Caamsaa 7,2014 Dambi Doolloo
Kun madda gabaasaa Qeerroo Qellem,Dambi Dolloo har’a Caamsaa 07/2014 ti.FDG kaleessa Caamsaa 6 FDG kan eegale mootummaa wayyaanee raasuudhaan uummata oromoo irratti dhukaasa banuun isaa gabaasota irratti dhiyaataa ture,uummanni gaaffii mirgaa gaafachuun isaa utuu wal irraa hin citin kan itti fufaa jiruudha,diddaan magaalaa Dambi Dolloo irratti ka’e akkasuma magaala Anfilloo Muggi irratti barattootaa fi uummanni gamtaadhaan hiriira gaaffii mirgaa dhiyeessuudhaan dhaadannoo dhageessisuu fi kanneen gufuu qabsoo Oromoo ta’uu yaalan ariyuun magaalaa keessa baasuu irratti argaman. Eda halkan waraanni wayyaanee bakka dhufee kan hin beekamne humni addaa konkolaataa hedduudhaan magaalaa Dambi Dolloo qubatee bule akkasuma walakkaan ammo gara magaalaa Anfillootti kan fe’ameedha. Har’a Caamsaa 7 Anfilloo gandoota garaaraa keessaa uummata Oromoo jilmaadhaan mana hidhaatti guuraa turaniru,akka walii galaatti magaalaa Muggii,ganda Ashii fi Garjeedaa jedhamu qofa irraa uummata dhibbaan lakkawaantu hidhamee jira,manni hidhaa wal hankaakee jira jedhu Qeerroon,keessattuu jiraattota ganda Garjeedhaa hidhataa fi qajeelfama ABOtiin hojjetaa jirtu jedhuun guutummaatti namoota achirraa mana hidhaatti naqanii jiru,manni hidhaa magaalaa Anfilloo irra jiru weelluu qabsootu keessaa dhaga’ama,hidhamtonni hunduu sirba qabsoo dhageessisaa oolan,hamma amamatti barataan hojjetaan qote bulaan humnoota wayyaaneetiin gara mana hidhaatti guuramaa jiru jedhu Qeerroon magaalaa Dambi Dolloo irraa,itti fufa!