“Gufuu Namaa Kaayan Abbuma Kaaye Dhaha”

Michuu Lammii Irraa

barruuOromoon yoo mammaaku boolla namaaf qottu gadi hin fageessin, abbaa dura bu’u hin beekanii jedha. Egaa dubbiin itti gala qaba. Har’a hedduun kiyyoo kiyyeessanii danuu ittiin kuffisaniin yoo kufan argaa jirra, eeboo ittiin nama waraanaa turanis deebisee yoo isaan waraanu ifatti mul’achaa jira. Sareen lafuma nyaattuu dutti akkuma jedhamu opdo’n kaleessa gooftoliisheef ergamtee ilmaan oromoo nyaataa turte hedduun har’a maqaa kiraa sassaabdummaatiin yeroo itti dararaman argaa jirra. Guutummaa oromiyaa keessatti, bakkeewwan hedduutti kaleessa qarriffaa diinaa ta’anii kanneen saba isaanii alanfatanii, caccabsaniii nyaachaa turan, har’a ilkaan isaanii deebisee of nyaataa jira.

Warreen ergama tplf fudhatanii saba isaanii gidirsaa turan kunneen kaleessa eessa turan yoo jenne, deebiin isaa salphaadha.isaan kun kaleessa wayyaaneef lukee ta’uun saba isaaniitti diina warren turanidha.akkuma nama aangoo fi ofitti amanamummaa qabu tokkoo dhaabni keenya,dhaabni dimookiraatawwaa fi misoomaa jechuun wayyaaneef soyyolaalee (jalaa qabuun) weeddisaa turan.dhaaba saba isaanii dachee irraa dhabamsiisuuf saganteeffate waliin dibbee reebaa turan.

Har’a garuu wayyaaneen oolmaa isaanii duwwaa gochuun beenaa mana hidhaa ta’aa jettee rifaatuu hamaa keessa isaan buuste. har’a baayyeen OPDO maqaa kiraa sassaabdummaa mana hidhaa wayyaanee keessatti dararamaa jiru.dhiigni kichuu oromoo maqaa isaaniin dhangala’e iyyatee isaanis kunoo mana hidhaaf affeeraman.boru immoo hojii harka isaanii akka argatan shakkii hin qabnu.dhaabni misoomaa isaanii kun amma isaaniif orma ta’ee isaan dararuu eegale kun” keessatti keessa adurreen bineensa”mammaaksa oromoo sana mirkaneessa.mootummaan dimookiraatawwaa ofiin jettu kan jala adeemtotaa fi gantootaan bu’uureffamte kun yeroo har’aa kana muddama uummanni oromoo itti fide jalaa ba’uuf jecha maqaa haaromsaa jechuun kaabinoota isaa akka utubaatti isa qabanii turan garii bakka jijjiirruun garii immoo mana hidhaatti naquun muddama keessa seene keessaa ba’uuf jedhee wixxifachaa jira.wayyaaneen duras jaldeemtotaa fi gantoota akka wayyaanee irraa waan ijaarameef ofii maqaa tolfatee angoo isaa irra barabaraan jiraachuu fedha.jaldeemtotni wayyaanee kun garuu tooftaa diinaa kana wallaaluun saba isaaniitti eebicha ta’an;kanaan hin hafne wayyaaneenis isaan fayyadamtee akka qodaa cabeetti darbitee dhiisuu irra dabartee irbaata mana hidhaa goote.jaldeemtotni kun “bilaash baddee yaa gurree yokaan mataa koo hin jiisnee yookaan dirree kee hin ciisne” taatee hafte.yookaan oromoo biratti hin jaallatamne yookaan wayyaanee biratti jaallatamanii hin hafne akkuma gurree bilaash bade jaldeemtotni kun.gurreen yookaan dirree isaa hin ciisne yookaan mataa namicha rukkutee san hin jiisne .lukeen wayyaanee warren qarreffaa ta’uun ijoollee oromoo kichuutti dheedanii dheechisaa turan amma galata gooftolii isaaniirraa dhabanii mana hidhaa wayyaanotaa ciciisaa jiru.

