SEENAA J/DIRRIBAA KUMAA (1958-1997)

Barreessaan Muusaa Daawud

Godinni Horroo Guduruu akkuuma godinaale Oromoo biro madda gotowwani ta’u seenaatu ragaa baha. Godina kana keessatti Oromoota achitti dhalatan qoofa osoo hin taane ilmaan Oromoo carraan qabsoo naannoo sana isaan geessite heeddutu akka bahaniin hafan. Kanaaf gotoota Oromoo J/Milkeessaa Gadaa fi J/Faariis Hirphaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Abishee Garbaa fi Dhugumaa Jaldeessoos falmii haadhooftuu weerartuu waraana Minilik dukaa taasisaniin warra sabaaf jeecha wareegame. Sana boodas jaallan akka Dirribaa Kumaa, Araarsaa Assabaa, Abbaa biyyaa (Bayyanaa Obsi), Shorshoraa fi kanneen biro dhibbootaan lakkaahaman xurree abbootiin isaani saaqan irratti loltoota wayyaane kuffisee warra kufe. Seenaa gabaabduu hardhaa keessattiis seenaa J/Dirriibaa Kumaa walumaan haa ilaallu.

Dhaloota Dirribaa Kumaa

Dirribaa K

Seenaa J/Dirribaa Kumaa (1958-1997)

Diribaa Kumaa ilma qotee bulaa ture. Bara 1958 (ALH) tti abbaa isaa Obbo Kumaa Waaqoo fi haadha isaa aaddee Marartuu Tochee irraa godina Horroo Guduuruu ganda haroo shooxee kesstti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka gahetti barnoota isaa 1-8 tii mana barumsaa sad 1ffaa shamboo keessatti, 8-12 ammoo magaalaa naqamteeti baraatee xumure. Sana booda leenjii barsiiauma fudhatee hojiitti boba ‘e.

Diribaan bara dargagummaasaa irra eegalee yeroo mara waa’ee eenyummaa isaa fi hacuuccaa gabroomfattoonni saba Oromoo irraan gahan sodaa tokko malee nama dura dhaabbatee falmaa ture dha. Bara afaan Oromoo dubbachuun akka yakkaatti ilaalamaa turees afaan Oromoo dubbachuun qoofa yakkame motummaa dargidhaan yeroo heedduu dalagaa akka dhaabu taasisamee hidhaan gidirfamaa ture.

Dirbaan bara 1983 (ALH) magaalaa arjoo awuraajaa irraa gara magaala Shaambootti jijjiirame mana barumsaa sadarkkaa lammaffaa Shaamboo keessatti dalagaa isaa eegale. Bara sana qabsoon ABOtiin hoogganamu yeroo itti ija horate waan tureef Dirribaaniis akka qaroo Oromoo tokkootti qooda keessaa fudhachuu eegale. Keessattuu dargaggoota Oromoo maandheen ijaaree barnoota siyaasaa akka isaan argatan gochaa ture.

Eerga ABO chaartara keessaa baheen booda J/Milkeessaa Gadaa naannoo sanatti bobbaafame ture. Motummaan wayyaanees goota kana dhabamsisuuf yeroo itti naannoo sana xiyyeeffannaa adda ta’e jala gashite socho’aa turte.

Bara sana namni siyaasa ABOn shakkame kaampiilee wayyaane Ma’igamaa fi Waradaa jiranitti hidhameetu hiraarfama ture. Akka duri mana poolisaa fi wayn bet tti nama hidhuun hafeera jechuun ni danda’ama. Wayyaanoonni toftaa kanatti dhiimma bahudhaan ummata shororkeessite gargaarsa jaalleewwan dagala jiran irraa kutu dalagaa tokkoffaa godhatte socho’aa turte, amma ta’ees itti milkoofteetti jechuun ni danda’ama. Diribaan amala shororkeessaa wayyaaneef haarka kennuu diduun humna ABO J/Milkeessaa Gadaan durfamaa tureef dirmannaa fi gargaarsa barbaachisaa ta’e goota kennaa ture. Gochaansaa gotummaan gutame kuun hawaasa biratti jaalala guddaa akka inni horatu yeroo isa taasisu wayyaanotaa fi jaleewwan isaani biratti ammoo akka diina tokkoffaatti akka ilaalamu fi adamsamu isa taasise.

Waraanni wayyaanee nama Fisehathe jedhamuun hoogganamaa ture bobbaa walirraa hin cinnee J/Milkeessaa Gadaa fi jaallewwan isaa irratti bobbaase. Waraanni jaal milkeessaas bobbaalee kana toftaa adda addaan dura dhaabbate fashalsaa turuus dhuma irratti haarka dinaa irratti waregamee, jaal Araarsaa Assabaa ammoo haarka dinaa keessa gale. Waraana hafees carraan faca’uu mudatte. Kuun wayyaanotaa fi ayyaanlaallatootaaf injifannoo guddaa, sabboontoota naannoo sanaaf ammoo gadda humnaa oli ture.

Wayyaanoonni reenfa jaal Milkeessaa galma magaala Shaamboo (aka adaraash) keessa kaahani haalkan gutuu dhichisaa bulan. Manni keenyi galma kanatti dhihoo waan tureef dhichiisa isaani haalkan sanaa sammuu ijoollummaan na keessatti katabame haafe. Barsiistoonni dhalootaan Oromoo ta’ani dinaaf dalagaa tuuran (kan ammaaf maqaa dhahuun hin barbaachisne) reenfa J/Milkeessaa irra dhaabbatani tigroota dukaa suraa ka’aa akka tuuraniis bulchaa magaalaa Shaamboo yeroosi kan ture fi kan ija isaan arge Obbo Dassaalegn Jur’aa namootatti akka hime nan yaadadha.

Reenfi J/Milkeessaa galma sana keessa jiraachu kan hubatan sabboontoonni barattoonni fi barsistoonni mana barumsaa Shaamboo finciilli isaan dhoosan kan bara baraan seenaa keessatti yaadatamaa hafudha. Finciila kanaaniis reenfa goota kanaa diina harkaa baasudhaan bakka barattoonni fi sabboontoonni magaala Shaamboo argamanitti awwaalcha gootaa akka inni argatu taasisaniru. Dirribaan finciila kana qindeessuu fi deeggaru keessatti gahe inni xabate waan akka salphaatti haasa’amu miti. Yeeroo kuun ta’eetti wayyaanoonni Dirribaas ajjeesuuf mana isaa deemani fudhatani bahan. Iyya daa’iimman safara keessaa, iyya maatii isaa fi dirmannaa ollaatiin diina irraa bufame.

Sabboonummaa fi mirga sabaaf quuqamuun Dirribaa kiyyoo dinaa keessa akka seenu isa taasise. Gidiraan isaa fi maati isaa irra gahaa turees salphaa hin turre. Eerga ABO biyyaa bahe manni hidhaa magaala Shaamboo mana isaa lammaffaa ture jechuun ni danda’ama. Magaala sana keessatti namni Dirribaa caalaa hidhamaa ture akka hin ture anu akka seenaatti waaniin yaadadhu fi ragaa bahu. Gidiraan kun hundi irra gahuus, maatiin isaa goolamuus cichoominni Dirribaa kan dhaloota ammaaf fakkeenya guddaa ni ta’a. Maati isaa keessaa namni ani dubbise tokko Dirribaan yeroo hidhaatii bahu huunda waan jechaa ture akkas jechuun naaf ibsani…”Dinoonni koo na dhabamsisuuf aaritiin tarkanfataniyyu ani garuu fiigichi koo inni dhumaa gara dirree qabsooti .” jedha ture.

Baroota1983-85 Dirribaan kutaa heregaa fi bajata mana barumsaa shamboo ta’ee utuu hojeetaa jiruu yeroo dha gara yeroott akka dalagaa dhaabu fi hidhaan gidirfamu taasisama ture. Hidhaa fi gidirfamu Dirribaa irra gahaa ture maati isaa caalaa kan hubatu fi jala bu’e hordoofu hin jiru. Dirribaan waggaa tokko keessatti yeroo 15 akka hidhame turees maatiin isaa naaf ibsaniru. Akka dhalataa magaala kanaa fi seenaa Dirribaa beeku tokkotti lakkoofsi kuun xiqqaa natti fakkaata.

Diinaaf Jilbeeffachuu Diduu

Seenaa J/Dirribaa Kumaa

Seenaa J/Dirribaa Kumaa (1958-1997)

Dinaaf gadi jechu diduun Dirribaa kan boqqoonnaa isa dhowwate hoogganaan OPDO Yaaddeessaa jedhamu fi jala deemtoonni isaa Diribaa yeroo dhumaaf dalagaa irraa darbuuf shiira xaxuu jalqaban. Bakka inni hin jirreetti waajiira isaa cabsani meeshaa mana barumsaa eerga saamaniin booda isa qabuuf gara mana isaa deemani. Dallaa isaa seenanii akka gaaffiif barbaadamu yeroo itti himan “ofumaa jalqabdan ofumaa fixaa, dirreenis tabaataanis kessan. Animoo tasa kubbaa keessan akkaa hin taanee beektaa” jedhe dallaa qe’ee isaa keessaa muka luqqifatee moraa keessaa isaan arihe. Gootummaan isaa kuni hidhaa san booda dhufe irraa isa hambisu baatuus magaala Shaamboo keessatti bal’inaan haasa’amaa ture.

