Hayyama Hiriira Nagaa Paartiin SLM Gaafateef Deebisaan Wayyaanee Irraa Kenname Diddaa Dha!

Aside

Caamsaa 25,2014 Hawaasaa

Sidama Weddelli (Dargaggoo Sidaamaa) FDG itti fufuun gama biraan Uummatni Sidaamaa mormii mootummaa Wayyaaneef qabu dhageessisuuf SLM paartiin eeyyama hiriira nagaa karaa seeraa wayyaanee gaafate. Mootummaan Wayyaanee garuu eeyyama kana ni dide. Deebiin Wayyaanee kan SLM dhaaf debei’e akka maxxanee jiru kana ta’a. Kanas ta’u  Godina Sidaamaa aanaalee fi manneen barnootaa keessatti diddaan eegalamee jira. Yuunivarsiitii Hawaasaa keessattis sodaa diddaan eegalama jedhuun humni waraanaa dabalamee jira.FDG Oromiyaa fi naannoo Sidaamaa bifa daran jabaateen itti fufa.

FDG itti fufuun Godina Baalee Roobee keessa uumanni Oromoo wal gahii Wayyaanee lagaachuun diddaa itti fufe

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 25,2014 Roobee

DiddaaGaaffii mirgaa Uummatni oromoo Oromiyaa keessatti gaafachaa jiru gara shororkeessummaatti jijjiiruun olola TPLF irraa daballootni Wayyaanee Godina Baalee Magaala Roobee fi naannoo ishee keessa naannessuuf fudhatan Uummatni gamtaan fashalsee jira. Dabballootni mootummaa Wayyaanee aanaa kana keessatti olola wal irraa hin citne gaggeessuuf Uummata wal gahii fi hiriira nagaa dirqamaan baasuufwayita bobba’anitti Uummatni harkatti fashalsee jira. Uummatni wal gahii mootummaan Wayyaanee qopheessite kan dhaquu dide yoommuu tahu daballootnii fi ergamotootni wayyaanee waraanaan Uummata hiriira baasuuf bobba’anis Uummatni gamtaan diddaa dhageessisee jira. Dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’ee fi dhangala’aa jiru irra tarkaanfachuudhaan kanneen QBOttii fi wareegama kaffalamaa jirutti bishaan naqaa jirtan itti gaafatamummaa keessaa hin baane keessa seenaa waan jirtaniif gufuu QBO tahuu irraa akka dhaabbattan hatattamaan quba isin
qabaachisna jechuun Uummatni aanaa kanaa dhaammatee jira.

Itti dabalee Godinuma Baalee Roobee keessatti ammoo Uummatni walgahii wayyaanee dhaquu didee diddaa itti fufee jira. Karaa cufuu fi midhaan gabaatti baasuu diduudhaan dhiphina jabaa keessa seensisanii jiran

Kana malees Yuunivarsiitii Hawaasaa keessattis sodaa diddaan eegalama jedhuun humni waraanaa dabalamee jira.

Dr,Gizaachoo Teessoo Waayee Master Plan Magaalaa Finfinnee Irratti Gaaffii fi Deebii VOA Waliin

Aside

Dr,Gizachoo

Part 1

Part2

Humni Dabalata Waraanaa fi Tika Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Jimmaatti Ramadame. Yuuniversitii Mattuu Ammoo FDG Itti Fufee Bulchiinsi Uni Barattootis Nyaata Dhorkamuun Akka Adabaman Taasise.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGCaamsaa 24,2014 Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa humna waraanaa guddaan fi humna basaasa Wayyaanee heddumina qabutu itti bobbafamee eegamaa jira.

Humni waraanaa fi basasaa kun barattoota nagaa qabee reebuu, hidhuu, doorsiisuu, barnoota irraa ari’uu, hojii idilee sa’aa 24 guutuu hojjetan godhachuun Yuunivarsiitii goolaa jiru.

Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa humnoota basasaa fi tika Waayyaanee hedduminaan mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatti guuramaa jiraniif dirqamaan waraqaa eenymmaa barattoota akka kennuuf dirqisiisamee, yeroo amma kanatti humni basaasaa fi tika Wayyaanee waraqaa eenyummaa barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa irraa departimentiin wal qoqqoduun waraqaa eenyummaa barataa baafachuun qabatanii daree barnootaa seenuun waan barsiisaan barattootan jedhuu fi waan barattootni jedhaan basaasaa jiru.

Ammaan dura kutaa tokko keessa ta’ee namni barachuu qabu nama 50 ture yeroo ammaatti ammo heddumminni barataa kutaa tokko keessa nama 55 ta’ee jira.Kanneen fuula haaraa fi mooraa Yuuniversitii Jimmaa keessatti argamanii hin beeknetu muldhata. Kanuma keessaan tokkummaan barattoota Oromoo jabaachuun diina yaaddeessa fi raasaa jira.

Gama biraan Caamsaa 24/2014 FDG marsaan 2ffaa gootota Dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuutiin itti fufee motuummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF sabaaba Barattootni Yuunivarsiitii maqaa gaaffii mirgaa jedhuun FDG narratti labsuun na jeeqaa jiru jechuun gootota barattoo Yuunivarsitii Mattuu irraa ‘Nyaataa dhaabuu’ beelaan barattoota adabaa jira, barattootni Yuunibarsiitii Mattuu guutummaa torbee kanaa nyaata dhabuun beelaan haleelama jiru, guyyaatti dabboo tokkon kan oolaan yoo ta’uu guyyaa kaleessaa irraa egaalee hangaa har’atti homaa kan hin nyaannee fi ulee beelaatiin reebamaa jiru. Haalii kun daran yaaddeessa fi lubbuuf ilee sodachisaa waan dhufeef guyyaa har’aa waaree booda sa:aa 10:30 local time irra egaluun FDG halaan finiinsan. Goototni barattootaa kunneen aarii beelaa fi haccuuccaa daangaa darbaa Wayyaanee balaaleeffachuun kaffee irraa nyaata nyaatan illee caccabsuun Fincilaa jabaa gaggeessaa jiru. Mootummaan yakkamaan kun seeraatti dhiyaachuu qaba, gaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba malee balaa beelaaf saxilamuu hin qabnu, barattootni hidhaman haa hiikaman, warra ajjeefameef gumaan kanfalamuu qaba, jechuun warraaqsa jabaa gaggeessa jiru.