Leelloo Sabaan
Akka seera addunyaatti, dirqammi mootummaa tokko inni olaanaan, biyya irratti gaafatama qaba jedhamu san keessatti, lubbuu fi qabeenna ummattootaa gaaga’ama seeraan alaa irraa tiksuun nagummaan jiraatee diinagdee isaa akka guddifatuuf haala aanjaa uumuu dha. Mootummaan tokko, ogguu aangoo biyya tokko ofitti fuudhu, dirqama kana akka raawwatu heera biyyaa suni qabatee ummata duratti irbuu seenee hojii eegala. Raawwiin hojii mootummaa tokkos, lubbuu fi qabeennya ummata biyyichaa balaa irraa tiksuu irratti hagam akka hojjeteen ilaalama.
Lubbuu fi qabeenni ummata Oromiyaa, kan balaaf saaxilame, guyyaa gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufe irraa eegaleetu. Miniliki Oromiyaa irratti duulee ogguu gabroomfatu, ummata Oromiyaa miliyoona shan lolaa fi dhukkubaan akka fixe ragaaleen seenaa hedduu dha. Dargiin illee akkasuma, qabeenna ummata Oromiyaa saamuu fi saamsisuu, akkasumas, dargaggoo Oromoo afaan qawweetiin manneetii barnootaa fi oomisha adda adda irraa walitti guuruun lola isa hin ilaaletti galchee lubbuu isaan balaaf saaxiluun aangoo irraa jiraachaa ture. Kana malees, ogguu beelli ummata Oromiyaa mudatu, callisee ilaaluun, beelaan akka dhumatan shira hojjechuun lubbuu ummata Oromoo balaaf saaxilaa kan turee dha. Mootummaan Wayyaanee/Aggaamee, ammaan tana aangoo Impaayera Ixoophiyaa harkaa qabu ammoo, ummata Oromiyaa sab-bicutti jijjiiruun gaaffii siyaasaa ummata kanaa gaaffii sab-bicuutti gadi xiqqeessuuf imaammata ifatti labsatee lubbuu fi qabeenna ummata Oromoo balaa dhabamaaf saaxilee argama. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk