Qormaata Biyyooleessaa kutaa 10ffaa Kennamu irratti FDG itti fufe.

Aside

Caamsaa 27/2014 irraa eegaluun akka guutuu biyyaalessaatti qorumsa biyyaaleessaa kutaa 10ffaa keennamuuf wayita egaalutti Godina Lixa Shawaa Ambootti barattootni Oromoo m/b sadarkaa 2ffaa Liibaan Maccaa Amboo, fi M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa hanga barattootni Oromoo nu gidduudhaa hidhaman hiikamaniitti qorumsaa hin fudhannuu, mootummaan waraanaan nu jeeqaa ture barnoota utuu hin baratiin qorumsa irra ta’uun bu’aa maalii qaba jechuun gaaffii kaasaniinn waraanaa Wayyaanee humnaa ol itti bobbaafameen doorsifamanii akka qorumsa seenaan taasifamera.

Godina Bahaa Wallaaggaa Magaalaa Naqemteettis haaluma walfakkaatuun barattootni kutaa 10ffaa mormii guddaa dhageesisaa
qorumsicha qoramaa jiru. M/b sadarkaa 2ffaa Dargee, fi Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa magaalaa Naqemtee keessatti argaman hundi
hanga barattootni Oromoo nu gidduudha badii tokko malee hidhaman hiikamanitti qorumsa hin fudhannuu jechuun mormii guddaa kaasanii
humna waraanaa waayyaanee hedduminaan itti bobbaafameen dirqisiifamanii qormaata akka seenaan ta’ee jira. Haala kanaan
barattootni manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa kutaa 1offaa Godinalee dhihaa Oromiyaa keessatti argaman yeroo amma kanatti qorumsa biyyaalessaa kutaa 10ffaa qoramuu irratti yeroo argamanitti humna waraanaa fi humnoota tikaan doorsifamafi eegamaa sammuu nagaan akka qorumsaa hojjetanii qabxii gaarii hin galmeessineef shoroorkeeffamaa jiraachuun gabaafamera.

Breaking News: Amma Galgala Kana Barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromaayaa 10 Doormii Keessaa Lolotoota Wayyaaneen Ukkaamfaman.

Aside

Eegala Caamsaa 29,2014 Haromaayaa.

Guyyaa Ayyaana Wayyaanee Caamsaa 20 jechuun kabajamu mormuun barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromayaa har’aa nyaata lagachuun mormii isaanii dhageessifataa oolan. Haala kanaan galgala ammaa sa’aa muraasa dura humni loltuu Federaalaa mooraa Yuuniversitii Haromayaa seenuun barattoota Oromoo 10 bakka ciisicha isaanii irraa deemee funaanuun ukkaamsee mana hidhaa hin beekamnetti geessee jira. Haalli kun haalaan sukkanneessaa ta’ee  jira.

  1. Sabboonaa barataa Leencoo Fiixaa Hordofaa agriculture waggaa 3ffaa ,bakki dhaloota Godina Shawwaa kibba lixa Aanaa Daawo
  2. Ararsaa Laggasaa kan inni baratu engenering waggaa 4ffaa,bakki dhaloota Godina kibba lixa shawaa aanaa Tolee
  3. Jaarraa Margaa,kan inni baratu water engenering waggaa 4ffaa bakki dhaloota Godina shawwaa kibba lixaa Sabbata
  4. Alsan Hassan bakki dhalootaa shawaa dhihaa Ambo,kan inni baratu electrical engenering wagga 2ffaa
  5. Walabummaa Goshee kan inni baratu Economics waggaa 2ffa bakki dhalootaa godina shawaa lixaa Ambo,
  6. Irranaa Kabbadaa kan inni baratu agricultural wagga 2ffaa bakki dhalootaa godina Shawaa lixaa Ambo
  7. Sanyii Yaalii kan inni baratu economics waggaa 3ffaa bakki dhalootaa godina Shawaa lixaa AMBO
  8. Biqila Toleeraa  kan inni baratu veternari Medecine waggaa 6ffaa bakki dhaloota godina kibba lixa Shawaa AMBO
  9. Raggaasaa  kan inni baratu waggaa lammaaffaa water engenering bakki dhalootaa Godina Shawa lixati 10.maqaan nu hin geenye
  10. Ammaaf maqaan hin baramne.

    Barataa Fiixaa Hordofaa agriculture waggaa 3ffaa

    Barataa Fiixaa Hordofaa
    agriculture waggaa 3ffaa

 

Wallagga, Anfilloo Gada Yettii Keessatti Gaaffiin Mirgaa(FDG) Ka’e Daran Hammaatee Waraanaa fi Qondaalota Wayyaanee Sodaa Keessa Buuse.