Diraamaa kana xaxuu keessatti gahe guddaa kan xabate nama yeroo sana waardiyyaa mana barumsaa ture amma kan taaytaa guddaa qabu fi yeroosii kaasee amma hardhaatti ilmaan oroomoo dabarsee diinaaf kennaa nama jiru dha. Xaxaa dinni xaxeen eerga hidhaan gidirfame booda waggaa tokkoof dalagaa malee akka taa’u taasisam.

Diribaan abbaa ijoollee afurii kan turee yeroo ta’u hidhaan wal irraa hin citne maati isaaf qoormaata humnaa oli akka ture tilmaamuun nama hin rakkisu. Keessaahu haatii warraa isaa addee yashumnash Baqalaa, barsiistuu mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Shaamboo kan turte, maati shoroorkaahe tasgabbeessu fi daa’iman Dirribaan manatti dhisee hidhaatti marmaaraa ture guddisuti qormaata isheen keessa turte kan ummanni magaala Shaamboo raga bahu. Cubbuun Dirribaa irratti dalagamaa ture addee Yashumneshiin kan laaffise osoo hin taane kan xiqii haara galifii hin qane keessa ishe sensise ture.

WBOtti Makamuu

Guyyaan isaa 8/05/87 guyyaa kessaa sa’a 5 ture. Guyyaa itti Dirribaan yeroo dhumaaf WBO tti makamuuf murteeffate, guyyaa itti Dirribaan daa’iman isaa babbareedduu afuur abbaa dhable taasise falmaa wareegamuu filate, guyyaa itti akka holaa harkifamani hidhamuun obsa keessaa fixe ture. Guyyaa kanatti Dirribaan dhiimma dhunfaaf manaa bahe gara magaalaatti imala eegale. Magaala dhufuuf kaampi wayyaanootaa Ma’igamaa tti argamu biira darbuun dirqama ture.

Akka bakka kana gaheetti wayyaanootni kaampi keessaa bahani qabuuf itti marsan. Inniis hidhaan waan itti hadhoofteef utaalee gidduu isaani keessaa bahuun dhukaasa isarratti baname keessa figaa dallaa manneen jireeenyaa heeddu irra utaaludhaan karaa naannoo sheelii jedhamee beekamun miliqe. Dirribaan manaa bahe achumaan hafuuf karorfate yokaan itti qophaahe manaa hin baane. Haati manaa isaa mucaa isaani ishe dhumaa erga deesse reef baati jaha ture. Miliquusaa eerga mirkaneeffateen booda karaa cabsate gara mana isaatti deebi’ee ijoolleesaa yeroo dhumaaf adda dhungate mehsaa yeroo rakkoof gad kaayyate fudhachuu akka qabu hubate. Akka mana gaheen waan umame maati isaaf ibsuuf yeroo gahaa hin arganne, ijoolleensaas itti rarra’ani abbaa abbaa jechuun lukasaatti maramani himimmaan robsaa gaggeessaa dirqamaa godhaniif. Inniis wayyaanoonni akka dhufan waan hubateef suuta sossoobee of gadhisisee mucaasaa baatii jahaa bakka cistuutti adda ishe dhungate meeshaa qabu butatee bahuuf osoo qophaahaa jiru wayyaanoonni dallaa isaa cabsani waan seenaniif karaa boroo bahe imala isaa dirree qabsoo taakkuu tokkoon eegale.

Hidhaan gidiirfamuun kan haarka harka isatti jedhe gootichi Oromoo J/Dirriibaa Kumaa figichaan isaa kuun yeroo dhumaaf maati fi ijjoolleen isaa hunda caalaa jaallatu irraa akka adda isa baasu fi bakki isaaf malu daggala Oromoo seenee qabsoo fininsuu qoofa akka ta’e hubate humna faca’aa ABO yeroo sanatti godina Horroo Guduruu keessa socho’aa turettiis nagaan dabalame.

