Aside

State Senate Passes Resolution Condemning Ethiopian Authorities’ Violence Against Oromo Students

The following is a copy of the Minnesota State Senate resolution condemning the Ethiopian authorities’ violence on Oromo students, who are protesting the Addis Ababa Master Plan.

http://www.Gadaa.com

Gadaa.com

Tamsaasa Raadiyoolee fi TV Oromoo

Aside

Aside

Qeerroo

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname.

Caamsaa 15,2014 Amboo

Gidduu kana Mootummaa Naannoo Oromiyaati jechuun kan maqaa Oromoo fi Oromiyaatiin of waamaa jirtuu OPDO fi ani president naannoo Oromiyaati jechuun of aaduun walgahii uumataa kan eegalu Muktaar Kadir  ibsa Caamsaa 13/2014 Godina lixa Shawaa Amboo fi Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti miseensota OPDO fi ilmaan Habashaa walitti qabuun kenne ilaalchisuun bakka bu’ootii fi qindeessitooti FDG  Qeerroo bilisummaa Oromoo godina lixa Shawaa Ibsa fi marii Muktaar Kadir gaggeesse balaaleffate jira.

Muktaar Kadir jedhamu ani Mootummaa fi presedantii naannoo Oromiyaatii jechuun erga of ibsee booda sababa FDG gaaffii mirgaa fi dimookiraasii uummaanni keenya Oromoon karaa nagaa gaaffateef balleessa tokko malee qe’ee isatti ajjeefama jiruuf Muktaar Kadirii dabballoota OPDO fi ilmaan habashaa Oromiyaa keessatti dhalatanii guddatan walitti qabuun ibsa armaan gadii fulleetti dubbachuun ni yaadatama. Qabxiiwwaan Gurguddoo Muktaar dabbaloota sirnichaaf kaasee keessa muraasni:Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo.pdf Caamsaa 15

Oromo Ka’ii Falmii! Wallee Haaraa Sabboonticha Qeerroo Jireenyaan Caamsaa 16,2014 Gadhiifame.

Aside

http://youtu.be/NYbpU0OgaeU

Bulchiinsi Yuuniversitii Adaamaa Barattoota Oromoo Dabarsee Akka Kennu Ajaji Wayyaanee Irraa Itti Kenname. Gaaffiin Barattootaas Sodaa Tookkoon Malee Itti Fufe!

Aside

q1Caamsaa 15,2014 Gabaasa Adaamaa

Guyyaa irraa gara  guyyaatti barattootni mana barumsaa garagaraa fi koollejjii akkasuma Yuuniversitiwaan keessatti dabarfamanii harka diinatti kennamuudhaan hidhamaa jiru,kun guyyuu kan itti fufaa jiruudha. FDG Ebla 2015 Oromiyaan bakka hundaatti wal qabatee itti fufuun isaa waan mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa alcheef jecha  barattoota Oromoo sabboonoo tahan tikoota Wayyaaneen adamfamanii qabaman illee gaaffiin mirgaa daran jabaachuun itti fufe.

Har’a Caamsaa 15/2014  waaree booda mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Adaamaa keessaa barattooti Oromoo 15 ol akka barbaadamaa jiran beeksisa baasuun  akka hordofamanii dhiyaatan bulchaan Yuuniversitii kanaa beeksisa baasee ture haala kanaan har’a barattootni 6 harka loltoota badii tokkoon malee loltoota Wayyaaneen qabaman.

1.Adam Goobaanaa-barataa waggaa 2ffaa

2.Eebbisaa Daallee

3.Liiban Tarreessaa

4.Walabummaa Dabalee

5.Booddanaa-barataa waggaa 5ffaa

6.Ganamoo Kurkee

Kanneen jedhaman yeroo tahu, hidhamuun ajjeefamuun barattoota Oromoo daran dachaan qabsoo keenya dabala malee duubatti nu deebisuu hin dandayu kan jedhu Qeerroon Yuuniversitii Adaamaa waraqaalee warraaqsaa galagala kana mooraa Yuuniversitii bakkoota adda addaatti facaasaa fi maxxansaa turaniiru.

 

 

Wallagga Magaalaa Naqamte Keessatti Gaaffiin Mirgaa Darggaggoota Oromoo Itti Fufe.Ogeessoti Fayyaa Hosptala Naqamtee Loltoota Wayyaaneen Reebaman.

Aside

Diddaa

Caamsaa 14/2014 FDG marsaa 2ffaan gootota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaan jabaatee itti fufuun walqabatee mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo meeshaa maleeyyii gaaffii karaa nagaa gaafatan irratti waraanaa bobbaasuun yakka ol’aanaa raawwataa jira.

Tarkaanfii waraannii Mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO/ barattoota Oromoo nagaa karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan irratti fudhatamaa jiru,gocha duggugginsa sanyii (genocide)guyyaa saafaa uummata Oromoo irratti gaaggeeffama jiraachuun beekama.

Waraanni Wayyaanee barattoota Oromoo irratti yakka waraanaa dalagu irra darbee, hospitaala neqamtee cabsee seenuun hojjetoota Hospitaala Naqemtee fi narsootaa fi Dokteroota tajajiila yaalii barattootaaf kennaa jiran irratti tarkaanfii reebichaa fudhachuun yakkii ulfaataa waraana mootummaa abbaa irreetiin magaalaa Neqemtee keessatti rawwatera.

Gochaa faashistummaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti fudhateen barattoota 150 ol haalan madeeffaman keessa kanneen keessaa:-
1. Barataa Gulummaa Baayisaa
2. Barataa Birraa Tasfaayee,
3. Barataa Haptamuu Garradoo.
4. Barataa Ibraahim Mardii,
5. Barataa Taayyee Girmaa
6. Barataa Abdiisaa Raggaasaa
7. Barataa Gammaachuu Dhufeeraa
8. Barataa Gammachiis Geetanee
9. Barataa Tsagayee Hayiluu
10. Barattuu Hawwaa Baqqalee
11. Barattuu Yerusaleem Tamasgeen kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo nagaan tarkaanfii waraannii Wayyaanee irratti fudhateen madeeffamani hospitalaa Naqemtee galanii jiru.

Gama biraan godinuma baha Wallaggattis haaluma itti fufinsa qabuun FDG M/B sadarkaa 2ffaa Haroo Limmuu irras mootummaan Wayyaanee FDG kanatti rifachuun barattoota Oromoo 10 olitti lakka’aman barnoota irra arii’uun bira ga’ameera.
1. Barataa Firaa’ol Amanuu barataa kutaa 10ffaa
2. Barataa Mootilee Garbaa barataa kutaa 10ffaa
3. Barataa Dachaasaa Baqqalaa
Barataa Moosisaa Amantee kanneen jedhaman kan kessatti argaman barattootni Oromoo barnoota irraa arii’atamaa jiru.

Haaluma walfakkatuun FDG Aanaa Giddaa manneen barnootaa sadarkaa tokkooffaa fi 2ffaa dabalatee uummata waliin ta’uun m/b Lalistuu Hangar sadarkaa 2ffaa keessattis diddaan jabaatee itti fufee jira. Kana malees Aanota akka Limmuu galilaa, Ebantuu, Saasiggaa, jedhaman keessatti diddaan jabaatee itti fufuun mootummaa abbaa irree yaaddoo keessa galchuun humna waraanaa uummataan wal hin madaallee uummatatti gadhiisuun guutummaan Godina Bahaa Wallaggaa raafamaa jira.
 

FDG Godina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Najjoo Irratti Itti Fufe

Aside

Caamsaa 15/2014 NajjooGabaasaa Qeerroo magaalaa Najjoo irraa addeessuun armaan dura FDG yeroo uummanni keenyaa fi barataan keenya wal qabatee ka’etti humni tika Wayyaanee bittimsaan sun uummata burjaajessuudhaan hin milkaa’in hafne,Yeroo isaa eeggatee jiraattota uummata magaalattii fi barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi qophaayinaa dabalatee har’a caamsaa 15 FDG dhoyee jira.Biyyaa fi saba ofitiif wareegamuun waan baratameedha,mootummaan Wayyaanee ilmaan oromoo dhiiga isaa akka bishaanii dhangalaasuun oromiyaa gad hin dhiisu,galii irraa argachuunkoo itti fufa,lafa oromoo ciree gurguruunkoo nan jabeeffadha se’ee uummata bal’aa waraana isaatiin fixuun akkuma karoorsee fi ittan fufa jedhee labsachaa jiru kana ammallee mormuudhaan gaaffiin keenya hamma wareegamaatti nuuf deebi’uu qabaadhaan uummanni magaalaa kana har’a gaaffiiwwan mirgaa qabatanii diddaa isaanii itti fufanii jiru.
-oromiyaan kan oromooti mootummaan Wayyaanee nurraa haaka’u
-Mootummaa sanyii keenya fixaa jiru yaa waaq nurraa buqqisi
-Oromiyaan haa bilisoomtu

-Afaan oromoo afaan hojii fi federaalaa haata’u
-waraanni wayyaanee oromiyaa keessaa haa bahan
-Uummata keenya hidhame mana hidhaatii haa bahan,fi kkf
Jedhuun uummanni fi barattootni gamtaadhaan diina dura dhaabbatanii dhaadachaa turan,humni waraana wayyaanee rasaasaan doorsisuudhaan namoota hedduu daa’ima,jaartii osoo hin jedhin gara mana hidhaatti guuraa turan,kan hafan uummanni diddaa kana itti fufuuf qophii irra jiru.

Har’a Caamsaa 15,2014 FDG Magaalaa Laqamtee Irratti Itti Fufe

Aside


Caamsaa 15,2014 Naqamte

Har’a caamsaa 15,2014 barattootni koollee fi mana barumsaa garagaraa keessatti argaman gaaffin gaafatame deebi’uu qaba kan jedhuun barattootni FDG marsaa lammaffaa itti itti fufunii jiru.Battaluma barattootni bakka garagaraatii walitti dhufuuf ka’anitti humni waraana wayyaanee kan duraan jiru irratti humna uummata ol kan tahe magaalicha guutummaatti fe’amee jira,waraanni wayyaanee guutummaa magaalaa Laqamtee keessa buufatee jira,diddaan barattoota sodaa malee akka itti fufu waamicha gochaa jiru,Gaaffiin bu’uuraa hamma deebi’utti barattootni oromiyaa keessa jirtan haa kaanuun dhaamsa barattoota mana barumsaa fi koollejjii garagaraa magaalaa Laqamtee keessatti argamuudha. FDG itti fufa hamma galii isaa gahutti!

Caamsaa 14,2014 Gara Jabeenya Wayyaanee TPLFn Magaalli Naqamte Akkasitti Oolte.

Image

Laqamtee laqamteeee Naqamteee23 Naqe Naqe2 Naqe23 Naqe245 Naqee34 Naqeee Naqeeee Naqi99 naqmte99 naqmte99 naq989

Mooraan Yuuniverstii Jimmaa Waraana Wayyaaneen Goolamaa Jira.Barattooti Oromoo Hedduminaan Reebamuu fi Hidhaamuu Osooo Hin Dheessiin FDG Itti Fufan

Aside

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba'an

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba’an

Caamsaa 14,2014  mootummaan abbaa irree Wayyaanee abbaa irree dhabaa jalee isaa fi meeshaa isaa OPDOtti fayyadamuun barattoota Oromoo maqaa gara Yuuniversitiitti deebi’aa jedhuu olola haaraa banatee ilmaan Oromoo irratti FDG bifa haaraan banatee barattoota barsiisota jiraattoota magaalaa, daldaltoota utuu hin jenne jumlaan mana hidhatti uummata guuraa jira.

Haaluma kanaan Univarsitii Jimmaa irraa barattootni Oromoo huma tikaa, waraanaa fi poolisii Federalaan ukkanfama jiru.

1.Barataa Mo’iiboon Baqqalaa mummee fayyaa waggaa 3ffaa mooraa main cumpas Jimmaa irraa
2.Tasfayee Nugusee mummee mechanical Engeenering wagga 3ffaa, mooraa Saayinsii fi Technology Jimmaa kittoo Furdisaa irraa
3.Barataaa Damee barataa mummee Engineering waggaa tokkoffaa mooraa saayinsii fi Technology Jimmaa Kittoo Furdisaa irraa.

Kannee keessatti argamaan barattootni Oromoo nagaan ukkaanfamanii gara geeffaman beekama hin jiru, kun utumaa kanaan jiruu sochii FDG haalan jaabaataa fi Wayyaaneen dura dhaabbachuu hin dandeenyee qabsiifama jirachuun hubatamera.

Mooraa Yunversiitii Jimmaa keessatti baay’inni waranaa dachaa baay’ina barattoota ta’uun mooricha dachii waraanaan weeraramte fakkeessee jira.