Daily Archives: May 3, 2014
FDG Gootota Barattoota Oromoon Qabsiifame Itti Fufe!
Aside
Caamsaa 3/2014 FDG jabaatee itti fufe haala kanaan gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraasii itti fufuu irraan Wayyaaneen nagaa hin dhageenye amma illee sagalee qawween malee uumataaf deebii kennuu didaa akka jiru dhagahama.
Guyyaa har’aa Godina Lixa Shawaa aanaa Shananitti uummaanni daandii shanaanii Xiqur Inciniii geessuu akka banamuu hin dandeenyetti cufamee diddaan cimaan kan qoteebulaa waliin gamtaan ka’e qabsiifamera.Waraanni Wayyaanees uummata meesha maleeyyi itti rasasa matarayasii dhukaasuun ajjeesaa jira. Yeroo kanatti Aanaa Shaanana irratti ilmaan Oromoo 3 wareegama Qaalii
kanfalan. Shamarreen Oromoo Hayinaaleem Guutuu dubara waggaa 14ti fi dargaggoonni 11 biroo yeroo amma mana hidhaa qabamanii akka jiranii fi Obboleessii ishee da’imni waggaa 9s akka ajjeefamee jiru gabaasi ammaaf achi irraa dhihaate addeessa.
Wallee Baqqee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisuummaa Oromoo Finifnnee
Aside
“Roorroo Dachaa (made with Spreaker)”
Aside
IYYAA, IYYA DABARSAA
Aside
Obboleewwan miseensota mandhee tanaa,
Haalli amma biyya keenya keessa adeemaa jiru karaa tokkoon kan daran nu jajjabeessu, hamilee fi onnee teenya sirriitti olkaasu. Karaa kaan immoo kan daran, daran nu gaddisiisu, kan imimmaanin fuula keenya xoollessu. Ijoolleen teenya kichuuwwan tun xiyyiitii fi xiyya diina uummata keenyatiin harcawuun ishii, kan aariin nu guggubee, xiiqii fi booree garaa nu kaayee tokkummaan kanetoo akka Dhaloota Qabee kana bira dhaabannu nu taasisu! Amma yeroo kun yeroo nuti ijaarsa koo, maaloo maaloo koo, dugda koo, garagarummaa koo faa jennuu miti! Amma alaa-manaa waltahun uummata keenya bira gooruu qabna! Ee, “qabnaan” kun dirqama. Dirqama seenaa fi diraqama dhalootaatti! Yeroon isaa yeroo nuti alaa-manaa waltahuun ijoollee teenyaa fi uummata keenya bira dhaabannu. Guutuu barruu kanaaf:- Iyyaa iyya dabarsaa