Wayyaaneen TPLF Gaaffii Ummataa Dabsee Afaan Fajjii Uumuu Yaale Itti Hin Milkoofne.

Gurraandhala 2,2017
Eega Warraaqsi Uummataa banbanee asitti sochii hawwasaa qabbaneessuuf karaa hedduu yaalaa turuun Wayyaanee nii yaadatama.Keessattuu uummata afaan qawween bulchuuf duula waraanaa irratti labsuun uummata shororkeessaa turtee ittis jirti.Duulli Wayyaanee uummatarratti bante kun kan adiyyooma ishee saffisiisu malee kan danbalii jireenyaa ta’eefuu dhommoqarraa ishee baraaruu ta’uu dhabuun humna Command Post erga uummata tasgabeessuu dadhabee duula oollota Oromoo uummatartatti kaasuu fudhattee turte.Hawwiinf fedhiin ishees qe’ee Oromoo humnaa cabsitee dhaaluuf fudhachuu qofaa waan tureef michoota taasifachuun naannolee ollaa irratti kaasuun daangarra Oromo jiran dararaa turtee Qe’ee Oromoo onsuufis irratti dalgaa turte.

Taatus hawwiin ishee kan dhugoomaafii jiru utuu jin taane akka Uummatichi haaloo kuufatuuf kallattii qabsiisee jira. Amma qe’een oromoo maalirrra jira kan jedhuuf qe’een keenya afaan qawwee wayyaanee jala ha seenu malee tattaaffii bilisummaaf taasifamuuf qabsoon kan duuba deebi’aa jiru utuu hin taane ittuu haaloo qabannaan kan adeemaa jirudha.
Uummani kaleessa kuufamni aarii humnaan ol itti ta’ee warraaqsa dhoose har’as kiyyoo wayyaanee jala tole jedhee utuu hin taane
dirqamaan bulaa jira.Kana ofirraa konkolaachisuuf nama biraa eegaachuun irra hin jiraatu hireesaa ofiin murteeffachuu danda’uu isaa
hubannoon fudhateera nama jechisiisa.Gama biraan hawwiin hawwaasichaaf gaaffiin kara mootummaatti dhiyaate waan deebi’e jechuun hololtoonni Wayyaanee kan dubbattu taatus oduun hololaan gowwonfamuu tasuma akka hin jirre hubannoo keessa galee jira.Haalli jiru hawwaasa keessatti haala bareedadha.Namuu akka sochii warraaqsaa gaggeessaa jiru duuba hin deebine waliif yaada jijjiira jira.Hawwiin hawwaasaa Oromoo inni guddaan Bilisummaa isaa mirkaneeffachuun biyyaaf biyyoo isaarra nagaan jiraachuudha.Kanas kan galmaan gahuufi danda’u Tokkicha ABO fi WBO beelaaf dheebuu damdamatee gammoojji biyya hormaa keessa jiru ta’u cimsee beeka
Haaromsi uummatatti bafamee uummata ittiin sobuuf sosobuuf yaadame tasa kan milkaaye utuu hin taanee wal dhabdee jabaa qaamota OPDO
keessa haalaan buusaa jira.Kunis karaa injifannootti kan nu gessuu ta’uu isaa walitti bu’insi diinaa kun nii mirkaneessa.
Walumaa galatti gaaffii uummataa afaan fajjeessuuf yaaltullee wayyaaneen milkii irraa argataa kan hin jirre yoo ta’u maloota ittiin hawwaasatti bobbaa’aa jirtu maraanuu kufa jiraachuu argaaf dhageettiin ragaadha

1 thought on “Wayyaaneen TPLF Gaaffii Ummataa Dabsee Afaan Fajjii Uumuu Yaale Itti Hin Milkoofne.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests:#OromoRevolution: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2017 (February) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s