Waxabajji 24,2017/ Falma abbaa biyyummaa irratti FDG irraa hanga FXG waliin falmaa diddaa roorroo halagaa waliin taasifamaa ture irratti waliin waan uummata Oromoof ta’a jedhamu mara irratti waliin turtii taasisaa turan. Adeemsa falmii mirga abbaa biyyuummaa ABO n durfamuu kana keessatti bu’aa bayii hedduu waliin dabarsaa kan turan, bakka rakkoon walii isaanirra gahe irraatti maallaqaniis qaamanis wal tumsaa turuun walirraa faca’iinsa Oromiyaa keessaa sababa dalagaa hojiif akkasuma xumura barnootaa kaawwaniif qophii gaggeessaa waliin taasisanii jiran. Adeemsa qabsoo Oromoo keessatti maaltu akka sirachuu maluuf akkamitti qabsoo akka itti fufsiisuu qabanis marii jabaa taasisanii jiran. Qophii Qeerroo Yuunibarsiitii kanarratti warqaan Raagaa Jaallan eebbifamaniif waraqaan ibsa bal’aaf suuraa dubbatu qaban kennamanii jiran. Waraqaa kana yoo walii kennanii addaan bahuuf jedhan gariin ija imimmaaniin fuula gaddaa addaan bahuun mudataa jiruuf akkasuma miiraa gammachuu jaalala walii isaanii gidduu jiru agarsiisuun goolabanii jiran. Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa adeemsa qabsoo Uummatichaa sichittille jabaatee akka itti fufuuf wantootata jajjaboo bu’eressuutti jira. Adeemsa qabsoo kana keessatti rakkoowwaan walii isaanii mudatan waliin furuuf qophii ta’uullee dubbatee jira. Falma karaa nagaa halagaa afaan Qawween doorsisu jala dhaabbatee godhaa turen jijjiiramaa guddaa hawwaasa Oromoof dhufe galateeffachaa jaallan isa cinaa cabanii jiran yaadachaa qabsoo daran gaggeessuu akka qabu wal hubachiisee jira. Sagantaa gaggeessaa Qeerroo kana yaadannoo wareegamtootaan eegalanii xumura irrattis irbuu jaallumma walii galuun mandhewwaan moricha keessaa daran qabsoo qabsiisuun bara itti aanu akka dura bu’ummaan gaggeessan waada wal sensifatanii jiran. Eebbifamtoonni miseensota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Moorichas gorsaaf yaada gurguddaa kanneen hafaniif kennuun goolabamee jira. Egeree Oromoof riqicha akka ta’anillee dubbatan. Akkuma kana dhimma gamtaa Barattoota Oromoo ilaalchisees akka saffisaangamtaan barattootaa bakka maratti lafa qabatuu qabu irrattis walii galan. Akkasuma gamtaa barattootaa sana jalatti wantoota bu’uuraa uummata kamna fayyaduu danda’aaniif qabsoo Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisan irratti marii bal’aa taasisan. Gidduuttis walleewwan warraaqsaa bilbila harkaarraa walii banuun waltajjii hawwataa taasisanii jiran. Waraqaan raagaa waliif kenname kanaa gaditti hidhamee jira
Pingback: Gaggeessaa Jaallan Eebbifamtoota Bara Kanaaf Qeerron Yuunibarsiitii Jimmaa Bifa Ho’aan Goolabee jira. – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA
Pingback: Gaggeessaa Jaallan Eebbifamtoota Bara Kanaaf Qeerron Yuunibarsiitii Jimmaa Bifa Ho’aan Goolabee jira. – oromiyaanwanofitiabbatuegata