FDG Ka’e Dhaamsuuf Jecha Aangawoonni Wayyaanee Mootummaa Feederaalaa Irraa Gara Yuuniversitii Wallaggaa Deeman Salphinaan Baqatan.

Aside

Caamsaa 4,2014 Gabaasa Qeerroo Naqamte Irraa

Akka gabaasa Qeerroo Naqamtee irraa addeessuun har’a galma mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti walgayiin Wayyanee sa’a 2:00 – 6:00 WB(MP galgala kanaatti gaggeeffame furmaata tokko malee bittinnaawe.

Akka gabaasi Qeerroo addeessutti  Ababa Duulaa Gammadaatu yaada baratoota irraa fudhachuuf dhufee jira kanaaf  barattooti mooraa keessa jiratanis ta’e ala jirtan akka hin hafne jedhchuun waamicha wal irraa hin citne taasisan isin irraa, barattooti Oromoo haqaa Oromoo falmuuf bakka tokkotti argaman . Walgahichi erga waamameen booda garuu  kan argame Abbaa Duulaa Gammadaa  osoo hin taane namoonni biraa kan maqaa himachuu didan 5 ta’an  mootummaa federaala irraa dufan. Jarri kun guutummaatti maqaa isaanii himachuu didan iyyuu ergamanii akka dhufan beeksisanii jiru.

Warri Federaala irraa argamekunis  ijoon marii kana irratti kaasan keesuun  FDG dhaamsuuf tattafatan keessaa inni guddaan  Dhimma Lafa Naannowaa Finfinnee ilaalchisee gaaffii barattootni kaasan irratti, Presedaantii Oromiyaa Finfinneen akka  Federala jala galuuf waan mallatteesse hin qabu jedhanii barattoota tasagabbeessuuf marii gaggeessaa turan,dhimmi mallattoo lafa Oromiyaa gurguruuf godhames soba jedhaniis akka nama soogiddaan ija dhiqateetti barattootatti kijibuu eegalan. Barattootis sagalee tokkoon itti iyyuu fi kofluun qaanessaa turan. Irra deddeebi’anii ijoollee amansiisuu yaalii godhan illee barattootni  gaaffiin uumata Oromoo fi gaaffiin barataa Oromoo dhimma lafa Finfinnee qofa osoo hin taane  hin taane gaaffiin keenya kan hundee fi gaaffii mirga abbaa biyyummaati,  hidhamuun barattootaa fi ajjeefamuun, laftii fi qabeenyi samamuun,hiyyoomuun saba Oromoo maalif nurratti karooraan deemaa jira jedhchuun gaaffii hundee  itti kaasuun aangawoota Wayyaanee sardan. Gaaffii kana deebisuu fi barattootas tasgabbeessuu waan hin dandeenye.

Haata’u malee gaaffiin barattootaa yuuniversitii kana irratti jabaatee itti fufuudhaan wal gayiin kana irratti hanga gaaffiin keenya amma nuuf deebistanitti diddaan keenya ittuma fufa jedhuun ejjetnoon barattoota irraa fudhtame. Haala kanaan walgahiin kun osoo hin xumuramiin duratti warra Federaalaa keessaa namni sadii(3) walgayiin kana dhiitee baye namoota mootummaan Wayyaanee erge keessaa,namootni lama achitti hafuudhaan barattoota kana mariisisuu fi tasgabbeessuuf itti fufan gaaffiin barattootaa waan deebii argatuu fi hiikamu tahuu diduun isaa waan beekameef barataan ammallee haala jeequmsi jabaatu fakkaannaan namootni hafan lamaan walgahicha gadhiisanii yeroo biraa walitti deebina jechuun mooraadhaa bahan

Battaluma sanatti erga barataan bakka adda addaa qabatee booda waraanni federaalaa bakka irraa dhufe kan hin beekamne konkolaataa lamaan mooricha keessa buufatee eddo eddo qabate,konkolaataan lama biraa ammo mooraa ala qubatee waraanni mooraa marsee ira.  Amma galgala kana sa’aa 6:00 wb nu biraatti irraa kaaseen waraanni Wayyaanee mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessaa fi alaan buufatee jira,ammallee naannoon yuuniversitii wallaggaa fi magaalli keessa dirree waraanaa kan fakkeessanii jiru.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaala Jaardagaa keessaa Uummatnii jala deemtota Wayyaanee magaalaa arii’ee baase