Galanni lukeelee wayyaanee erga mana hidhaa ta’ee warren ijaarsa diinaa keessa jirtan ammaan malachuu qabdu.boru carraan keessan mana hidhaa,biyyaa akkuma juunaddiin saaddoo ari’amuu,akkuma alamayyoo atoomsaa summiin ajjeefamuu fi qabeenya keessaan dhabuu akka ta’e hin dagatiinaa;

Juunaddin saaddoo wayyaanotaaf magaalaa guddoo oromiyaa finfinnee dabarsee kenneef,barattoota oromoo hedduu irbaata rasaasaa godhe,garii mana hidhaaf wareege,kaan immoo barnoota isaanii irraa ariisise. oolmaan juunaddin kun hundi wayyaanee duratti bu’aa dhabee obbo juunaddiin moofaa isaa wayyaanota irraa guurrate illee osoo hin fudhatiin waaroo salphinaa san uffaatee ya kottee na baasi jedhe,uummata oromoottis gadi ba’uu qaana’e. jaldeemtotni gochaa juunaddin irraa hin baranne warren akka alamaayyoo atoomsaa osoo diinaaf kufee ka’aa jiruu summii obaasuun du’a hin taaneen ajjeesan,dogoggorri lukeelee wayyaanee kanaan hin dhaabbanne obbo zalaalam jamaanee lixa oromiyaa keessa gaafa ture ilmaan oromoo diinatti qabee kennaa ture ficcisiisaa ture,hojjetaa salphaa sadarkaa poolisummaa wallagga lixaa ta’ee tajaajilaa ture,yommuu sana ilmaan hedduu beegii,laaloo qilee,mandii,najjoo,gimbii fi bakkoota biro hedduutti ficcisiisaa ture.olmaan obbo zalaalem jamaanee wayyaanotaaf oole hedduudha.kanumarraa ka’uun sadarkaa guddinaa argatee biiroo qonna oromiyaa ta’uun muudame.yeroo kanatti hojiilee ammana hin jedhamne diinaaf dalagaa ture.haa ta’u malee wayyaaneen oolmaa obbo zalaalemii fi fakkaattota isaa dagachuun yeroo ammaa kana hidhaan gidirsaa jira.lukeeleen wayyaanee kana hundarraa barachuu dhiisuun ilmaan isaanii agaazii itti waamuun ajjeesisaa turan.firaa fi qomoo isaanii irraa adda ba’uun diinatti kooluu galan.diinni gantootaan bu’uureffame kun garuu umuriin tajaajila keessanii ga’a,isin mana hidhaa taa’aa jechuun itti qoose.gantuu biraa kan akka lammaa magarsaafaa bobbocatee deemsa isaa itti fufe.obbo lammaanis amma guyyaan isaa ga’utti wayyaanee waliin jala bultii sirbee;gaafa guyyaa isaa diinuma kooluu itti galee mana hidhaa seenuun isaa waan hin oolledha.

Kayyooon barreeffama kanaa namoota yeroo ammaa kana maqaa kiraa sassaabdummaan mana hidhaatti guuramaa jiran ilaallata.kaabinoonni godinaalee,aanota garagaraa fi sadarkaalee addaa addaa irra jiran hedduun yeroo ammaa kana maqaa haaromsaa jedhuun maqaa kiraa sassaabdummaa itti maxxansuun hidhamaa jiru.jalqabbiin mana wayyaanee erga gaafa ijaaramee qabee kiraa sassaabdummaa irraa bilisa ta’ee hin beekne har’a uummata of irraa tasgabbeessuuf jedhee gantuu jalqabaa hidhee gantuu booddeen oomishate bakka buusaa jira.hima diddeen du’a hin diddu akkuma jedhamu lukeelee kun dhiisaa lammii keessan sinii wayya,diinarraa deebaa yoo jedhamanii affeeraman dhiphoota oftuultota jechuun afaan warra tigiraay akkeessaa turan.

