Sagantaan ” TV Gaaddisa Dhugaa” Karaa TV ONN Qilleensa Irraan Darbuuf Qophii Xumuratee Jira.

Aside

ONN: Oromia News Network

Aside

Godina Arsii Anaalee Gara Garaa Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

QeeroGurraandhala 4/2017 Godina Arsii bakkoota hedduutti Qeerroon barattoonni Oromoo M/B sadarkaa 1ffaa Faaruu Alaabaa farfachuu dhiisuun  fi Barnoota Lammummaaf Amala gaarii hin barannu jechuun itti fufuun Aanaa Doddotaa M/B Koloobaa fi M/B Boolloo keessattis eegaluunii jiraachuun itti fufee jira,Aanaa gololchaattis M/B Haroottis eegalamee jira, doorsifnii fi roorroon barsiiftonni ergamtuu
Wayyaanee ta’anis itti fufuun Arsii Aanaa Roobee M/B Ataabaa Adamii fi Haddaa Baamoo keessattis itti fufeera.

 

SBO: Gurraandhala 5 bara 2017. Oduu, Ibsa Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Sidaamaa baase irratti gabaasa qindaa’e fi Gaaffii fi deebii Artiist Elemoo Alii waliin taasifame -Kutaa 2ffaa.

Aside

DR,QADIIDAA Show, Marsii Siyaasaa Dargaggoo Caalaa Haayiluu Waliin Taasise.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Guraandhala 3, 2017

Aside

Godina Arsii Garaa Garaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gurraandhala 3/2017 Godina Arsii Keessatti barruulee warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Godina Arsiitin maxxanfamaa jiruun wal qabatee barattoonni manneen barumsaa diddaa isaanii karaa adda addaatin gaggeessaa jiraachuun himamaa jira, Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa godin Arsii Aanota gara garaa keessa jiran guyyoottan darban keessatti FXG karaa adda addaatin ibsachaa turuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’uu ammallee Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kan Akka manneen barnootaa Caffee Sabiroo, Doommaroo, Abaadir,Gabbee, Siree, Jiddaa, Bullaalla, Haddaa Baamoo, Ataabaa Bookee, Haliilaa, Kullaa, xiichoo, Jimaata, Xaqqee ciimoo, Ajjee keessatti argaman faaruu alaabaa faarfachuu dhaabudhaan barattoonni daa’imman fuulduraan hiriiranii jiran faaruu eegaluun warra duuban hiriire dargaggootaf shamarran farfachuurraa uf qusachuu isaanii hibatuun daa’immanis addaan kutanii jiraachudhaan Dura taa’onni manneen barnootaa gola golaan irra deemudhaan barattoota akka faaruu faarfatan doorsisaa jiraachuu Qeerroon barattoonni Oromoo gabaasaa jiru, Qabsoon karaa hundaan itti fufa. Continue reading

Itti fufna qabsoo

Aside

Kabaja Guyyaa WBO fi Dirmannaa Sabaa (Oromo Mobilization), Washington DC, 01-21- 2017 – Kutaa 1

Aside

“Gufuu Namaa Kaayan Abbuma Kaaye Dhaha”

Aside

Michuu Lammii Irraa

barruuOromoon yoo mammaaku boolla namaaf qottu gadi hin fageessin, abbaa dura bu’u hin beekanii jedha. Egaa dubbiin itti gala qaba. Har’a hedduun kiyyoo kiyyeessanii danuu ittiin kuffisaniin yoo kufan argaa jirra, eeboo ittiin nama waraanaa turanis deebisee yoo isaan waraanu ifatti mul’achaa jira. Sareen lafuma nyaattuu dutti akkuma jedhamu opdo’n kaleessa gooftoliisheef ergamtee ilmaan oromoo nyaataa turte hedduun har’a maqaa kiraa sassaabdummaatiin yeroo itti dararaman argaa jirra. Guutummaa oromiyaa keessatti, bakkeewwan hedduutti kaleessa qarriffaa diinaa ta’anii kanneen saba isaanii alanfatanii, caccabsaniii nyaachaa turan, har’a ilkaan isaanii deebisee of nyaataa jira.

Warreen ergama tplf fudhatanii saba isaanii gidirsaa turan kunneen kaleessa eessa turan yoo jenne, deebiin isaa salphaadha.isaan kun kaleessa wayyaaneef lukee ta’uun saba isaaniitti diina warren turanidha.akkuma nama aangoo fi ofitti amanamummaa qabu tokkoo dhaabni keenya,dhaabni dimookiraatawwaa fi misoomaa jechuun wayyaaneef soyyolaalee (jalaa qabuun) weeddisaa turan.dhaaba saba isaanii dachee irraa dhabamsiisuuf saganteeffate waliin dibbee reebaa turan. Continue reading