Yeroo Ammaa Kanatti Aanaan Midaa Qenyii Waraana Wayyaaneen goolamaa jirti.Hidhattooti gandaa Ummata irra goruun Wayyaanee Waliin dhukaasa walitti banan.

Aside

 

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba'an

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba’an

Caamsaa 5,2014 Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qaanyiitti har’a 1:00 irraa eegalee uummaatni Hiriira nagaa guddaa gaggeessa jira,

Gaaffii uummataaf deebiin har’atti beellamamee ture, uummaanni hiriiraan kallaattii hundaan Aanicha keessatti dargaggeessa barataa, barsiisaa, jaarsa fi jaartii utuu hin jedhiin yerooo amma kanatti uummaanni Oromoo gara ganamaa gara 30,000tti tilmaamaman Yeroo amma kanatti gara 40,000tti kan tilmaamaman bakkota gurguddaa shan irratti hiriiraa nagaa guddaa gaggeessa jiru, irra keessan:

  1. Gandoota Guddaataa Gabaa Lagaa fi Goodaa Arbaa uummaanni gandoota 4 irraa walitti dhufee hiriira nagaa guddaa gaggeessa jira.
  2. Goodaa Gaalaan Maagaalaa Bixxillee jedhamtu irraatti uummannii gandoota 6, irraa walitti dhufuun hiriirri guddaan gaggeeffama jira.
  3. Cuqqalaa Wangee fi Baaroo Bidaaruu walitti dhufuun gandoota baadiyyaa irraa gaggeeffama jira.
  4. Qanyii Bahaa Babiiftuu fi Goodaa Albaasaa, Boquu Nissoo dabalatee gara gandoota 7tu walitti dhufee hiriiraa fi dhaadannoo dhageesisaa jira
  1. Gidduu Galeessaan Magaalaa Ballaammii fi Gandoota akka Dirree Weennii , Obbee kuraa, fi Haleeluu Goosuu irraa walitti dhufuun hiriiranii jiru.

Uummanni kun mirga nama dhuunfaa fi waliigalaatti utuu hin bu’iin deebii sirriin nuuf haa kennamuu, gaaffii keenyaaf deebiin du’a, hidhaa, darara ,reebbicha, waraanaa fi poolisa maalif ta’ee jechuun hanga deebiin keenya nuuf kennamutti fincillii hin daabatu jechuun qabsoo jabeessan.

haala kana irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee Goodaa Galaan Magaalaa Bixxilee irratti uummata irratti waraana banuun dhokaasaa meeshaa gurguddaa dhukaasaa jiru, hidhattootni gandaa waraanaa Wayyaanee irratti dhukaasaa baanaan. Haala kanaan Aanaan Midaa Qanyii dirree waraanatti jijjiramtee jirti. Aanaawwaan kanneen akka Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, baabbicha, fi tokkee Kuttaa’ee fa’itti diddaan itti fufaa jira.

Military Response can never solve political questions/ OLF Press Release

Aside

OLF,ABO Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Military Response can never solve political questions

Different Nationals under the Tigray Peoples Liberation Front (TPLF) oppressive rule in Ethiopia have been protesting using different means. They have been exposed to tyrannical, oligarchy, nepotism, ethnic discrimination and destitution caused by blatant economic exploitation. The Oromo people in particular have been subjected to unbearable misery ever since the time of conquest. Every attempt to alleviate the burden of this subjugation has been dealt using violent military campaigns and all sorts of repressive measures. One of such measures is misrepresenting people’s demands and use it to pit them against each other.

The peoples’ legitimate demand for their rights has been confronted by violent suppression; killing, torture and other ways of repression by the TPLF regime. The current violent repressive measures against the Oromo protestors, in which tens of youth were killed and as many more are wounded by daylight campaign last week, are a vivid evidence of this.

As if unleashing of its massive military power against the peaceful demonstrators is not enough the TPLF regime is conspiring to pit Tigrian nationals living outside Tiray against the hosting people by secretly exclusively arming the former with Kalashnikovs improvised with lenses imported from China for snipers. This is further evidence for the sinister motif the TPLF regime has for Ethiopia.

