Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname.
Caamsaa 15,2014 Amboo
Gidduu kana Mootummaa Naannoo Oromiyaati jechuun kan maqaa Oromoo fi Oromiyaatiin of waamaa jirtuu OPDO fi ani president naannoo Oromiyaati jechuun of aaduun walgahii uumataa kan eegalu Muktaar Kadir ibsa Caamsaa 13/2014 Godina lixa Shawaa Amboo fi Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti miseensota OPDO fi ilmaan Habashaa walitti qabuun kenne ilaalchisuun bakka bu’ootii fi qindeessitooti FDG Qeerroo bilisummaa Oromoo godina lixa Shawaa Ibsa fi marii Muktaar Kadir gaggeesse balaaleffate jira.
Muktaar Kadir jedhamu ani Mootummaa fi presedantii naannoo Oromiyaatii jechuun erga of ibsee booda sababa FDG gaaffii mirgaa fi dimookiraasii uummaanni keenya Oromoon karaa nagaa gaaffateef balleessa tokko malee qe’ee isatti ajjeefama jiruuf Muktaar Kadirii dabballoota OPDO fi ilmaan habashaa Oromiyaa keessatti dhalatanii guddatan walitti qabuun ibsa armaan gadii fulleetti dubbachuun ni yaadatama. Qabxiiwwaan Gurguddoo Muktaar dabbaloota sirnichaaf kaasee keessa muraasni:Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo.pdf Caamsaa 15
Leenca Madda Walaabuu
Akkam nagaa jirtuu,sabboonaa fi sabboontuu,
Waan har’a gabroomsaan haasawu dhageettuu,
Qawween nama tumaa,araarri hin jirtuu,
Isa tokko ajjeesaa,kaan sobuun hin taatuu,
Nuti Oromoon tokkoo,Booranaa fi Baarentuu,
Akkasitti itti himaa,diinni haa hubatuu,
Barattoota eenyuu dhiiga dhangalaastuu,
Qotee bulaa eenyuu,mana hidhaatti guurtuu,
Hojjattoota eenyuu hojirraa ariituu,
Daldaltoota eenyuu balbala itti cuftuu,
Maqalee moo Goondar kutaan waliif hirtuu,
Jedhaatii gaafadhaa,jarruu deebii hin laattuu,
Leenca Madda Walaabuu qawween hin leenjiftuu,
Waan feetes yoo goote,Oromoo hin dandeettuu,
Achumaan itti himaa,akka kaatee,galtuu,
Oromoon tokkumaa,gurra siif hin laatuu!!!
Yaa hordofaa diinaa,kan diinaaf gad jettu,
Warri har’a dhiiga keenya dantaadhaaf lolaaftu,
Boru eessa seentaa,gaafa dhugaan baatuu,
Gariin OPDO kan diinaaf ergamtuu,
Maaf ummata sobdaa,sabni haa falmatuu,
Yoo ofii sodaatte,kara irraa hin gortuu,
Kan akka si’iiti Horiin horiin ooftuu,
Maaf galata malee,diinotaaf hiriirtuu,
Warri akkana ta’aa saba wajjiin jiraattuu,
Kara irraa maqxuu,dhugaan haa mul’attuu,
Ati Oromoo miti,Oromoof hin taatuu,
Leenca Madda Walaabuu sossobuun sii hin taatuu,
Lakkaa,OPDO,salphinaan dachaatuu!!!!