Godinni Horroo Guduruu akkuuma godinaale Oromoo biro madda gotowwani ta’u seenaatu ragaa baha. Godina kana keessatti Oromoota achitti dhalatan qoofa osoo hin taane ilmaan Oromoo carraan qabsoo naannoo sana isaan geessite heeddutu akka bahaniin hafan. Kanaaf gotoota Oromoo J/Milkeessaa Gadaa fi J/Faariis Hirphaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Abishee Garbaa fi Dhugumaa Jaldeessoos falmii haadhooftuu weerartuu waraana Minilik dukaa taasisaniin warra sabaaf jeecha wareegame. Sana boodas jaallan akka Dirribaa Kumaa, Araarsaa Assabaa, Abbaa biyyaa (Bayyanaa Obsi), Shorshoraa fi kanneen biro dhibbootaan lakkaahaman xurree abbootiin isaani saaqan irratti loltoota wayyaane kuffisee warra kufe. Seenaa gabaabduu hardhaa keessattiis seenaa J/Dirriibaa Kumaa walumaan haa ilaallu.
Dhaloota Dirribaa Kumaa
Seenaa J/Dirribaa Kumaa (1958-1997)
Diribaa Kumaa ilma qotee bulaa ture. Bara 1958 (ALH) tti abbaa isaa Obbo Kumaa Waaqoo fi haadha isaa aaddee Marartuu Tochee irraa godina Horroo Guduuruu ganda haroo shooxee kesstti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka gahetti barnoota isaa 1-8 tii mana barumsaa sad 1ffaa shamboo keessatti, 8-12 ammoo magaalaa naqamteeti baraatee xumure. Sana booda leenjii barsiiauma fudhatee hojiitti boba ‘e. Continue reading →