Humna Ijaarachuu

J/Dirribaan dandeetti fi gotummaa addaa qabu tti dhiimma bahe dargaggoota heeddu hawwachudhaan akka qabsootti dabalaman taasise. Humna ijaaratte kanatti dhiimma bahudhaan wayyaanota dukaa bakka adda addaatti waraana gaggeesse itti milkaahe ture. Tarkaanfiin humni isaan hoogganamu bakka Haarbu Baalaa jedhamutti fudhate kan diina rifaasisee humni dabalataa naannoo sanatti akka bobbaafamu wayyaanoota kan dirqisise ture. J/Dirribaan toftaa isaa yeroo irraa yerootti jijjirudhaan bakkoota akka Haroo Shooxee, Dongooroo, Gabar, Saqalaa, Ashaayyaa, fi suluula Finca’aa keessatti bal’inaan socho’e dinaaf mataa dhukkubbi ta’e ture.

Bara 1990 (ALH) tti eergamaan OPDO Girmaa Qannoo jeedhamu Haaroo Shoxeetti ramadame qotee bultoota hiraarsutti ka’e. Haroo Shooxee bakka dhaloota J/Dirribaa waan taateef xiyyeeffannoo addaa keessa seente. Kana kan hubate gotichi Oromoo J/Dirribaa humna isaa bobbaase nama kana dhabamsisuuf karoorfate. Girmaan ummata hiraarsaa olee gara magaala Shaambootti deebi’aa wayta turetti karaatti eeggachudhaan dhukaasa irratti bane. Waraana guyyaa sana taasisameetti Girmaan miliquus loltoonni isa dukaa tuuran du’aan adabame warri hafan akka irraa baratan nama taasise ture. Kanaan kan baaragan wayyaanoonni magaala Shaambootti debi’ani humna guddaa dabalatani bobbaa sakatta’aa taasisu eegalan.

Baruma kana wayyaaneen humna guddaa itti bobbaafte bakka Tuluu Wandii jedhamutti loola hamaa irratti bante. Loola sa’aa tokko calaaf taasisame kana irratti wayyaanoonni heeddu ajjeefaman, kaan ammoo madoo ta’an. Humni ABO J/Dirribaatiin hoogganamuus baayyina loltu fi meshaa waraanaan caalame kasaaraan guddaa irra gahe. Gotoowwan ilmaan Oromoo Katamaa Taaddasaa fi Ittafaa (Tamasgeen) jedhaman loola kana irratti yeroo wareegaman Kisii Saaqqataa ni madaahe. J/Dirribaa Kumaas waahiillan isaa hafan qabate bakka jijjiirrachuuf dirqame.

Diriibaan haala kanaan jireenya maatii isaa fi jiruu mataa isaa dhiise gabrummaan saba isaa waan boqonnaa isa dhowateef haadha warraa isaa fii ijoollee isa afran diina giddutti dhiise qabsoo bilisummaa Oromoo ABOtiin durfamtu fi jaallewwan qabsoo maati godhate.

Dirribaa Kumaa harkatti galfachuuf bobbaa wal irraa hin citne godhani kan itti milkaahu dadhabani angawootni OPDO fi wayyaane maati isaa dararu hojii dhaabbataa godhatan. Haati manaa isaa addee Yashuumnash Baqqalaa barsiistu mana barummssaa sad 1ffa Shaamboo kan turte yoo ta’u bataluma Diribaan biyya gad lakkisuti gidiraa arguuti kaate.Yeroo dha gara yerooti gantoonni warri kaleessa diribbaa gidirsaa turan qornnoo jechuun yeroo mara waajiratti waamanii dhiphiissuu fi dorsiisuuti ka’an. Bakka Diribaan jiru yoo nu beeksifte yokaan gaafa inni mana dufu yoo nu gargaartte guddina ariifachiisaa fi biyya barbaadde filatee jiraachuu akka dandeessuu ni goona, ijjoolleen kees mana barnnootaa beekama baasii tokko malee akka baratan ni goona fi kkf jechudhaan sossoobu fi dorsisutti ka’an.

Sossoobbaa fi dorsiisa dinaaf haarka laachu kan didde addee Yashumneesh daa’ima waggaa tokkoof ji’a jahaa sire irratti dhifte gaafa 10/08/88 manaa butamte bakka bufata waraanaa ‘Waradaa’ jedhamuutti baati lamaaf hidhamte. Yeroo hidhaati baatu ajaja wayyaanota irraa kennameen hojii irraa akka arihamtu taasisame. Maallaqni isaan mana baanki keessaa qabaniis maqaa Dirribaatiin waan tureef maatiin isaa qarshi kana baasee akka itti hin fayyadamneef ajajni darbe.