Warri ergamtoota diinaa ta’uun qomoo isaanii qoonqoof jedhanii dabarsaa;dhuma irratti albeema ofii qaratanii deebanii qalaman kun gochaa gooftoliin isaanii isaaniif godhan akka waan guddaatti ilaaluun yaaduu irraa kan ka’eenidha.wayyaneen biliyoonaan yoo saamtu lukeen isaa kuma kudhaniin saama.wayyaaneen yommuu gamoo ijaaru lukeen mana jireenyaa maatii isaaf ta’u ijaara.wayyaaneen yommuu albuuda oromiyaa keessaa guru lukeen isaa taa’ee gorora guura.maqaa sharafa biyya alaa jechuun yommuu wayyaaneen jimaa,gogaa,bunaa fi daraaraa biyya hambaatti ergu lukeen isaa uummata gochaa kana dura dhaabbachuun morme burjaajessa.misooma biyyaaf jenneeti malee fayidaa nama dhuunfaaf miti jechuun uummata sossobdi lukeen.wayyaaneen yommuu tigiraay keessatti waarshaalee ijaaran lukeen isaa OPDOn oromiyaa keessatti mana hidhaa qomoon isaa keessatti hiraarfamu ijaarti.ergamtootni diinaa kun osoo beekan uummata isaanii waliin ta’uun human wayyaanee dadhabsiisuun abbaa biyyaa ta’uu ni danda’u.garuu akkuma mallasaanfaa jedhaa turan OPDOn somba ittiin argantu hin qabdu.ofiin murteessuu hin dandeessu.osoo ofiin murteessuu dandeessi ta’e kora bittinneessaa uummata oromoo gooluuf magaalaa buufatee taa’u gara daangaa

soomaaleetti ergitee uummata liyuu hayiliin dhumaa jiru tiksu turan.aangoo kamiin kana gootiree opdon?aangoo isheen qabdu saba ishee qabdee diinatti kennuu,qabeenya uummata ishee saamsisuu,lafa oromoo diinatti dabarsitee gurguruu,diinatti daandii argisiisuun oromoo fi oromiyaa gooluu fi kkf’n irra taree hin beeku aangoon opdo.gantootni sabaa kun diinaaf osoo kana oolaa jiranii dhuma irratti gooftoliin isaanii itti galagaluun yakka ofii isaanii dalagaa turan hunda opdotti fe’uun mana hidhaa buusu.dhiyyeenya kana biiroo galiiwwanii fi gumurukii oromiyaa irraa kan hidhame wandimmuu birraatuu fakkeenya kaasuun ni danda’ama.wandimmuu birraatuu malaammaltummaan hidhamee yeroo ammaa kana mana hidhaa wayyaanee qilinxootti argama.wandimmuun meeqa same?diinagdee hagam kuufate?mana akkamii ijaarrate yoo jennee gaafanne;kan warra gooftolii isaanii waliin wal-hin argu.akkuman dura kaase inni tarii mana jireenyaa gaarii adaamaatti ykn moggaa finfinneetti ijaarrachuu danda’a,wayyaanonni garuu qabeenya oromiyaan dubaay,chayinaa fi biyyoota alaa hedduu keessatti gamoo ijaarratanii qabu.isaan kun hundi osoo hin hidhamiin wandimmuu birraatuu fi fakkaatotni isaa warri harcaatuu wayyaanee saammatan mana hidhaatti guuraman.kun salphina.warreen biliyyonan saaman akka fedhan fandalaalaa warren kuma kudhan saaman qe’ee fi ijoollee isaanii irraa hidhamuu caalaa salphina maaltu jiraree?

Kan nama dhibu abbaan biyyaa oromoon osoo same irraa bareeda.qabeenya isaa waan ta’eef,warri tigiraay garuu tuffii fi jibbee warra opdo irraa kan ka’een akka barbaadde dhimma itti baatee dhuma irratti kunoo zalaalem jamaanee,wandimmuu birraatuu,kaabinoota aanaa fi godinoota garaagaraa hedduu mana hidhaa taa’aa jechuun waaroo salphinaa itti haguugdee dhiiste.kaabinoonni kun mana kaleessa harka isaanii fi baajata ofii baasanii ijaaran sana keessatti darbaman.kanaaf “boolla qottu gad hin fageessiin abbaa itti awwaalamu hin beekan” kan oromoon jedhuufis.OPDOn ,albee ofii qaratteen qalamtee boolla ofii qotamteen awwaalamuun ishee waan mul’ataa jirudha.kana ilaaltanii warren ammayyu bobaa diinaa jala jiratan yeroo sin jalaa baatan amma jechuun barbaada.

Horaa bulaa

IUOF

GGBTI

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: