Artisti Daadhii Galaan/ Dagachuu hin ta’u kan kalee
Aside
Barattoota Oromoo kan Yuuiversitoota garagaraat osoo karaa nagaan hiriira bahani dhimma abba biyummaa isaanii falmata jiranuu lubbuun isaanii waraana mootummaa Wayyaanen darbite keessaa seenaa gabaabaa barattuu Tigist Maammoo Simaa isiniif qooda.Tigist Abbaa ishee Obbo Maammoo Simaa fi Haadha ishee Aaddee Ayeetuu Maammoo irraa bara 1992 akka lakkoofsa Oromootti Biyya Oromiyaa Godina Kibba lixa Shawaa Aanaa sadeen Sooddoo Ganda Saaririti jedhamutti dhalattee.Mana barnoota sadarkaa 1ffaa kan barattee 1_8 mana barnoota Calalaqa kan jedhamu miilan deemsa sa’a lama deemte barattee.sadarkaa 2ffaa 9_12 mana barnoota Harbuu Cululleetti baratte.Akkasuma qabxii gaarii fiduun Yuuniversitii Maddaa Walaabutti waggaa 1ffaa barata osoo jirtuu FDGf n gaaffii mirgaa baratooti Oromoo Ebla 28,2014 kaasaniin wal qabatee rasaasa diinaan wareega lubbuu saba Oromoof jecdha kafalte.
Gootittiin Oromoo Tigist Maammoo dhalattee ganna 22ti gootummaan uumata Oromoof wareega kafalete. Qabasaawaan yoo kufe illee Qabsoon itti fufee kaayyoo isaanii bakkaan ni gaha.
Paarlaamaan EPRDF (Etoophiyaa) Angoo kan hin qabane,Uummata Oromoo fi lammiilee biyyatti bakka bu’uu kan hin dandeenye ta’uu Qeerroon Ibsa gababaa haala paarlaamaa sirna EPRDF fi gaaffii karaa nagaa FDG Uummata Oromoo gaafachaa jiruuf deebii kennama jiru irratti hundaa’uun mirkaneessee jira.
Dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunivarsiitoota, Kolleejjotaa fi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa keessatti uummata waliin gamtaan hiriiruun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafataniif Mootummaan waraanaa fi qawween reebuun deebii kennee jira. Oromiyaa keessatti Presidenttootni dhaabbilee barnoota ol-aanoo Yuunivarsiitii miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF ta’uun abbaa irrummaa fi Faashistummaa uumata irratti deemsisaa jiru. Miseensotni kun itti gaafatama seenaa fi seeraa jala ba’uu hin danda’an.
Haala Yeroo ammaa sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitii keessatti qabateef miseensotni Parlaamaa presidentooni Oromoo mooraa Yuunivarsiisii, dhaabbilee barnoota irraa gaaffii Uummataa karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyaateef deebisuu irra Uummata nagaa gaaffii mirgaa gaafate irratti humna waraanaa bobbaasuun yeroo ammaa kanatti mooraan Yuunivarsiitota akka Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Mattuu, Adaamaa, Finfinnee, Harammayyaa, fi Maddaa Walaabuu fa’aa keessatti barattootni Oromoo Jumlaan hidhatti guuraman, humna Waraanaan reebaman, humna waraanaa fi tikaa Wayyaaneen ajjeefaman, humnoota Mootumma kanaan gara dabarfaman.
Yeroo gochaan suukkaneessa fi gara jabinaa kun barattoota Oromoo dabtaraa fi isrsaasa(pencil) malee meeshaa tokko of harkaa hin qabne irratti rawwatamaa jirutti maqaa Presideentota Yuunivarsiitii Oromiyaa fi bakka bu’ummaa miseensa Parlamaa EPRDF qabatanii barattoota lammii isaanii ta’an Oromoota irratti daba kana fakkaatu warri raawwattan martinuu gaafatama seenaa bara baraa jalaa akka hin bane Qeerroon Bilisummaa bakka jiranitti xalayaa Waajjira Parezedantoota armaa gadiitti kenneen beeksisee jira.
