Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Guraandhala 2, 2017

Aside

Hidhamtoonni Oromoo Maakalawwiitti Gidirfamaa Jiran Haala Hedduu Rakkisaa Keessa jirachuun Himame.

Aside

Gurraandala 2,2017
Because I am OromoHidhamtoonni Oromoo qaqqaaliin Makalaawwitti hidhamanii jiran dararaa hedduu ulfaataa keessa jiraachuu maddee keenya gabaasa.Akka oduu SQ gahe ifa taasisutti reebichi Makalaawwii keessatti Uummata Oromoorra dhaqqabaa jiru kan  midhama gurguddaa hanga sammuuf qaama hir’achuurra geessisuuf jiru ta’uutu himama.Hidhanii rarraasanii reebuu,humna ibsaan torch taasisuu fii rukuttaa hamaan hidhamtoota Oromoo nagaa irratti taasifamaa jira.Haaluma kanaan hidhamtoota Naqamteerraa hidhaman keessaa kan miidhamni isaanii sadarkaa yaaddoo irra gahee jiru keessaa barreessaa Kitaaba Uddeellaa barataa  Galataa Caalii fi Gaaddisaa mucaa jedhamurratti reebichi qaama bicuu Wayyaaneen gageeffaamaa jiruun dhibee sammuun illee cuqamanii jiraachuu hin hafan kan jedhu keessa Beektonni folisoota Makalaawwii sana keessa hojjetan .nuuf himanii jiran. Continue reading

Qophii “Kaayyoo” Maree Obbo Dhaabaa Galataa fi Israa’eel Fayyisaa Waliin Taasise.

Aside

Godina Arsii Aanaa Balee Keessatti Gootonni Barattooti Oromoo Faaruu Alaabaa Sirna Wayyaanee Farfachuu Diduun FXG Itti Fufan.

Aside

4-must-go1Gurraandhala 2,2017 ,Godina Arsii Aanaa Balee keessatti barattoonni faaruu Alaabaa ganama ganama faarfamu faarfachuu diduun dhagayame.akka odeessi Aanicharraa dhufe himutti.Mana Barnootaa Mariiqaa Sad 1ffaa, Mana Barumsa Adamtuu Sad 1ffaa, Mana Barumsaa ingooyyee gooyaa Sad 1ffaa, Mana Barumsa Farzaanaa  sad 1ffaa keessatti ganama har’aa faaruu Alaabaa faarfachuu dhaabanii jiru.

Continue reading

Wayyaaneen TPLF Gaaffii Ummataa Dabsee Afaan Fajjii Uumuu Yaale Itti Hin Milkoofne.

Aside

Gurraandhala 2,2017
Eega Warraaqsi Uummataa banbanee asitti sochii hawwasaa qabbaneessuuf karaa hedduu yaalaa turuun Wayyaanee nii yaadatama.Keessattuu uummata afaan qawween bulchuuf duula waraanaa irratti labsuun uummata shororkeessaa turtee ittis jirti.Duulli Wayyaanee uummatarratti bante kun kan adiyyooma ishee saffisiisu malee kan danbalii jireenyaa ta’eefuu dhommoqarraa ishee baraaruu ta’uu dhabuun humna Command Post erga uummata tasgabeessuu dadhabee duula oollota Oromoo uummatartatti kaasuu fudhattee turte.Hawwiinf fedhiin ishees qe’ee Oromoo humnaa cabsitee dhaaluuf fudhachuu qofaa waan tureef michoota taasifachuun naannolee ollaa irratti kaasuun daangarra Oromo jiran dararaa turtee Qe’ee Oromoo onsuufis irratti dalgaa turte. Continue reading

SBO Gurraandhala 03,2017. Oduu, Gaaffii fi deebii Art.Elemoo Alii waliin taasisamee fi walaloo

Aside

“Dabeessatu Yaada Deebii” Wallee Warraaqsaa Hawwisoo Qeerroo

Aside

Godina Arsii Aanaa Amiinya Magaalaa Addellee Keessatti Kaabinooti OPDO Ummata Dogoorsuu Yaalan Hin Milkoofne.

Aside

13895322_315922245464518_1980774746114202586_nGurraandhala 1,2017/ Godina Arsii Aanaa Amiinyaa Magaalaa Addeellee keessatti OPDOn karaa kaabinoota isiitin hojiin dargaggootaf uumamee dargaggoota keessan warra hojii hin qabne dhuftanii akka galmeessitan jechuun gandaa gandarra deemtee ummata goyyomsaa akka jiran Qeerroon gabaasa. Akka Qeerroon gabaasetti  Wwayyaaneen dargaggoota maatin isaanii hin galmeessisin humna Qeerroo qindeessu jechuun adamsuu akka heddus dhagayameera. Asuma Godinuma kana Aanaa   Heexosaa Magaalaa Abaadir keessatti basaasaa wayyaanee.dargaggoota hiisisaa fi reebicha irraan geessisaa ture. Hojjataa bulchiinsa  Magaalattii kan tureefi ammas itti jiru.Muhaammad H/ Awwal jedhamu irratti ummanni naannichaa  halkan kaleessaa miidhaa hamaan irra gayuun amma Hospitaala Asallaatti yaalamaa jiraachuu Qeerroon Aanichaa gabaasee jira. Continue reading