Caamsaa 14/2014 FDG marsaa 2ffaan gootota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaan jabaatee itti fufuun walqabatee mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo meeshaa maleeyyii gaaffii karaa nagaa gaafatan irratti waraanaa bobbaasuun yakka ol’aanaa raawwataa jira.
Tarkaanfii waraannii Mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO/ barattoota Oromoo nagaa karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan irratti fudhatamaa jiru,gocha duggugginsa sanyii (genocide)guyyaa saafaa uummata Oromoo irratti gaaggeeffama jiraachuun beekama.
Waraanni Wayyaanee barattoota Oromoo irratti yakka waraanaa dalagu irra darbee, hospitaala neqamtee cabsee seenuun hojjetoota Hospitaala Naqemtee fi narsootaa fi Dokteroota tajajiila yaalii barattootaaf kennaa jiran irratti tarkaanfii reebichaa fudhachuun yakkii ulfaataa waraana mootummaa abbaa irreetiin magaalaa Neqemtee keessatti rawwatera.
Gochaa faashistummaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti fudhateen barattoota 150 ol haalan madeeffaman keessa kanneen keessaa:-
1. Barataa Gulummaa Baayisaa
2. Barataa Birraa Tasfaayee,
3. Barataa Haptamuu Garradoo.
4. Barataa Ibraahim Mardii,
5. Barataa Taayyee Girmaa
6. Barataa Abdiisaa Raggaasaa
7. Barataa Gammaachuu Dhufeeraa
8. Barataa Gammachiis Geetanee
9. Barataa Tsagayee Hayiluu
10. Barattuu Hawwaa Baqqalee
11. Barattuu Yerusaleem Tamasgeen kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo nagaan tarkaanfii waraannii Wayyaanee irratti fudhateen madeeffamani hospitalaa Naqemtee galanii jiru.
Gama biraan godinuma baha Wallaggattis haaluma itti fufinsa qabuun FDG M/B sadarkaa 2ffaa Haroo Limmuu irras mootummaan Wayyaanee FDG kanatti rifachuun barattoota Oromoo 10 olitti lakka’aman barnoota irra arii’uun bira ga’ameera.
1. Barataa Firaa’ol Amanuu barataa kutaa 10ffaa
2. Barataa Mootilee Garbaa barataa kutaa 10ffaa
3. Barataa Dachaasaa Baqqalaa
Barataa Moosisaa Amantee kanneen jedhaman kan kessatti argaman barattootni Oromoo barnoota irraa arii’atamaa jiru.
Haaluma walfakkatuun FDG Aanaa Giddaa manneen barnootaa sadarkaa tokkooffaa fi 2ffaa dabalatee uummata waliin ta’uun m/b Lalistuu Hangar sadarkaa 2ffaa keessattis diddaan jabaatee itti fufee jira. Kana malees Aanota akka Limmuu galilaa, Ebantuu, Saasiggaa, jedhaman keessatti diddaan jabaatee itti fufuun mootummaa abbaa irree yaaddoo keessa galchuun humna waraanaa uummataan wal hin madaallee uummatatti gadhiisuun guutummaan Godina Bahaa Wallaggaa raafamaa jira.