Gurraandhala 3/2017 Godina Arsii Keessatti barruulee warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Godina Arsiitin maxxanfamaa jiruun wal qabatee barattoonni manneen barumsaa diddaa isaanii karaa adda addaatin gaggeessaa jiraachuun himamaa jira, Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa godin Arsii Aanota gara garaa keessa jiran guyyoottan darban keessatti FXG karaa adda addaatin ibsachaa turuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’uu ammallee Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kan Akka manneen barnootaa Caffee Sabiroo, Doommaroo, Abaadir,Gabbee, Siree, Jiddaa, Bullaalla, Haddaa Baamoo, Ataabaa Bookee, Haliilaa, Kullaa, xiichoo, Jimaata, Xaqqee ciimoo, Ajjee keessatti argaman faaruu alaabaa faarfachuu dhaabudhaan barattoonni daa’imman fuulduraan hiriiranii jiran faaruu eegaluun warra duuban hiriire dargaggootaf shamarran farfachuurraa uf qusachuu isaanii hibatuun daa’immanis addaan kutanii jiraachudhaan Dura taa’onni manneen barnootaa gola golaan irra deemudhaan barattoota akka faaruu faarfatan doorsisaa jiraachuu Qeerroon barattoonni Oromoo gabaasaa jiru, Qabsoon karaa hundaan itti fufa.
Kana malees Gurraandhala 3/2017 Godina Arsii Aanaa Balee Gasgaar Mana Barumsaa Maariqaa keessatti barattoota Mana barnootaa Sadarkaa 1ffaa Maariqaa keessatti baratan Muhaammad Ibraahim barataa kutaa 6ffaa Usuleeyman Abdurroo barataa kutaa 6ffaa Ahmad Maahmud barataa kutaa 5ffaa Kadiir Seeyfuu barataa kutaa 6ffaa Jibriil Kamaal Barataa kutaa 7ffaa Sittiinaa Amaan barattuu kutaa 6ffaa Eeliyaas Jamaal barataa kutaa 5ffaa Keeyraddiin Idiriis barataa kutaa 6ffaa Huseen Tunii barataa kutaa 6ffaa fi Ismaa’il Muktaar barataa kutaa 7 ffaa dareedhaa
yaasudhaan Dura taa’aa Mana barumsichaatin barruulee warraaqsaa kan maxxansaa jiruufi barattoota faarufii barnoota hin baratina jechuun
kan fincilaaf kakaasaa jiru isini kanaafuu gocha keessan kanarraa dhaabaadhaa yoo kan barattoonni faaruu faarfachuufi barumsa lammummaaf
amala gaarii barachuu didan taate barumsarraa akka ari’amtaniifi dabarsinee kumaand poostiif dabarsinee isin kennina jechuun
doorsifamaanii jiraachuun dhagayamee jira.kan nama gaddisiisu barattoonni kunniin mana barumsichaa keessatti ciccimoofi sadarkaa kan
qaban ta’uu Qeerroo Aanaa Balee gabaasee jira.