Bulchiinsi Yuuniversitii Adaamaa Barattoota Oromoo Dabarsee Akka Kennu Ajaji Wayyaanee Irraa Itti Kenname. Gaaffiin Barattootaas Sodaa Tookkoon Malee Itti Fufe!

q1Caamsaa 15,2014 Gabaasa Adaamaa

Guyyaa irraa gara  guyyaatti barattootni mana barumsaa garagaraa fi koollejjii akkasuma Yuuniversitiwaan keessatti dabarfamanii harka diinatti kennamuudhaan hidhamaa jiru,kun guyyuu kan itti fufaa jiruudha. FDG Ebla 2015 Oromiyaan bakka hundaatti wal qabatee itti fufuun isaa waan mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa alcheef jecha  barattoota Oromoo sabboonoo tahan tikoota Wayyaaneen adamfamanii qabaman illee gaaffiin mirgaa daran jabaachuun itti fufe.

Har’a Caamsaa 15/2014  waaree booda mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Adaamaa keessaa barattooti Oromoo 15 ol akka barbaadamaa jiran beeksisa baasuun  akka hordofamanii dhiyaatan bulchaan Yuuniversitii kanaa beeksisa baasee ture haala kanaan har’a barattootni 6 harka loltoota badii tokkoon malee loltoota Wayyaaneen qabaman.

1.Adam Goobaanaa-barataa waggaa 2ffaa

2.Eebbisaa Daallee

3.Liiban Tarreessaa

4.Walabummaa Dabalee

5.Booddanaa-barataa waggaa 5ffaa

6.Ganamoo Kurkee

Kanneen jedhaman yeroo tahu, hidhamuun ajjeefamuun barattoota Oromoo daran dachaan qabsoo keenya dabala malee duubatti nu deebisuu hin dandayu kan jedhu Qeerroon Yuuniversitii Adaamaa waraqaalee warraaqsaa galagala kana mooraa Yuuniversitii bakkoota adda addaatti facaasaa fi maxxansaa turaniiru.

 

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s