Caamsaa 3,2014 waaree booda, Godina Horroo Gudruu Wallaggaa keessatti gaaffiin abbaa Biyuummaa hanga walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo jabaatee itti fufuudhaan aanaa Jaardagaa Jaartee Magaala Jaardagaa keessatti jabaatee itti fufuun Uummatnii fi Dargaggootni gamtaan bahuudhaan magaala Jaardagaa keessatti sagalee isaa dhageessisuu irratti argama. Aanaa kana keessatti Uummatnii fi dargaggootni Magaala Aliiboo keessatti waraana mootummaa wayyaanee baasuun magaala Aliiboo erga tohateen booda Uummatni gamtaadhaan aanaa kana keessaa ka’uun diddaa sagalee isaa dhageessisuu irratti xiyyeeffachuun jabaatee itti fufee jira. Haala kanaanis magaalotni Horroo Guduruu kanneen akka Shaambuu, Saqalaa, Dongoroo, Fincaa’aa fi Haratoo federaalaan tikfamaa kan jirtu yoommuu tahu waraanni wayyaanee magaala Jaardagaa akka hin seenneef dargaggootni karaa kutuudhaan of irraa dhorkuu qeerroon aanaa kanaa gabaasee jira. Hanga injifannoo jabaatanii itti fufuufi Oromoon bakka maraa duuba akka hin deebine dhaamsa dabarsanii jiran.

 

Aside

From Qeerroo Oromia

ለኦህዴድ ባለስልጣናትና አባላት፣
ለኦሮሚያ ፖሊስ አባላት፣
ለኦሮሚያ አድማ በታኝ ፖሊስ አባላት፣
ለኦሮሚያ ማረሚያ ቤቶች ፖሊስ አባላት እንዲሁም
የፌዴራል ፖሊስ አባል ለሆናችሁ የኦሮሞ ልጆች እንዲሁም በወያኔ መከላከያ ሠራዊት ውስጥ ለሚትገኙ ወገኖች በሙሉ

እናንተስ ከየትኛው ወገን ናችሁ!?

ይህንን ወቅታዊና ታርካዊ ጥያቄ ትመልሱ ዘንድ ጊዜው ደረሰ። እናንተ የሚታገለግሉት አሸባር ቡድን ጠላትነቱን በገሃድ ባረጋገጠ መልኩ ህዝባችሁን በገዛ ሃገሩ
ላይ በአልሞ ተኳሽ ነፍሰገዳዮች ጥይት ሲያስረሸን ከዓይናችሁ ኣልፎ የድፍን ዓለም መነጋገሪያ ሆኗል። ከዚህ ህዝባችሁ ላይ ከተቃጣ ወደር የለሽ የጂኖሳይድ
ጭፍጨፋ ተሳታፊነት ራሳችሁን እንዲታቅቡ፤ እንዲሁም ይንን የዳግማዊ ነፍጠኞች ወረራን ለመቀልበስ ይቻል ዘንድ ከህዝባችሁ ጎን በመሆን ሰልፋችሁን
እንዲታስተካክሉ ታሪካዊ ጥሪ ቀርቦላችኋል።

ከዚህ በፊትም በህዝባችሁ ላይ ስደረግ የነበረውን መሰል ጭፍጨፋና ፈርጀ ብዙ ጭቆና ተባባሪ እንዳትሆኑ ፣ ከተቻለ ደግሞ ከህዝባችሁ ፍላጎት ኣንጻር
እንዲትሰለፉ ህዝባችሁ ተመሳሳይ ጥሪዎችን ስያቀርብላችሁ መቆየቱ ይታወሳል። ሆኖም ግን በወቅቱ ለዚህ ሕዝባዊ ጥሪ አዎንታዊ ምላሽ ባለመስጠታችሁ ይባስ
ብሎም ተሳታፊ ሆኖ በመገኘታችሁ የኦሮሞ ህዝብ ለአሳቃቂ እልቂት ተዳርጓል።
ይህ ተደጋጋሚ ጭፍጨፋና ጭቆና የበዛበት ህዝብ ራሱን ለመከላከልና ብሔራዊ ነፃነቱን ለመጎናጸፍ ያለዉን ብቸኛ መንገድን በህይዋቱ ቤዛ ተያይዞታል።

