
Bitootessaa 30/2017 AMBOO Gidduugaleessaa Oromiyaa Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessaatti Warraaqsi Biyyooleessa Oromiyaa FXG Gootota Qeerroo Dargaggootaa Barattoota Oromoon durfamu itti fufe.
Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Qophaa’inaa Amboo fi Mana Barumsaa FiiwucheeriJeneerashinii Amboo Guyyaa har’aa Warraaqsa Biyyooleessaa Oromiyaa FXG dhoosuun dhaadannoo armaan gadii dhageesisaan, Konkolaataa lukkeelee Wayyaanee hedduus dhagaan barbadeessaan.
Dhaadannoolee Qeerroon Barattootni Amboo dhageesisan :
1. Gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa kan hundeen bilisummaa fi walabummaa nuuf haa kabajamuu.
2. Dhaabni jalee Wayyaanee OPDOn warraaqsaa FXG kuftee waan jirtuuf nutti deebi’uuf tattaffiin OPDOn gootu hin milkaa’uu, dhaabni yakkamtuun kan uummata Oromoo lafarra ficisiifte OPDOn nu hin bulchitu, dhumaatii ilmaan Oromoof itti nuuf haa gaafataman.
3. Hidhamtootni ilmaan Oromoo hundii haalduree tokko malee haa hiikaman.
Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk