Mooraan Yuuniverstii Jimmaa Waraana Wayyaaneen Goolamaa Jira.Barattooti Oromoo Hedduminaan Reebamuu fi Hidhaamuu Osooo Hin Dheessiin FDG Itti Fufan

Aside

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba'an

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba’an

Caamsaa 14,2014  mootummaan abbaa irree Wayyaanee abbaa irree dhabaa jalee isaa fi meeshaa isaa OPDOtti fayyadamuun barattoota Oromoo maqaa gara Yuuniversitiitti deebi’aa jedhuu olola haaraa banatee ilmaan Oromoo irratti FDG bifa haaraan banatee barattoota barsiisota jiraattoota magaalaa, daldaltoota utuu hin jenne jumlaan mana hidhatti uummata guuraa jira.

Haaluma kanaan Univarsitii Jimmaa irraa barattootni Oromoo huma tikaa, waraanaa fi poolisii Federalaan ukkanfama jiru.

1.Barataa Mo’iiboon Baqqalaa mummee fayyaa waggaa 3ffaa mooraa main cumpas Jimmaa irraa
2.Tasfayee Nugusee mummee mechanical Engeenering wagga 3ffaa, mooraa Saayinsii fi Technology Jimmaa kittoo Furdisaa irraa
3.Barataaa Damee barataa mummee Engineering waggaa tokkoffaa mooraa saayinsii fi Technology Jimmaa Kittoo Furdisaa irraa.

Kannee keessatti argamaan barattootni Oromoo nagaan ukkaanfamanii gara geeffaman beekama hin jiru, kun utumaa kanaan jiruu sochii FDG haalan jaabaataa fi Wayyaaneen dura dhaabbachuu hin dandeenyee qabsiifama jirachuun hubatamera.

Mooraa Yunversiitii Jimmaa keessatti baay’inni waranaa dachaa baay’ina barattoota ta’uun mooricha dachii waraanaan weeraramte fakkeessee jira.

 

Har’a Caamsaa 14,2014 Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti diddaan barattootaa itti fufe. Waraanni Wayyaanees rasaasa barattootatti dhukaasaa jira‏

Aside

naqmte99naq989Dhiibbaa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahu daran jabaachaa kan dhufe FDG jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf Yuunivarsiitii wallaggaa keessatti Waraanni mootummaa wayyaanee barattoota gaaffii mirgaa kaasan reebuun dhukaasa hedduu dhukaase. Waraanni mootummaa wayyaanee Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti barattoota Oromoo Jumlaan hidhuu irraan darbee gaaffii barattootni Oromoo ammas daran jabaachuun itti fufe dura dhaabbachuuf rasaasaan barattootatti dhukaasuu fi uleedhaan reebuun miidhaa jabaa irraan gahee jira.

Diddaan Ilmaan Oromoo irraa eegale daran jabaachuudhaan kan itti fufe mootummaan Wayyaanee humnaan dura dhaabbachuutti dhama’uu irratti argama. Mootummaan abbaa irree wayyaanee humnaan gaaffii uummata Oromoo dura dhaabbatus keessi wayyaanee waraannii fi caasaan siyaasaa mootummaa wayyaanee bututee waan jiruuf ilmaan Oromoo bakka maraa ka’uudhaan gaaffii bilisummaa akka finiinsan qeerroon Yuunivarsiitii Wallaggaa waamicha dabarsee jira.

Breaking News: FDG Ganama Kana Ka’een Waraanni Wayyaanee Barattoota Yuuniversitii Wallaggaa Reebaa Jira.

Aside

Oduu Ammee Caamsaa 14,214 Naqamte
Amma ganama kana gaaffii mirgaa ka’een barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti argaman waraana Wayyaneetiin hedduu midhamaa jiru waraana konkolaataa 3 fidanii moorichatti naquudhaan barattoota hedduu reebanii madeessaa fi caccabsaa jiru baayee nama gaddisiisa akka dhaamsi nu dhaqqabaa jiruttti baayee miidhamaa jiru amma kallattiidhaan kan dhagaya’aa jirru sagalee iyya isaanii magaalaa Naqamtee guutummaa irraa ibsaa balleessuudhaan Network akka hin hojjenne godhanii jiru haala jiru itti fufnee jala bu’uun dhaamna.

Waraanni fi Humna Tikaa Wayyaanee Dadhabnaan Muktaar Kadirii fi Kaabinoonni Wayyaanee Ambotti Duulan.

Aside

Caamsaa 14,2014 Gabaasa Qeerro Amboo

wal argee qeerrooDabbaalleen EPRDF fi ergamaan TPLF Muktaar Kadir maqaa walgahii dabbaloota OPDO jedhuun FDG dura dhaabbachuuf jecha Caamsaa 13/2014 kaabinoota OPDO heddumminaan qabatee humna waraana Wayyaaneen waliin qindaawuun magaala Amboo seene.

Amboo erga seenaaniin hanga ammaatti uumata Oromoo nagaa fi dargaggoota magaala keessatti argaman irratti reebichaa fi goolii uumuun kaan ammo mana hidhaatti guuraa jiru. Deggertoota EPRDf kanneen ta’anii fi namoota hojii dhablee ta’aniin ammo nama tokkotti 250 hiruun akka master plan Finfinnee daggeranii hiriira bahaniif kaadhimmachaa akka turan beekama.

Haala kanaan erga Muktar Kadir magaala Amboo seenee barattootii fi uumanni nagaan hidhaman keessaa:-

1.Barsiisaa Shallamaa Jifaraa, reebichaa hamaan irra ga’ee hidhaa jira.
2. Barsiisaa Naahimii Waaqumaa
3. Barsiirsaa Wakjiraa Marabbaa
4.Barataa Qananiisaa Raggaasaa, muummee bioprocessing wagga 4ffaa.
5.Waaqumaa Dhaabaa mummee seeraa waggaa 3ffaa
6. Kadir Qamar Civil engeenering wagga 3ffaa
7. Damee Girmaa mummee Cooperative waggaa 3ffaa,
8. Mardaasaa Simee barataa kutaa 11ffaa
9. Imaanaa Karaa daldalaa magaalaa Amboo, kanneen keessatti argamu.

Yeroo ammaa kanatti manneen hidhaa gurguddaan Amboo fi naannoo Amboo ti ilmaan Oromoo julmaan itti hidhamaa jiran:
1. Galma mootumma Magaalaa Amboo ganda o1. Kessatti argamu
2. Wajjiira Poolisii Godina,
3. Buufata Leenjii Poolisoota Sanqallee,
4. Hoomachoo,
5. Gamoo Ababech Mattaafara ganda 02 keessatti argamu., Under ground gomoo sana jalatti oromoon hidhamaa jira.
6. Mana Hidhaa guddaa(Kachaallee) kanneen jedhaman keesatti ilmaan Oromoo jumlaan uukkanfamnii hidhamaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Oggaa Loon Gadoodu, Ammoo Harreen Marga Dheeddi

Aside

barruuHorii keessaa kan lafa sanyiin isaa itti du’e fuunfatee irratti gadooduun gadda isaa ibsatu loon kophaa dha. Loon bakka bineensi jabbii isaa yookaan loon biraa itti nyaate, yookaan namni loon itti qale oggaa ga’u, lafa sana fuunfatee gadooda. Sun gadda isaa ibsachuu isaa argisiisa. Seera uumaa ta’ee gumaa baasuu dadhabu illee gadda itti dhaga’ame sagaleen ibsata.  Kan harree garuu faallaa kan loonii ti. Bakka ilmoon ishee itti nyaatamte fuunfattee halaakuun hin jiru.

Bineensa keessaa kan harree caalaa ilmoo ofii jaallatu hin jiru jedhama. Sababni isaas, harreen yoo ilmoon ishee hallayyaa buute, utaaltee waliin buuti. Harreen akkas ilmoo ishee jaallattu garuu, gumaa baasuu fi gadda ibsachuu irratti faallaa kan loonii ti. Akka loonii lafa jabbii yookaan sanyii isaa bineensi itti nyaate fuunfatee gadoduun gadda ibsachuun hin jiru. Callistee coqorsa yookaan marga ishee dheeddi. As irratti loon irraa adda taati jechuu dha. Harreetti garaan jabduu dha. Kanaafis ‘ergan du’ee coqorsi hin margin’ jette harreen jedhama. Oggaa Loon Gadoodu Harreen Marga Dheeddi

Aside

Qeerroo

Gaaffii Mirgaa Ummatni Oromoo Kaaseef Deebiin Mootummaan Wayyaanee Keenne Gocha Suukkanneessaa Dha!!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Caamsaa 13,2014

Baatii Ebla 2014 irraa kaasee uumanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa roga maraan gaaffi mirga abbaa biyyummaa fi kan  nagaa democracy gaafachuuf jecha hiriira karaa nagaa bahan,manneen barnootaa sadarkaa ol aanoo fi gadii akkasumas magaalaa fi baadiyaa Oromiyaa keessatti Oromoonni kitiliin lakkaawam hiriira bahuun nagaan sagalee isaanii aduunyaatti dhageessifataa turan.Uummata meesha maleeyyii bishii coqorsaa baatee nagaan hiriira bahee mirga isaa falmatuuf mootummaan gaafatama fudhatee deebii karaa nagaa kennu dhibnaan Wayyaanee kan uumaticha anatu si bulchaa fi anatu nageenya keetiif gaafatama jedhu uumata nagaa irratti raasaasa roobsuun Oromoota heddumminaan fixe,kaan hidhaatti guure,garii madeesse,kaan biyyaa baqate. Gochaan kun gochaa sukkanneessaa ta’uu irra darbee uumata Oromoo qabsoo mira dhala namaa fi abbaa biyyummaaf godhu daran jabeessee akka  itti fufu taasisee jira.

Sochiilee uumati Oromo nagaan bahee mirga isaa gaafatu kanaaf deebiin rasaasa Wayyaaneen Oromoota ajjeefaman,madaayanii fi hidhaman seenaa isaanii waliin galmeessuun itti fufee jira.Hanga ammaatti Oromoonni 2600 ol mana hidhaa jiru,hedduun wareegamanii jiru,gariin madaayanii jiru. Dhimma kana irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo galmee Oromoota kanaa maqaa fi seenaa isaanii guutuu galmeessaa jira.Hamma ammaatti warra galmaayee gabatee itti aanu keessatti kaayaa warra hafan ammo yeroo gabaabaa keessatti akka xumuru ibsa isaa kaan addeessa.

FDG Oromiyaa Keessatti Ka’een Ilmaan Oromoo Gaaffii Mirgaa Gaafataniin Mootummaan Wayyaanee Rasaasaan Ajjeese,Madeessee fi Mana Hidhaatti Guure Maqaa Isaanii Wal Duraa Duubaan Gabatee Armaan Gadii Kana Irratti Argamu! :- Galmee Oromoota FDG Irratti Wareegamanii fi hidhamanii ykn madaawanii.pdf 12