Jilli OPDO fi Mootummaa Federaalaan hoogganamu Ummata Oromoo Hiraasaa Jiraachuun Beekame.

Aside

OPDO.jpg saamtuuCaamsaa 8/2014 Erga Wayyaaneen maqaa koree tasgabbii jechuun ergamtoota Wayyaanee jila Abbaa Duulaa Gammadaa Waliin gara Godina Lixa Shaawatti bobbaaftee as ilmaan Oromoo nagaan 600 ol ta’an julmaan qabamanii hidhamaniiru, Sakkatta’insii guddaan Amboo irratti gaggeeffamaa jira, ilmaan Oromoo dhibbaan lakka’aman barbaadamaa jiru. Abbaan Duulaa Gammadaa Uummata julmaan hiisisuuf ergama diinummaa fudhatee bobbaafame. Erga Abbaan Dulaa Amboo seenee ijoolleen dubaraa illee julmaan hidhaatti guuramaa jiru: Shamarraan Oromoo Magaalaa Amboo keessa ukkanfamanii eessa buuteen isaanii dhabamee jiru keessa muraasni; 1.Shamarree Ayyaantuu Dagaagaa mana daldala huccuu aadaa Oromoo kan qabduu 2.Shaamarree Burgudee Araarsaa 3,Shamarree Baqqaluu Gidaada 4.Shamarree Dammee Taddasaa kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo ijoolleen dubaraa umriin isaanii waggaa 15 gadii illee kan keessatti argamaan ukkanfamuun hidhatti guuramaa jiru.

Kaabinootni OPDO fi bulchitootni aanaa Utuu hin hafiin Ummaanni Jumlaan reebamaa fi Hidhamaa jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Caamsaa 7,2014

Caamsaa 7/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Waraannii Wayyaanee Uummata,Baratootaa, Qotee Bulaa, Kaabinoota Bulchiitoota, Itti Gaafatamtoota Wajjira OPDO illee utuu hin hambisiin jumlaan reebaa jiru. Jumlaan hidhaatti guuraa jiru, uummaannii amma illee diddaa isaa utuu wal irraa hin kutiin jabeessee itti fufee jira.

Bulchaan Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa Waraana Wayyaaneetiin akka malee reebame. uummatatti karaa nagaa harka
kennatte jechuun waraannii wayyaanee bulchaa aanaa midaa Qanyii lafarra harkisee rebbichaa ulfaata irratti rawwatamee jira,
Hoogannootni waajjira OPDO aanaa Midaa Qanyiis humna waraanaa wayyaaneetiin reebamanii hidhamaniiru.

Uummaannii Oromoo aanaa Midaa Qanyiitti argamuu qonnaan bultoota, barattootaa, daldaltoota, barsiisota, hojeettoota mootummaa dabalatee nammootni dhibbaan lakkaa’aman konkolaataa waraanaa Wayyaaneetiin abamanii ukkamsamanii gara dabarfamaa jiru, eessatti akka hidhaman kan hin beekamnee namoonni 400 olitti lakka’aman qabamuu maddeen keenya gabaasaniiru. maqaa guuttuu namoota hidhaman kana gaabasaa itti aanu keessatti ni dhiyeesina.

WBOn Kibba Oromiyaa Keessa Sosso’u Waraana Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhachuu Isaa ABOn Beeksise.

Aside

Gootichi WBOn Moora Waraana Wayyaanee Guddaa Moyyaalee Jiru Weeraruun Tarkaafii Jabaa Fudhate

OromiyaaMadda Oduu ABO/MOA/Caasaa 6, 2014 Dhiigni Barattoota Oromoo fi ummata Oromoo falmii mirga abbaa biyyummaa irratti dhangala’ee fi lubbuun ba’e yeroo fi bakka fedhettuu haa ta’u gumaan isaanii ni deebi’a jechuun WBOn Godina Kibbaa Tarkaanfii Qubsuma waraana wayyaanee irratti fudhateen loltoota diinaa 15 ol hojiin ala godhe.

Gootichi WBO Godina Kibbaa gumaa ummata isaa baasuu fi bilisummaa ummata Oromoo dhugoomsuuf falmaa geggeessaa jiru Caamsaa 06, 2014 barii guyyaa har’aa sa’aa 6:00 irratti magaalaa Moyyaleetti kan argamu kaampii waraana wayyaanee guddicha irratti tarkaanfii boonsaa fudhateen loltoota wayyaanee 8 ajjeesuun, 7 ol ammoo akka hamaa madeessuun injifannoo galmeessuu isaa Ajaji WBO Godina Kibbaa beeksiseera.

Mooraan waraana Wayyaanee magaalaa Mooyyaleetti argamu kun humna kumaandoo fi poolisa Federaalaan jabeeffamee dahannoo cimaa tolfatee kan achi maadheffatee jiru ta’uu kan ifa godhe Ajaji WBO Godina Kibbaa, WBOn murannoo fi kutannoon tarkaanfii irratti fudhateen kasaaraa gudddaa irraan gahuu oduu tarkaanfii waraanaa ergeen beeksiseera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibbaa tarkaanfii qubsuma waraana Wayyaanee magaalaa Moyyalee irratti fudhate kanaan qawweelee AK. 8 fi rasaasota gosa adda addaa hedduu booji’uun dantaa QBOf kan oolche oggaa ta’u, qabeenya diinaa tilmaamni isaa guddaa ta’es barbadeessee jira.

Waraanni Wayyaanee tarkaanfii WBO Godina Kibbaan irratti fudhatameen baarage meeshaalee gugurdaa karuma arge irra dhukaasuun ummata nagaa naannoo jiraatu gooluu fi balaa irraan gahuunis ibsameera.

Tarkaanfiin diinaa fi ergamtoota diinaa irratti fudhatamu bakka hundattuu jabaatee itti fufa kan jedhe Ajaji WBO Godina Kibbaa, ummatni keenya wareega fedheefuu osoo hin jilbeenfannee fi harka hin laanne, falmaa mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaaf godhaa jiru caalaatti jabeessee akka itti fufuu qabu dhaamee, WBOs karaa isaaf danda’ame hundaan osoo aara hin galfanne gumaa lammii isaa baasuuf kan warraaqu ta’uu beeksiseera.