ታላቁ የኦሮሞ ህዝብ በዳግማዊ ነፍጠኛ ኃይሎች እየደረሰበት ያለውን አሰቃቂ ጥቃት በመመከት ለትግሉ ያለውን ጽናት ና ቁርጠኛነት በውል አራጋግጧል። ይህ
ህዝባዊ ንቅናቄ ለመጨረሻ ግቡ እስኪ በቃ ድረስ አጠቃላይ ሕዝባዊ ኃይሉን በማቀናጀት በተጠናከረ መልኩ እንዲቀጥል ለህዋታቸው ሳይሳሱ የሚተጉ ኣእላፍ
የቁርጥ ቀን ልጆቹን ኣሰልፏል።

በመሆኑም ከላይ በተጠቀሰዉ መዋቅር ዉስጥ የሚትገኙ የኦሮሞ ልጆች፣ በተለይ ደግሞ የወታደራዊና ፖሊሲ አባላት ለሆናችሁ ታጣቂ ኃይሎች ህዝባችሁን
የማዳን ብሔራዊ ግዴታን ትወጡ ዘንድ እነሆ ይህ ታሪካዊ ጥሪ በዲጋሚ ቀርቦላችኋል። ስለዚህ በመፍረስ ላይ የሚገኘውን አሸባሪ ሥርዓት በመልቀቅ ለዚህ
ብሔራዊ ጥሪ ፈጣንና ተግባራዊ ምላሽ በመስጠት ራሣችሁን ከተጠያቂነት እንዲታድኑ ይሁን!

ዘለዓለማዊ ክብር ለተሰው ንጹሃን የኦሮሞ ተማሪዎች!!

May 3,2014, Oromian News Update.

Aside

Caamsa 3,2014 Finfinnee

 Naqamtee. Barattootni mooraa keessatti hafan diddaan keenya itti fufa humna tokkoomeen fi uummata waliin taanee boodatti hin jennu kan hidhameef haamileen kenya nun bu’u jabinaan itti fufna jedhhu Qeerroon mooraa Yuuniversitii Wallaggaa guyyaa har’aa daran wal qindeessaa oolan.

Yuuniversitii Wallaggaa dame eShaambuu. Akkasuma barattootni sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Shaabuu har’a itti fufee oole.

Sibuu Siree:-  guyyaa har’aa gaaffii wal tahuudhaan waajjira poolisii magaalaa Siree deemuudhaan gaafatanii jiru,barataan keenya haga yoomitti rasaasaan reebamee du’aa,haga yoomitti mana hidhaatti guuramaa? Lafti keenya haga yoomitti gurguramaa? jechuun hedduun umuriin isaanii 12 fi 16 gidduu ta’an barattootni waliin bobbadhudhaan gaaffii mirgaa gaafatanii jiru poolisiin magaalaa kanaallee gaaffii isaanii deggeruudhaan argame jedhu Qeerroon magaalaa Naqamtee irraa addeessu.

Magaalaa Baakkoo:- guyyuma kana Qeerroon magaalaa Baakkoo tokkummaan ka’uun waajira Poolisaa deemuun gaaffii mirga Oromoo fi abbaa biyyummaa ifatti gaafataa turan.

Yuunibarsiitii Walqixee : guyyaa har’aa Camsaa 3/2014 Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa fi bilisummaa Oromoo Qeerroowwaan barattootni Oromoo fi uummaanni Oromoo, Oromiyaa guutuu keessaatti gaggeessa jiran gaaffii keenya, jechuun gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, jechuun Sagaalee isanii dhageesifatan.

Kibbaa Lixa Shaawaa:- kanneen akka wancii (Leemaan), Tajii, Sabbataa, aanaa Sadan Soodoo fi Ammayya fa’itti FDG’n itti fufee jira.

 

Oromo Voice Radio Broadcast on May 3, 2014

Aside

 

 

Roorroo Dachaa: yeroon isa yeroo itti boohichi dachaa qe’ee Oromoo keessa guutee jiruudha; kan mana jiru reeffaan; kan ala jiru immoo reebichaan gidiraa argaa jira. Kan ajjeefameefoo ni boonya, kan jiraa fuudhamee reebamaa fi gidirfama ajiruu foo maala goona?
Ob Daamxoon deebiis dhaamsas ni qabu.
“Daangaan keenya kabajamu malee, hidhaa fi ajjeechaan nurraa hin dhaabbatu; jabaannee, mudhii keenay jabeeffanneeee mirga keenya kabachiifannu malee roorroo qe’ee keenya keessaa bahuu hin dnadenyu.”
Itti Dhiyaadhaa
RSO