Caamsaa 30.2014 Amboo
Caamsaa 30,2014 Godina Lixa Shawaatti goototni barattootni Oromoo kutaa 10ffaa qormaata Biyyoolessaa kutaa 10ffaa qoramaa turan har’a xummuruun FDG kaachisan.
Goototni barattootni Oromoo manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa kutaa 10ffaa Lixa Shawaa Amboo, Gudar, Xuuqur Incinnii, Geedoo, Midaa Qanyii qormaata biyyoolessa Kutaa 10ffaa humna poolisaa guddaan eegamaa fi doorsifamaa qorumsa guyyaa 3f qoraamaa turan irratti humnoota waraanaa fi tikoota mootummaa fashistii Wayyaanee EPRDF’n dorsifamaa turan.Akka kanaan guyyaa har’aa qorumsa biyyooleessa qoramaa turan xummuruun FDG itti fufuun gaaffii mirga uumata Oromoof falmaa itti fufan.
Sochii warraqsaa FDG barattootni kaachiisuuf qophaa’an duraa waraannii fi humni bittinneessa Wayyaanee Liyuuhayil jedhamuu barattoota irratti baay’inaan bobbaafamuun manneen barnootaa Amboo sadarkaa 2ffaa M/b Liibaan Maccaa Amboo, M/b Amboo sadarkaa 2ffaa lakkoofsa 2 fi m/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa, M/b Gudar Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina, M/b Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina, M/b barumsaa Baallammii sadarka 2ffaa fi Qophaa’ina, barattootni humna waraanaa Waayyaanee humnaa ol itti bobbaafameen bittinneeffamaniru.
Addaatti Sabboontootni Gootootni Barattootni Oromoo Aanaa Xiiquur Inicinnii M/b Dirree Badhaas Sadarkaa 2ffaa gaaffii mirgaa kaasaniin waraanaa Wayyaanee irratti fincilan, waraannii Wayyaanee Barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachuuf jiran afaan qawwee fi humnaan dura dhaabbate. Waraanni wayyaanees barattoota Oromoo dararuu itti fufe jira. Baraataa Oromoo Diinaaol (Mokonnoon) Taaddasaa Barataa Mana barumsaa Dirree Badhaas kutaa 11ffaa humna Waraanaa Wayyaaneen qabamee eessa buteen isaa dhabamuun gabaafamera.