Dargaggoo Oromoo Abbaa Seeraa Hayiluu Kifilee Waraanaa Koomandii Poostii Wayyaaneen Ajjeefame

Image may contain: 1 person, closeupBitootessaa 10/2017 Dargaggoo Oromoo Abbaa Seeraa  Hayiluu Kifilee Waraanaa Koomandii Poostii Wayyaaneen Ajjeefamee Bosona Iluu Abbaa Booraa naannoo Mattuutti gatamee Bitootessa 9/2017  kan argamee yoo ta’uu, Baatii lama fuuldura Ukkaanfamee eessa buuteen isaa kan dhabamee ture ta’uu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Amboo gabaasan.

      Sabboonaan Oromoo Abbaa Seeraa Hayiluu Kifilee yeroo dheeraa humnootaa tikaa Wayyaaneetiin hordofamaa kan ture ta’uu hiriyootni isaa ibsaaniru, Abbaa Seeraa Hayiluu Kifilee dhalatee kan guddatee Magaalaa Amboo aanda 02tti yoo  ta’uu baatii lama fuuldura obbooleettiin isaa Boontuu Kifilee waaan duraa boqotteef gara maatii isaa du’a haadhoo isaa gahuuf Bakka hijii isaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Allaagee irraa ka’ee  ukkaaanfamee eessa buuteen isa kan dhabamee ajjeefamee bosona Mattuu keessa uummata naannoon kan argame ta’uu maddeen keenya gabaasan.
  Yeroo Ammaa kana reeffisaa Magaalaa Walisoon Darbee naannoo magaalaa Sabbataatti dhiyaatee jiraachuu maddeen Qeerroo gabaasan. Sirni Awwalcha isaa guyyaa Boruu bakka dhaloota isaa Magaalaa Ambootti rawwachuu waan maluuf Qeerroon Dargaggootni Oromoo Amboo fi Godina Lixa Shaggar kabajan irratti Argamnee sabboonaa keenya akka gaggeeffannuu jechuun Qeerroon magaalaa Amboo dhaamsa dabarsan.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s