Barattoota Sabboontota Oromoo Adaamaa Irraa Bakka Buuteen Isaanii Dhabame Mana Hidhaa Maa’ekilaawwi Keessatti Dararama Guddaa Keessa Jiru

Aside

Gabaasa Qeerroo Adaamaa,Caamsaa 20,2014

Gabaasa Qeerroo magaala Adaamaa Caamsaa 20,2014 akka addeessuun ammaan dura sabboontotni barattootni Oromoo Yuuniversitii Adaamaa irraa hidhaman muraasni isaani tasa bakka buutee isaanii dhabamee ture,akka gabaasaa kanaatti odeeffannaan isaa karaa caasaa mootummaa Waayyaanee irran dhufeen barattoota sadii Yuuniversitii magaalaa Adaamaa irraa adda godhee mootummaan Wayyaanee isin FDG akka magaalattis tahe Yuuniversitii keessatti adda durummaan gaggeessaa turtan,jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessitu fi sochii qabsoo bilisummaaf dargaggoonni deeman waliin wal qabsiisuun bakka biraatti dhoksaadhaan reebicha hamaa isaan irratti raawwachaa turan. Amma garii isaanii gara mana hidhaa Maa’ikelaawwii bakka lubbuun ilmaan namootaa keessatti dhumte fidani jiru, kan hidhamanis namoota irraa adda baasanii bakka iji namaa hin argine dukkanaan golgalamee jiru keessatti dararamaa jiru. Isaan keessaa barataa Mokonin Kabbadaa kan jedhamu reebichi hamaan isa mudatee Hosptala galee jiraachuu isaa gabaasi maadhee Wayyaanee keessaa nu gahe addeessa. Barattooti Kunis:-

  1. Barataa Addunyaa Kiisoo-barataa Yuuniversitii Adaamaa waggaa 4ffaa suuraan isaa fuula kana irratti kan argamu,kanaan duras gabaasnee kan turre,
  2. Bilisummaa Daammana-barataa GC kan ture ykn kan barana eebbifamu,
  3. Mokonin Kabbadaa kan jedhamaniidha.

Egaa mootummaan Wayyaanee ammas ilmaan Oromoo hidhuu irraa kan boodatti jedhu miti kufaatiin isaa waan hin hafneef kana of oolchuuf mana hidhaa Oromiyaa keessatti baayifatee Oromoo kanneen sabboonummaa qaban hidhuutti sadarkaa maraannaa keessa seenee jira,hidhamuu fi dararamuu barattoota kanaaf barattootni sabbontotni Oromoo mooraa Yuuniversitii Adaamatti argaman hunduu ajjechaa,ariyama manneen barnootaa fi hidhamuu ilmaan oromootiif hawaasni oromoo hunduu akka nu waliin hiriiruuf FDG jabeessu dhaamsa dabarsina jedhu.

Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gargaaraa

Aside

MinishuCaamsaa 19/2014 Gootichi Oromoo Dargaggoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gargaaraa abbaa isaa Obboo Mallasaa Gargaraa fi harmee isaa Addee Dastaa Taddasaa  irraa bara 1978 Godina Lixa Shawaa aanaa Amboo ganda  Baayyoo fi Qumbiitti  dhalaate. Sabboonaan Oromoo diinaaf hin jilbeeffannee kun  Caamsaa 16/2014 Maagaalaa Adaamaa Keessatti utuu inni hiriyoota isaa ilmaan Oromoo mana hidhaa magaalaa Adaamaa keessatti hidhamanii jiran hiriyaa isaa ‘’Bilisummaa Lammii’’  waliin gaafatee deebi’aa jiruu, rasasa humnoota tikaa wayyaanee irraa itti dhukaafameen rukutamee battalatti du’uu waan dideef humnootni tikaa Wayyaanee gochaa gara jabina fi hammeenya guddaan guutameen lamaan isaanii (Milishuu(Abdii) fi Bilisummaa Lammii)  iyyuu konkolaataan duukaa fiiguun konkolaataa irra baasuun yakki ajjeechaa gara jabinaa ilmaan Oromoo kana irratti raawwatee jira.

Sabboonaan Oromoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gargaaraa umrii ijoollummaa isaa irra eegaluun sochii warraaqsa FDG dargaggootni Oromoo gaggeessan keessatti hirmaachuun gumaacha guddaa taasisaa nama turedha. Sochii FGD Goototni dargaggootni Barattootni Oromoo  yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti gaggeessa jiran keessatti illee himaannaa guddaa gochuun falmii bilisummaa diina waliin utuu gaggeessa jiru, uummata isaaf sabboonaa Oromoo wareegama lubbuu kanfaleedha. Sabboonaan kun yeroo ammaa Magaalaa Adaamaa keessatti hojii daldalaa xixiqqoo itti of jiraachisuu hojjetachaa nama qusannaa tokkoo malee bilisummaa uummata Oromoof kufee ka’ee hojjetudha ta’uu seenaan isaa ni addeessa. Kana malees sabboonaan Oromoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gaargaaraa asi fuldura bara 2009—2011tti Oromummaa isaan  yakkamee Mana hidhaa Maa’ikalawii fi Qaallitiitti hidhamee , dararamaa turuun boodarraa yakka tokko waan hin qabneef  ergaa waggaa sadii oliif dararamaa turee booda karaa mana murtii wayyaanee  yakki isa himachiisuu dhibamuun gadi gadhiifamera.  Mana hidhaa keessas ba’ee sabboonaan Oromoo kun kaayyoo Oromummaa fi bilisummaa saba koof duubatti hin deebi’uu jechuun qabsoo FDG sabboontotni Oromoo biyyaa keessatti gaggeessa jiranitti hirmaachuun hanga wareegama lubbuutti mirga uummata isaa kabachiisuuf arsaa kanfaluu danda’ee jira.

Sirni awwalchaa  sabboonaa jaalatamaa  Oromoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gargaaraa guyyaa kaleessa  caamsaa 19/2014   bakka dhaloota isaa Godina Lixa Shawaa Aanaa Amboo  Magaalaa Meexxii jedhamtu bakka Kosoboo jedhamutti lafa Ilmaan Oromoo  10,000 olitti lakka’amanitti argamanitti rawwateera.

Uummaannii fi dargaggeessi Amboo sirna gaggeessa goota kanaa irratti argaman dhaadannoo gumaan kee  ni baafna, Oromiyaan ni bilisomti, abbaan irree yeroof malee ni kufa, qabsoon itti fufa, gaaffii keenyaaf dhala keenya ajjeessuun deebii ta’uu hin danda’u, Uummaanni Oromoo walitti haa birmannuu, Mootummaa dhala keenya ajjeessaa jiru waliin hin jiraannuu jechuun sagalee guddaan dhaadannoon dhageesisuun gochaa diinumaa mootummaa Wayyaanee balaleffataniru.

Yaakki Ilmaan Oromoo Irratti Raawwatamu Itti Fufee Har’a Caamsaa 20,2014 Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa 4 Waggaa Tokkoof Barnoota Irraa Akka Arihaman Bulchiinisi Mooraa Beeksise.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Caamsaa 20,2014

Q NEWS3AAMooraan Yuunivarsiitii Jimmaa erga mooraa dabbaallee siyaasaa EPRDF/TPLF/OPDO ta’ee tasgabbii dhabee barattootaa fi loltoota Wayyaanee jidduu rakkooleen ilaalcha siyaasaa haalaan babbaldhatee jira.Moorichis mooraa waraanni bulchu malee bulchiisa mataa isaa kan qabu hin fakkaatu. Baratooti Oromoo qaroo fi barnoota isaanii irratti qabxiilee jajjabaa qaban barnoota irraa kan ari’u bakka bulchiinsa bu’ee Tikoota Wayyaanee dha.

Haala kanaan barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaa har’aa Caamsaa 20,2014 Waggaa tokkoof barnoota idilee isaanii irraa ari’aman keessaa:
1. Barataa Falmataa Bayechaa barataa Medicine Waggaa 5ffaa,
2. Barataa Galaanaa Ababaa barataa Governance and Developmental studies Waggaa 3ffaa
3. Barataa Zabbanaa Barasaa barataa Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa fi
4. Barataa Abdii Turaa barataa Seeraa Waggaa 5ffaa kanneen waggaa tokkoof barnoota irra arii’ataman yoo ta’u, barattootni lama ammo akeekkachiisa dhumaa itti kennamera.
1.Barataa Israa’el Haptaamuu fi
2.Barataa Huseen Umaar kanneen jedhamanitti immoo akeekkachiisa
dhumaa kennuun gochaan diinuummaa karaa dabbaloota Wayyaanee EPRDF fI TPLF mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa ilmaan Oromoo nagaa irratti rawwacha jira.

Heddummina,Bakkaa fi Manneen Hidhaa Oromoonni Keessatti Hidhaman Ilaalchisee, Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Qeerroo

FDG Ebla 2014 Ka’een Walqabatee Oromoonni 2390 Ta’an Mannneen Hidhaa Adda Addaa Keessatti Dararamaa Jiru. 1700 ol Ammoo Bakka Buuteen Isaanii Hin beekamne. Hidhamuu Jeeffamuu fi Bakka Buuteen Dhabamuu Oromoof Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamaa Dha!!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 20,2014. Finfinnee

Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran.

Gabateen Armaan Gaditti Argamu FDG Ebla 2014 Oromiyaa Keessatti Qabatee Mirga Abbaa Biyyummaa Gaafachuu Irratti Mootummaa Wayyaaneetiin Hidhamanii Jiran Oromiyaa fi Sadarkaa Federaalaatti  Baayina Namoota Mana Hidhaa Keessatti  Dararrii Guddaa Keessa Jiranii fi Yeroo Ammaa Nuuf Birmadhaa Jedhanii Iyyachaa Jiran.

Oromoonni 2390 ta’an kun manneen hidhaa armaa gadii keessatti haalaan dararamaa jiran fi kanneen 1700 ta’an bakka buuteen wallaalames dabalatee hatattamaan akka gadhiifamanii fi gaaffiin mirgaa Oromootaa deebii gahaa argachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa gadi jabeessee dhiheessa. Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran. Caamsaa 20 2014