The OLF condemns such moves that target not only the Oromo people but all the peoples in Ethiopia who are peacefully demanding their legitimate rights. We want to affirm to all the peoples in Ethiopia in general and the Tigrayan people in particular that our struggle never targets any particular people but the tyrannical oligarchic system run by the TPLF, that subjugates all the peoples including the Tigraian. This position has been put forward from the inception of our organization that all the peoples in Ethiopia
are friends of our struggle, and any national has the right to live and work in liberated Oromia. Hence we call upon all the nationals not to heed to the defamation campaign that misrepresents our legitimate struggle but to fully support and side with the Oromo people.

The guarantee for future co-existence is not perpetuating military subjugation but mutually acknowledging and practically accepting the legitimate right of every people. We urge the Tigrayan nationals in Oromia to reject the move by the TPLF to exclusively arm them, which will eventually be used to pit them against the Oromo and other nationals. We forewarn that the TPLF is the sole culprit of any subsequent disaster that this move is poised to cause.
We urge all sectors of the Oromo national, both at home and abroad, to intensify the struggle to get rid of the over century old subjugation once and for all.

Victory to the Oromo People!
Oromo Liberation Front
May 5, 2014

Afaan Oromoon:- Ibsa ABO 05-05-2014 = Xumurame

Afaan Amaaraan:- የኦሮሞ ነጻነት ግንባር መግሇጫ

Har’a Caamsaa 5,2014 Lixa Shawaa Anaa Midaqanyii Keessatti FDG Gyyaa 5ffaaf Jabaatee Itti fufe.

Aside

Diddaa

Caamsaa 5,2014 Gabaasa Qeerroo Ballammii
Camsaa 5/2014 Godina Lixa Shawaa aanaa Midaa Qanyiitti FDG Guuyyaa 5ffaa utuu walirraa hincitiin dargaggeessa, barattoota, ga’eessoota dubartoota ,Shamarraan, qoteebuulaa, daldalaa, barsiisota, fi hojjeettotaa ille kanhirmaachisee fi poolisoota dhalootan Oromoo ta’anillee ofitti hawwachuun yeroo ammaa kanatti gaggeeffamaa jira.

Ummaanni Oromoo gara Midaqenyii guyyaa har’as itti fufuun, gaaffii karaa nagaa gaafachaa jirruuf ajjeechaan, hidhaan, duutii, dararaan dubbatti nu hin deebisu jechuun eejjeennoo isaanii jabeeffachuun FDG finiinsuun yeroo amma kanatti uummanni hiriiraan kallattii sadiin gara bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii Malaalaa Baallaammiitti deemaa jira.

Ummatni kun dheengaddaa waajjira bulchiinsa aanaa sanaa to’achuun bulchiinsa aanaa sanaa harka kennachiisuun ni yaadatama, akkuma beekamuu guyyaa har’atti deebii gaaffii keessanii isiniif kennina jechuun waan beellamni uummataaf qabameef uummaanni bakka jiruu wal waamee gamtaadhaan hiriiree gaaffii isaa fi deebii kennamuuf fudhatee mirga isaa kabachiifachuuf , dandii irraatti dandii konkolaataa mukkeen itti ciraa bulee daandii cufuun hiriirri gaggeeffamaa jira. uummaanni Ajjeechaan nurraa haadhabatu, Ummaata keenya Amboo, Gudar, Xiiqur Incinnii fi Ijoollee keenyaa dhabbilee barnoota keessatti ajjeefama jirtuuf Mootummaan itti gaafatamadha, Mirgii abbaa biyyummaa nuuf haa kabajamuu, waraanaan nu bulchuun yakka. Dmookiraasii dhugaa barbaadna jechuun dhaadannoo ajaa’ibsiisa dhageesisa jira, gabaasaan kun itti fufa….