Kanneen kunis ta’e warri hafan kaan aangoo fi sadaqaa mootummaan Wayyaanee itti kennuun dabarsanii ilmaan Oromoo akka hin kenninee fi daba gita hin qabne uumata Oromoo irratti raawachuu akka dhaaban Qeerroon Bilisummaa ifatti isaan beeksisee jira.
Guyyaan Caamsaa 22/2014
Qabsoon FDG Hanga Sirna Wayyaanee Hundeen Buqisu Hin Dhaabbatu!
Kan dhageettii miti kan ijaan arginu kan dhugaan iyyatee addunyaa waammattu yeroo sabni balaan saamamuu lafa isaatii fi dhumaatii ijoollee isaaf gaaffii ol kaafatu maatii salphoo keessatti kan dhalatee guddate kan safuu hin beekne mootummaan wayyaanee uummata guddaa maanguddoo fi ijoollee hin jedhu rasaasaan reebee ajjeesa. Nuti maadhee Iftuu Bariiti,karaan danqaraa qofa tahe kan wajjin maadditti dhiyaatan lama keessaa tokko gurgurataadha,abbaa isaa kan garaaf dabarsee dhala dhalee fi dhalche dabarsee kennaa jira. Nuti uummata keenya waliin,uummata jiraattoota aana Sulultaa,Qote Bulaa aanaa kanaa fi barattoota manneen barnootaa sadarkaa garagaraa jalatti argaman waliin wal taanee hojii mootummaa wayyaanee ni balaaleffanna.
Mootummaan Wayyaanee aangoo isaa irra guyyaa tokko hin turu kan irra bubbulchee achirratti qallabaa jiru dhaaba OPDO kan saba isaaf ilaalcha sabummaa herregee hin beekneedha.Hara mootichi hojii isaatti qaanaaa hin jiru saba biraa keessaa kan dhalate gara dhaaba kanaatti harkisee ogganummaa olaanaa kenneefii diddaa uummata oromoo kan danqaru tolfatee jira,uummanni keenya kan beekuu qabu mootummaan kun mootummaa waltawaatti biyya dimokiratooftuu jedhee addunyaa sobuudhaan keessaan ammoo kaayyoo duguuginsa sanyii oromoo irratti gaggeeffachaa raawwachaa jira, harI bor miti bor waa hedduutu jijjiirama OPDOn hara saba oromoo gurgurataa ilmaan oromoo ficcisiisaa jiru gaafa oromiyaan bilisoomte uummata isaa kana waliin jiraachuun hin hafu bor garuu yaada maalii dhiyeessaa maal jedha kan jedhuuf bortu beeka! Kanaaf nuti akka maadhee Iftuu Bariitti gocha mootummaa wayyaanee balaaleffachuuf ammas uummata keenya waliin hiriiruuf barataan oromoo waa hundaanuu sila miidhame FDG qixa kamiinuu barumsa isaa dhaabee itti fufuu qaba,uummanni keenya bakka hara kauun miidhaa boruu isn irra gahu hambisuudha, hara falmachuun carraa ijoollee keessanii kan boruu mirkaneessuudha. Dhaabni OPDO uummata Oromoo bakka buuu akka hin dandeenye beekuu qabna,isaan kun gariin isaanii buaa dhuunfaatiif akka jiraataa jiran hubachaa:-
1. FDG torbeewwan sadii dura oromiyaa keessatti dhoe bifa haaraadhaan itti fufsiisuuf yeroo fi guyyaa tokkichatti wal beellamnee kauu.
2. Hanga guyyaan beellamaa gahutti miseensota OPDO keessaa kan diddaa fi gaaffii keenya deggeran irraan waan boru danqaraa nutty tahu isaan irraan hubannee hara keessaa ciruudha,
3. Rakkoon saba Oromoo dhaabbilee amantaa fi jaarmayaa Oromoo garagaraa quuquu hin didne,kun eenyuttiyyuu kan dhagaamuudha isa dhageettii miti ijaan utuu arginuu gaafa ni ciru gaafa nu ajjeesu kun bor saba biraallee nu tuffachiisa,FDG kun as dhiyootti bifa haaraadhaan itti fufuuf waamicha keenya maqaa maadhee keenyaa fi saba balaatiin dabarsina.!
Injifannon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Waamicha FDG Maadhee Iftuu Barii,Sulultaa Irraa!