Yeroon kuun addee Yashumnesh fi ijoolleeshe arfaniif yeroo qormaataa ture. Ijoolleensaa qananiin guuddatan waan nyaatani bulan amma mana keessaa dhibamutti rakkoo kana hin jedhamneef saaxilaman, uuffata jijjiiratan haanga dhabanittii daaran. Maatii shiftaa jedhamani gargaarsi kamu hawaasa irraa akka isaaniif hin taasisamneef hordooffiin cimaa godhame, akka nama fiira hin qabneetti biyya abbaa isaani irratti akka moggeeffan taasisame, Ijoolleen Dirribaa mana barnootaa kessaatti ija addaan ilaalamu, ijjollee shiftaa jeechudhaan akka isaan shororkaahani barrnoottaa dhaabaniif barattoonni OPDO itti ramadamani carraaqqii heddu godhan.

Rakkoof kan hin jilbeeffane addee Yashuumnesh araqee fi farsoo naqxee ijoollee goota kanaa kabajaan guddisuuf tattaaffii heedduu gootuus namni kamuu mana shiftaa seenee akka hin dhugneef dhiibbaan adda addaa wayyaanootaan waan taasisameef itti milkaahuu hin dandeenye ture.

Harka Diinaa Bu’uu

J/Dirriibaan dirqama addaa fudhate naannoo magaala Bishooftuutti bobba’ee osoo jiruu guyyaa 10/09/91 ALH harka dinaa keessa sene.Sana booda mana hidhaa ma’ikalaawwitti waggaa lamaaf ji’a afuriif eerga hidhameen booda manni murtii bilisaan gad lakkise. Garuu polisiin Oromiyaa ‘gaaffii addaa qabna’ jechudhaan qabanii mana hidhaa magaala Naqqamteetti hidhan. Bara kana wayyaanoonnii dhiimma Ertrea irratti bakka lamatti qoodamani rakkoo guddaa keessa seenani ture. Rakkoo kana keessaa bahufiis OPDO akka haaraatti jajjabeessuuf nama isaani amanamaa ta’e Abbaa Dulaatiin waraana keessaa baasanii mataa OPDO gochuuf yerootti dhama’aa turan ture.

OPDOniis kana galmaan gahuuf barattoota University baha wallaggaatti argaman Naqqamteetti sassaabdee maqaa marii jedhuun yeroo rakkisaa turte ture. Barattoonni walgahi wayyaanee kana irratti argamaniis sodaa tokko male waltajjiima wayyaaneerratti dirgoo baratotaaf kaffalamaa ture irraa $1000 sassaabudhaan Dirribaa fi ilmaan Oromoo siyaasa ABO tiin himatamani mana hidhaa Naqamtee keessatti hidhamani jiran akka gargaarruu taasisame. Maallaqa kana qabannee yeroo jaallan kana dubbisuuf deemneetti J/Dirriibaan torcharaan baayyee akka midhame jiru nuuf ibse ture.

Du’aan Boqochuu

J/Diribaan hidhaa isaa xumurate lakkifamuus midhaa mana hidhaatii irraan gahaa ture irraa kan ka’ee gaafa 15/7/97 addunyaa kan irraa du’aan boqate. Du’a J/Dirribaatiin kan gadda guddaaf saaxilamte haati manaa isaa aaddee Yashumneeshiis gaafa 12/08/2008 ijoolle afuur facaastee du’aan addunyaa kana irraa boqootte.

Xumura Dubbii

Seenaa Jaal Dirribaa Kumaa qaama seenaa ummata Oromoo ti.  Uummatni Oromoo eerga waanjoo gabrummaa jalatti kufeen kaasee biifa adda addaan fincila gaggeessaa turuun isaa ni beekama. Finciloota godhamaa turani fi jiran keessatti gaheen beektootni Oromoo bahaa turani fi jiran seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. Kaabaa fi kiibba bahaa fi dhiha kutaa Oromoo huunda keessatti beektoota Oromoo saba isaaniif jeecha maatii isaanii facaasanii jireenya gadadoo jiraachaa jiraniis ta’e wareegama lubbuu baasani warra ijoolleesaanii abbaa yokaan haadha dhable taasisan seenaan Oromoo yoomu ni yaadata.

Qabsoon Oromoo bifa amma qabdu akka qabaattuu kan taasisee aarsaa gotoonni Oromoo kanneen akka Abishee Garbaa, Dhugumaa Jaldeessoo, Araarsaa Assabaa, Abbaa biyyaa (Bayyanaa Obsi), J/Milkeessaa Gadaa, J/Faariis Hirpha,  fiJaal Dirribaa Kumaa fa’aa kaffalaniin ta’uu dhalootni ammaa ni hubata. Hubachuu qoofa osoo hin taane kaayyoo isaan itti wareegamaniif sana galmaan gahee gabrummaa saba isaa irraa hundeen buqqisudhaaf wareegama barbaachisaa ta’e baasaa jira.

Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa!!

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s