SBO/VOL – Waxabajjii 14,2017) Ummatni Oromoo miidiyaa dhimma isaa irratti xiyyeeffatu akka hin qabaatne taasifamuu irraa baroota dheeraaf dhimma isaa irratti alagaa taasifamee turfame. Miidiyaa ofii dhabuun Oromoon eenyummaa isaa fi walii isaas akka hin beekne taasisuuf gargaare. Haala keessa jiru, haala naannoo fi addunyaa irratti odeessa haqaa fi qabatamaa akka hin arganne taasisuun odeessa irraa fageesse.
Ummatni Oromoo dheebuu odeeffannoo haqaaf qabu kan bahuu eegale tamsaasi raadiyoo SBO erga jalqabeen asi dha yoo jedhame dhara hin tahu. SnBO arraata ABO dhimma Oromoof dursa kennuun odeessa ummata Oromoo gargaaru dhaqqabsiise, seenaa Oromoo hubachiise, firaa fi diina isaa akka adda baafatu taasise, haala keessa jiruu fi mirga qabaatuu male barsiisee dha jechuutu danda’ama.
Miidiyaan ABOn hogganamu kaayyoo qabsoo Oromoo milkeessuuf kan jojjatu tahuun ifaa dha. Waan taheef, wanneen QBO jabeessanii fi gargaaran irratti xiyyeeffatuun hojjata. Akeeka kana irratti hundaa’uudhaanis odeeffannoo haqaa fi qabatamaa ummata Oromoon gaha.
ABOn maaliif akka qabsaa’u ummata Oromoo hubachiisuun, dhiibbaan alatti murtii ofii akka fudhatu taasisuu, kanneen faallaa dantaa ummata Oromoo dhaabbatan dursee hubachiisuu fi akeekni ittiin deeman kan ummata Oromoo hin fayyadne, bilisummaa dhugaa argamsiisuu irratti hanqina kan qaban tahuu hubachiisuun murtii dogoggoraa irraa akka of eegu taasisuu irratti qoodni miidiyaan kun gumaachee fi gumaachaa jiru olaanaa tahuu ummatichi abbaan dhimmaa ragaa taha.
Har’a addunyaan yeroo kamiyyuu caalaatti odeeffannoo irratti hirkatti. Kan odeeffannoo haqaa fi qabatamaa yeroon hin arganne yeroo waliin tarkaanfachuu hin danda’u. Haala shaffisaan jijjiiramu keessatti qooda isaa kan hin beekne, haala itti as adeemaa jiruu fi haala farreen ummataa itti jiran hin hubatne, dhimma isaa sirnaan beekee murtii qajeelaa fudhata jechuun ulfaataa taha.
Farreen bilisummaa fi dimokraasii miidiyaalee qabanitti gargaaramuun ummata Oromoo dogoggorsuuf halkanii guyyaa hojjatan. Kan isaaf dhimman fakkaatanii ololuun dantaa isaanii tursatuu fi tikfatuun dhara haqa fakkeessanii dhiheessu. Bittaa isaanii jala tursuuf abdii hin guutamne abdachiisuun abdiin akka jiraatu miidiyaa dhuunfatanitti gargaaramu. Kan diina ummataa hin taane diina fakkeessanii dhiheessuu, akkasumas, jaarmayaa haqa ummataaf falmutti maqaa gara garaa maxxansuun akka irraa fagaatu taasisuuf ifaaju.
Ummatni Oromoo miidiyaa isaaf dhimmu erga argatee kudhanoota sadii hin caalle. Waggoota gabaaboo kanneen keessatti kan hojjatame garuu salphaa hin turre. Xiqqaatu gama miidiyaa dhaabaatiin ummatni Oromoo haala keessa jiru, hiraar bulchiinsi alagaa irraan gahu beekuu, eenyummaa fi seenaa isaa baratuu fi hubatuu danda’eera jechuutu danda’ama. Har’a ummatni Oromoo dhimma isaa beekee sadarkaa rakkoo isaaf furmaata argamsiisuuf bakka hundaa wal dhagahee fi harka wal qabatee qabsaa’u gahuu isaa ummata ifatti agarsiisee dha.
Jabina QBO fi tokkummaa Oromoo argamsiisuu keessatti qoodni miidiyaalee Oromoo addatti ammoo SBO yoomiyyuu kan hin dagatamnee dha. Hundeeffamni SBO wayta kabajamu kanatti har’as taanaan ummatni Oromoo miidiyaalee isaaf dhimman, odeessa qabatamaa fi haqaa ittiin gahan, shira diinaa fi farreenii saaxilan, egeree isaa isaaf akeekan kanneen biroo irraa adda baafatee beekuun barbaachisaa akka tahe yaadachiisuun karaa dha.
Miidiyaaleen ABO akkuma kanaan duraa odeessa haqaa ummata Oromoo biraan gahuu irratti hojjatuu itti fufan. Shira diinaa dursanii saaxiluu dhaan ummatni keenya dogoggora irraa akka of eegu taasisuuf kan irraa eegamu hojjatuu irraa of hin qusatan. Tokkummaan Oromoo caalaatti cimee akka mul’atu taasisuu irratti hojjatuun ammas akeeka miidiyaalee ABO ti.
Walii gala ummatni Oromoo akeeka ka’eef bakkaan gahatuun biyya isaa irratti abbaa, hiree isaa irratti murteessaa akka tahuuf miidiyaaleen dhaabaa kan danda’amu hunda kan guutan tahuu wayta hundeeffamni SBO waggaa 29ffaan kabajamaa jiru kanatti irra deebi’uun mirkaneessa.
