarraqaa aangoo isaaniif duufahuuf samuu siyyaasa isaanii haaronfachuuf wantoota hedduutti gargaaramuuf jomomi’aa jiran. Haluma
kanaan, lafa kaleessa qote bulaa irraa buqqisanii ilmaan diinaa ilmaan Tigireef qoodaa turan kanneen akka lafa uummata Oromoo irraa kan
Bulchiinsa magaalaa Lagaxaafoo jala jiru irraa uummata humnaan bara 2002 akka lakkoofsa habashaatti doorsisanii irraa buqqiisuun uummanni
akka beelaan dararamu cinatti uummaticha barbadeessuuf yaalii godhan.
Lafa kanarraa qote bultoota danuun akka buqqaa’anii jireenyi isaanii hongahee dubbatama, lafa uummataa ta’uu utuu beekanii uummata akka
mootummaan wayyaanee dirqamaan qawween doorsisee irraa fudhatu taasisanii jiran. Adabbiin seeraa saamtota Tigireef arcaatuuwwaan OPDO
irratti fudhatamuun hafee Qote bultoota abbootii warraa 32 ol irraa buqqaasanii wagoottan 7 uummata Oromoo irratti kumaaraa siyyaasaa
taphataa turan; hamma kana uummata dararaa turaniin har’a deebisanii akka waan haqummaa dalaganii fakkeessuuf uummataaf deebisaa jirra
jechuun gaararrummaa siyyaasaa galaana siyyaasa isaanii keessa culluxxoo seenaan malee fedhii uummataaf haqa dalaguuf miti.
Culluxxoo siyyaasaa Kaleessa abbooti isaanii akka harree ba’aa Wayyaanee baataa turan irraa kan leenji’an dubbachaa jiru malee
dhugaan faayidaa uummatichaa milkeessuuf jechuun nii ulfaata. Tooruma abbootiin irree qabatanii socho’an irra adeemaa jiraachu isaaniis
afaan Qawween uummata doorsisanii akka uummata saamaaa jiran miidiyaan isaaniin haguuganii akka waan balaa namni dhuunfaa qaama mootummaa keessa taa’ee dalageetti fudhatamee bira darbamuun guutuun guututti gaggalagalummaa ykn gaararrummaa akkasuma culluxxoo siyyaasaa haala qilleensaa fakkaatanii adeeman ta’uun ala dhugaan bu’aa uummataa hojjetan jechuun kan ulfaatudha.
Dubbi gartuun Lammaa Magarsaan durfamu dhiyeenya dubbatan afaanfajjiif kan qindaawee dubbatamu malee ijaaf ijatti dalagaa
uummataaf waan kaayyeffatanii ka’an jechuun hedduu ulfaata. Qabsoo uummatichi keessa jiru akka isaa yaadaniin olitti dhohee waan
dhiitatee harkaa baheef afaaniin dhugaa uummataa dubbataa hojiin uummata saamuuf yaaluudha. Kunimmoo OPDO golgoleessuun ala waan qabata ta’eefii dhaabee olkaasee sochoosu miti. Gartuun saamtotaa Tigirootaan durfaman kun kara bahaan albuuda uummanni uumaarraa gonfate saamaa kan yoona gahe akka waan harka uummataatti dachaafameetti yeroon lallabamaa jirus nii jira. Kunneen marti afaan uummata cuqqaaluun akka uummannii gaaffii abbaa biyyuummaaf eenyummaa gaafachaa hinturref mirga foxxoquun hiree ofii ofiin murteeffachuu hingaafanne
fakkeessanii addunyaatti lallabuun lilmee afaanfajjiin mootummaa isaaniif olaantummaa isaanii bosose suphachuudha. Akkasuma uummanni
akka gaaffii abbaa biyyummaa hingaafanneef kan qindaawe malee dhugaa dubbii miti. Akkasumallee hojidhabdootaan diddaan nutti dhoofame
jechuun diddaa garbummaa gadi xiqqeessanii addunyaatti lallabuuf yaaluun qaanii guddaaf laaqii siyyaasaatiin uummata beela bilisummaan
dararamaa jiru qabanii dhaabuuf yaaluudha. Laaqii kana keessaa dhidhiitatee bahuun gahee uummataatif gahee Qeerroof Qarree
biyyaattiti.
Gama biraan tibbana wanti gama gartuu diinaan lallabamaa jiru, dhimma qubee afaan Oromooti. Qubee afaan Oromoo tartiiba isaa
jijjiiruuf abbaluun OPDO kaffaltii eenyummaaf sabboontonni kaffalaa ruran bishaanitti naquuf yaaludha…..kutaa biraan itti fufa
Dachaasaa Deebisaatiin
Reblogged this on OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA and commented:
Culluxxoo Siyyaasaa!
Dachaasaa Deebisaatiin —-
Pingback: Simbirtuu (04 06 2017) – Tartiibaa Qubee – Beekan fi Yazew – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA