
Ilu-Abbaa Booraa, Mattuu:- Camsaa 1/2014 Godina Kibba Lixa Oromiyaa Iluu Abbaa Booraatti FDG utuu wal irraa hin citiin guyyaa 4ffaaf jabatee itti Fufe. Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu fi kolleejjii Barsiisota Mattuu, Uummata Oromoo magaalaa Mattuu fi Dargaggoota Oromoo magaalaa Mattuu hidhaan, reebbichii, dhukaasaa sagalee gurguddaa qabu irratti dhukaasuun, gaazii summaa’aa nama bossisuu irratti dhukaasuun kayyoo fi ejjeennoo Qeerroo dargaggootaa fi Barattoota Oromoo jijjiruu hin dandeenye, guyyaa har’aa qotee bulaan godinichaa fi nannawaa magaalaa Mattuu Jiraatu FDGtti dhufee dabalamee gaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa jechuun dhaadannoon itti fufe.
Waan ajaa’ibsiisaa ta’ee dargaggoonni fi barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu hiriira ba’anii dandii guddaa Magalicha keessa fi daandii gara Yuunibarsiitii Mattuutti geessuu cufuun taa’anii hanga deebiin nuuf kennamutti hin kaanu yoo nu fixxan nu fixaa jechuun poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an garaa raasaa jiru, waraannii fi Federallii reebee itti dhukaasee akka wareeranii baqataniif yaalii hedduu godhee dadhabuutti jira uummannii fi barattootni deebii nuuf kennaa jechuun ammallee dhadannoon itti fufe.
Lixa Shawa Amboo fi Gudar :- Caamsaa 1/2014 Godina Lixa Shawa Amboo fi Gudaritti FDG jabaatee Itti fufee jira Ummaanni Oromoo fi Dargaggeessii,dargaggoon keenya du’ee, uummanni keenya dhiigni dhangala’ee, manatti deebinee hin galluu bilisummaa keenyaaf wareegamna jechuun Uummaanni Magaalaa Amboo fi Gudar walitti dabalamuun falmii qabsoo gitaa gaggeessuutti seenee jira. Har’a Hirriira guddaatu Magaalaa Gudar keessatti gaggeeffamaa jira, Uummaannii Buufata Waraanaa Magaalaa Gudar keessaa jirutti Ibidda qaqbsiisuun kambiin waraanaa Gudar irra jiru gubachaa jira. barattootni Oromoo lama Magaalaa Gudar irraatti rasaasan rukutamanii Wareegamuu hin hafne amma bilbilatu seenuu didee rakkachaa jirra,
Dandiin Amboo Wallaggatti geessu ammas haalaan cufamaa jira, daandiin guddaa konkolaataan Finfinnee gara dhiha Oromiyaa geessuu kun badiyyaattii bakkoota akka Tokkee, Baabbicha, Gooroo Soolee jedhaman fa’itti qotee bulaan ba’ee muka karaa irratti jigsuun cufee jira. karaan darbaa magaalaa Amboo keessatti rakkisaadha, Waraannii guddaan Magaalaa Amboo keessatti uummata waliin wal reebaa jira.
Magaala Amboo:- Barsiisota Oromoo Mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa irraa humna waraanaa Wayyaaneen ukkaffamanii qabamanii hidhaman
1. Barsiisaa Nahiim Waaqumaa Barsiisaa Herreega
2. Barsiisaa Waqjiraa Marabbaa barsiisaa Geography
3. Barsiisaa Ababaa Caalumaa Barsiisaa Herreegaa
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Amboo irraa guyyaa har’aa Caamsaa 1,2014 hidhamanis:-
1.Barataa Caalaa Fayisaa mummee Fayyaa waggaa 3ffaa
2.Barataa Wabii Xilahuun Mummee Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa fi Barreessa kitaaba mata dureen isaa ‘Hidha-Hiikame” jedhu kan barreesse.
3. Barataa Damee Aliyyii Aggro Business waggaa 3ffaa,
4,Barataa Gadaa Samu’eel Farmaasii Waggaa 1ffaa kannen keessatti Argaman
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...