Wallagga Naqamte Keessaa Ajajoonni 100 Namni 4 ta’an ABO Waliin Hojjettu Sababa Jedhuun Mana Hidhaa Wayyaanee Seenan

Aside

Caamsaa 5,2014 Naqamte

FDG Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufuu irraan motummaan wayyaanee sodaa fi raafama keessa seenee yeroo ammaa kana ilmaan oromoo hojjetaas ta’e barataa hundumaa walitti qabee hidhuun ajjeesuun amaleefatamee itti fufeera.Akkasuma humna waraana isaa Oromiyaa irraa qabus shakkuudhaan hidhannoo akka irraa hiikkachiisu ta’aa jira,kanneen hedduu sodaatuu fi shakku ammoo hidhutti jira .FDG wal qabatee magaalaa Naqamte keessatti ABOf maadhefamtanii barattootaa fi fincila uumataan duuba jirtu jechuun Caamsaa gaafa 4,2014 nu ajajootni dhibbaa namni 4 akka hidhaman hogganni Qeerroo magaalaa Naqamtee irraa gabaasa. Isaan kunis:

1.Ajajaa Dhibbaa Habtaamuu Raggaasaa
2.Ajajaa Dhibbaa Taaddasee Leggesee Gammachuu
3.Ajajaa Dhibbaa Ayyaanaa Milkeessaa
4.Ajajaa Dhibbaa Alamuu Qixxeessaa Sanyii
Kan jedhaman yeroodhaaf toohannoo Wayyaanee jala galanii hidhamanii jiru.Hojjetoota biroo hidhamaa jiran gama hdihamtoota ilaaluun yeroo itti aanutti gabaasa guutuu dhiheessina.FDG hin dhaabbatu itti fufa!

Oromian News in brief: May 4,2014

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Caamsaa 1,2014 hanga Ebla 4/2014tti Godina Wallaggaa Onoota garaagaraa keessatti Fincilli diddaa garbummaa(FDG)’n qabsiifame hanga har’atti jabaatee itti fufee jira. 

Uummaanni Oromoo fi barattootni Oromoo dhaabbata barnoota garaagaraa hanga manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti barachaa jiran gaaffii guddaa dhimma bilisummaa Oromoo fi mirga abbaa biyyummaa karaa nagaan gaafachuun hiriira nagaa kan uummata qotee bulaa  hirmachiseetu gaggeeffama jira, bifuma kanaan Onoota akka Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Guutoo Wayyuu, Guutoo Giddaa, Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Heebantuu, Arjoo, Gatamaa, sibuu Siree, Nuunnuu Qumbaa, Bakkoo, Billoo
Boshee, Guttiin, Diggaa Sasiggaa keessatti yeroo amma kana manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaatti jiran guutummaatti barnoota dhaabuun cufamanii FDG uummata waliin gaggeeffachaa jiru.

FDG kana dhaamsuuf Mootummaan garboonfataa Wayyaanee waraanaa fi humnapoolisa federaalaa uummaataa fi dargaggoota dura dhaabee dorsisuus doorsisni  abbaa irree FDG uummataan fashalaa’a jira.

Onaa Limmuu Galiilatti poolisiin Federaalaa Sochii uummataa dhaabsisuuf uummataa reebuun hedduu hiraarsuu irraa kan ke’e uummata hedduu  aarsee gara of irraa ittisuutti akka seenan taasise.Hhaala kanaan uummanni konkolaataa poolisii federaalaa tokkoo dhagaan reebee caccabsuun tajaajilaan ala godhee jira.

Haaluma walfakkaatuun hiiriirri nagaa gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi bilisummaa uummataa Oromoo fiduuf gaggeeffamuu Godina Wallaggaa lixaa Onoota garaagaraa fi University wallaggaa damee Gimbiitiin jabaatee itti fufe jira. Onoota kanneen akka Inaangoo, Najjoo, Arjoo Guddattuu, Dongoroo, Gimbii, Ariyaa, Gullisoo, Asoosaa, Gidaamii, fi Beegii fa’itti diddaan uummataa fi barattoota Oromootiin gaggeeffama jira. uummaanni karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een yaada isaa dhiyeefgfatee isin nu hin bulchitan nuti ofiin of bulchuu barbaadna jechuun dhaadannoo dhageesisuun FDG qindoomina qabu gaggeessa jira.
Godina Horroo Guduruu Wallaaggaattis haaluma wal fakkaatuun uummaanni Onoota akka Jaartee ,Jaardagaa, Hammuruu, Hagamsa,fa’itti FDG uummataa fi barattoota Oromootiin gaggeeffama jira. Guyyaa har’aa immoo Magaalaa Shaambuu keessatti FDG guddaatu eegama jira.

Caamsaa 1/2014 Ajajootni Dhibbaa polisootni dhalootan Oromoo ta’an Magaalaa Naqemtee irra qabamuun mana hidhatti darbatamaniru. poolisotni Oromoo hidhaman kun Oromummaa fi FDG gaggeeffamaa jiru keessa harka qabdu jechuun hidhaman. maqaan isaanii 1.Ajajjuu dhibbaa Haataatu Raggaasaa Dhiinsaa, 2,Ajaja dhibbaa Taddasee Laggasee Gammachuu, 3,Ajaja dhibbaa Ayyaanaa Milkeessaa Raggaasaa, fi 4.Ajaja Alamuu Qixxeessaa Sanyii kanneen jedhaman uummaata waliin hiriirtan
isiin diina jechuun qabamani hidhaa galfamanii jiru.

Itti fufee Godinaa dhiha Oromiyaa keessattuu onaa Begii,Gidaamii,Jimmaa Horroo,Qeebbee,Qaaqee,Haroo Sabbuu fi kkf kessatti FDG haalaan itti fufee jira.Kaleessaa fi har’a jabaatee itti fufeera.Jarsoliin biyyaa mootummaa fi baratoota gidduu seenuun dubbachaa jiran.Humni federaalaa namoota hedduu qabee hidhaa jira.Hiriira guddaa har’a magaalaa Begiitti taasifameen poolisiin oromiyaa naannoo sanaa uffanaa polisaa fi hedhannoo guutuu hidhatan  ummata  woliin hiriira bahuun Pilaana qinadaa’aa magalaa Finfinee fi nanna’a addaa oromiyaa akka hojii irra hin oolle.Namooni ilmaan oromoo ajjeesan seeraaf haa dhihatan.Hidhaa fi ajjechaan haa dhabbatu.Oromiyaan kan Oromoo ti.Finfinneen kan Oromiyaa ti fi kkf dhadannoo jedhu dhagesisan jiran.Hiriira sana
irrattis irra guddaan qotee bultoota badiyyaa dhufantu irratti argame. Nutis akka jiratonni naannoo dhimmi kun irra guddaan dhima silaa mootummaan naannoo Oromiyaa gaafachuu qabu ture.Nuti isin filanne waan bakka isin buufanneef samicha dachee oromiyaa irra gahu nu irraa dhabsisuuf iyyachuu qabdan kan jedhu akka bulchinsaa fi qaamolee mootummaa adda addaa naannoo isaanii jiranitti himanii hanga danda’ametti ofitti dabaluu carraqan ture.Kan biraa diddaa sana gara badiyyatti gadi buusuun qotee bulaan akka mootummaa kana irratti fincilu gochuu irratti akka jabatan itti dhaamne.Haala nama jajjabeessuun deemaa jira.

Qonnaa Hindii guddaa maqaan “Ethiopian” (Wallaggaa)  Green Focus jedahamuu fi Baha Wallaggaa nannoo Ukkee Qarsaa Laga Harree fi Alaltuu gidduu lafa bal’aa irra jiru irratti kan hojjatan hojjattootni qonnaa kanaa gaaffiin barattootaa haa deebi’uu jechuun hojii dhabanii jiran. HIndootni abbaa qonnaa kanaa qonnaan isaanii Mangaa fi kkf bishaan dhabee badaa jiraatuu irraa hedduu rakkina akka seenanii jiran gabaafamee jira

Caamsaa 5,2014 irraa kaasee Itti fufi FDG Oromiyaa guutuutti qabate ammoo walii gala Oromiyaa keessatti bifa daran jabaateen itti fufsiisuuf caasaan Qeerroo Bilisummaa qophii xumree jira.