Aside

DiddaaGuyyaa har’aa Caamsaan 28/Ginbot 20 akka mootummaa Wayyaaneetti guyyaa kabajaa isaanii kan ture godina Qellem Aanaa Anfilloo irratti guyyaan kun dagatamee Wayyaanotii fi ergamtooti isaanii gara diddaa dhaamsutti bobbahaa oolan. Guyyoota muraasa dura aanaa Anfilloo ganda Yattii irratti ergamtooti Wayyaanee fi kanneen sirna EPRDF jalatti amanamaa ta’anii tajaajilan tuffii fi uummata Oromoo arrabsuu irraan kan ka’e uummanni ganda kanaa gara tarkaanfiitti seenee akka jiru gabaasuun keenya ni yaadatama.

Walitti bu’iinsi Oromoo fi ergamtoota Wayyaanee jidduu jiru daran  cimaa dhufuu irraan humni waraana Wayyaanees dachaadhaan halkanii guyyaa gara ganda kanaatti bobbahaa jira. Kaleessa jechuun Caamsaa 27,2014 Aangawoonni mootummaan Wayyaanee ayyaana Gibot ykn Caamsaa 20 fi sababaa uumata tasgabbeessuu jedhuun humnaan uumata walgahiitti yaasuu yaalan, Ummanni Oromoo hamma xiqqaa ta’e walgahii kana irratti argaman iyyuu dabballootaa fi aangawoota Wayyaanee akka biyyaa gadhiisanii fi biyyi Oromoo kan Oromoo ta’uu qabdi kanaafi barattootii fi uumanni Oromoo gaaffii mirgaa kan kaaseefii jechuun qaanyessuun walgahichi akka fashalu taasisan.

Haala kanaan uumata diddaa dhageessise battalumatti nama 16 hidhuun mana hidhaa magaalaa Anfilloo Muggii keessatti reebichaa fi dararaa ulfaataa akka irraan gahaa jiran beekamee jira.Kanneen keessaa:-

1.Kaasayee Tasfaayee-Qote Bulaa gandichaa
2.Taaddalaa Qana’aa -Qote Bulaa gandichaa
3.Gabayyoo-Qote Bulaa gandichaa
4.Wandimuu Asaffaa -Qote Bulaa gandichaa
5.Qannaa Tafsaayee-Barataa
6.Ebbaa Abboomaa-Qote Bulaa gandichaa
7.Shuggux-Barataa
8.Obbo Goobanaa-Qote Bulaa gandichaa
Kanneen jedhamaniidha.Isaan kun namoota maqaan isaanii nu
dhaqqabeedha.Namootni kun waraqaa ABO ganda keessatti kan
maxxansu,uummata mootummaa irratti kanneen kakaasu sababaa jedhamuun dararaa haalaan ulfaataa ta’etu irraan gahamaa jira.

Gama biraan humni addaa uummata kana boodaan jira kan jedhuufis mootummaan Wayyaanee raafamaa jiru tikoonni isaa boqonnaa dhabanii halkanii guyyaa uummata nagaa keessa meeshaa lolaa guuranii yaa’u, waraanni konkolaataa hedduun guyyoota
lamaa asitti dhufee gandoota Anfilloo keessa qubataa jira,sochiin uummataa gandoota aanaa kanaa keessaa addatti kan ganda Yattii,Ashii fi Garjeeda irra jiru mufannaa guddaa mootummaan Wayyaanee irratti uumee jira.

Gama biraan Caamsaa 28,2014 barihuun Magaazina kuufama meeshaa waraanaa Wayyaanee kan ta’e weeraramee humna hin beekamneen qabeenyi waraana Wayyaanee fudhatame. Haala kanaan loltooti Wayyaanee Taammiruu fi Taaddalaa jedhaman kan Magaazina eegan tohannoo jala galuun dararaan guddaa irraan gahamaa akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

 

 

Breaking News:Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa Ayaana Ayyaanee Wayyaanee Caamsaa 20 Nyaata Lagachuun Dabarsan

Aside

Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa Ayaana Caamsaa 20 irratti nyaata lagachuun diddaa dhageesisan. Yuunivarsiitii Garaa garaa keessattis Sabboontotni Oromoo uffata gaddaa 

DiddaaMootummaa Wayyaanee irratti qabsoon abbaa biyyummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Barattootni Oromoo ayyaana Mootummaa Wayyaanee Caamsaa 20 irratti Yuunivarsiitii keessatti nyaata lagachuun diddaa dhageessisan. Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti baay’inaan 10,000 ol tahan Guyyaa waanjoon garbummaa Uummata Oromoo irratti bifa jijjiirratee dhufe Caamsaa 20 gaddaan dabarsuun diddaa nyaata lagachuu taasisanii jiran. Bulchinsi mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Bulchaan Godina Harargee bahaa dhimma kana irratti dhiphina guddaa keessa kan seenan yoommuu tahu Mootummaan wayyaanees haala jabaan dhiphattee jirti. Barattootni Kunneen nyaata lagachuu irraan darbuun uffata gaddaa kan uffatan Yoommuu tahu diddaa wal fakkaataan Yuunivarsiitii Adaamaa, Amboo fi Hawaasaa keessatti bifa wal fakkaataan sabboontotni Uffata gaddaa uffachuun ayyaana caamsaa 20 gaddaan yaadatanii jiran.