(SBO/VOL – Waxabajjii 14,2017) Ummatni Oromoo miidiyaa dhimma isaa irratti xiyyeeffatu akka hin qabaatne taasifamuu irraa baroota dheeraaf dhimma isaa irratti alagaa taasifamee turfame. Miidiyaa ofii dhabuun Oromoon eenyummaa isaa fi walii isaas akka hin beekne taasisuuf gargaare. Haala keessa jiru, haala naannoo fi addunyaa irratti odeessa haqaa fi qabatamaa akka hin arganne taasisuun odeessa irraa fageesse.
Ummatni Oromoo dheebuu odeeffannoo haqaaf qabu kan bahuu eegale tamsaasi raadiyoo SBO erga jalqabeen asi dha yoo jedhame dhara hin tahu. SnBO arraata ABO dhimma Oromoof dursa kennuun odeessa ummata Oromoo gargaaru dhaqqabsiise, seenaa Oromoo hubachiise, firaa fi diina isaa akka adda baafatu taasise, haala keessa jiruu fi mirga qabaatuu male barsiisee dha jechuutu danda’ama.
Miidiyaan ABOn hogganamu kaayyoo qabsoo Oromoo milkeessuuf kan jojjatu tahuun ifaa dha. Waan taheef, wanneen QBO jabeessanii fi gargaaran irratti xiyyeeffatuun hojjata. Akeeka kana irratti hundaa’uudhaanis odeeffannoo haqaa fi qabatamaa ummata Oromoon gaha.
ABOn maaliif akka qabsaa’u ummata Oromoo hubachiisuun, dhiibbaan alatti murtii ofii akka fudhatu taasisuu, kanneen faallaa dantaa ummata Oromoo dhaabbatan dursee hubachiisuu fi akeekni ittiin deeman kan ummata Oromoo hin fayyadne, bilisummaa dhugaa argamsiisuu irratti hanqina kan qaban tahuu hubachiisuun murtii dogoggoraa irraa akka of eegu taasisuu irratti qoodni miidiyaan kun gumaachee fi gumaachaa jiru olaanaa tahuu ummatichi abbaan dhimmaa ragaa taha.
Har’a addunyaan yeroo kamiyyuu caalaatti odeeffannoo irratti hirkatti. Kan odeeffannoo haqaa fi qabatamaa yeroon hin arganne yeroo waliin tarkaanfachuu hin danda’u. Haala shaffisaan jijjiiramu keessatti qooda isaa kan hin beekne, haala itti as adeemaa jiruu fi haala farreen ummataa itti jiran hin hubatne, dhimma isaa sirnaan beekee murtii qajeelaa fudhata jechuun ulfaataa taha.
Farreen bilisummaa fi dimokraasii miidiyaalee qabanitti gargaaramuun ummata Oromoo dogoggorsuuf halkanii guyyaa hojjatan. Kan isaaf dhimman fakkaatanii ololuun dantaa isaanii tursatuu fi tikfatuun dhara haqa fakkeessanii dhiheessu. Bittaa isaanii jala tursuuf abdii hin guutamne abdachiisuun abdiin akka jiraatu miidiyaa dhuunfatanitti gargaaramu. Kan diina ummataa hin taane diina fakkeessanii dhiheessuu, akkasumas, jaarmayaa haqa ummataaf falmutti maqaa gara garaa maxxansuun akka irraa fagaatu taasisuuf ifaaju.
Ummatni Oromoo miidiyaa isaaf dhimmu erga argatee kudhanoota sadii hin caalle. Waggoota gabaaboo kanneen keessatti kan hojjatame garuu salphaa hin turre. Xiqqaatu gama miidiyaa dhaabaatiin ummatni Oromoo haala keessa jiru, hiraar bulchiinsi alagaa irraan gahu beekuu, eenyummaa fi seenaa isaa baratuu fi hubatuu danda’eera jechuutu danda’ama. Har’a ummatni Oromoo dhimma isaa beekee sadarkaa rakkoo isaaf furmaata argamsiisuuf bakka hundaa wal dhagahee fi harka wal qabatee qabsaa’u gahuu isaa ummata ifatti agarsiisee dha.
Jabina QBO fi tokkummaa Oromoo argamsiisuu keessatti qoodni miidiyaalee Oromoo addatti ammoo SBO yoomiyyuu kan hin dagatamnee dha. Hundeeffamni SBO wayta kabajamu kanatti har’as taanaan ummatni Oromoo miidiyaalee isaaf dhimman, odeessa qabatamaa fi haqaa ittiin gahan, shira diinaa fi farreenii saaxilan, egeree isaa isaaf akeekan kanneen biroo irraa adda baafatee beekuun barbaachisaa akka tahe yaadachiisuun karaa dha.
Miidiyaaleen ABO akkuma kanaan duraa odeessa haqaa ummata Oromoo biraan gahuu irratti hojjatuu itti fufan. Shira diinaa dursanii saaxiluu dhaan ummatni keenya dogoggora irraa akka of eegu taasisuuf kan irraa eegamu hojjatuu irraa of hin qusatan. Tokkummaan Oromoo caalaatti cimee akka mul’atu taasisuu irratti hojjatuun ammas akeeka miidiyaalee ABO ti.
Walii gala ummatni Oromoo akeeka ka’eef bakkaan gahatuun biyya isaa irratti abbaa, hiree isaa irratti murteessaa akka tahuuf miidiyaaleen dhaabaa kan danda’amu hunda kan guutan tahuu wayta hundeeffamni SBO waggaa 29ffaan kabajamaa jiru kanatti irra deebi’uun mirkaneessa.
Reblogged this on OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA.
Pingback: Midiyaan Haqaaf Dhaabbate Ummata Biratti kabajaa qaba – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA