Michuu Lammii Irraa
Oromoon yoo mammaaku boolla namaaf qottu gadi hin fageessin, abbaa dura bu’u hin beekanii jedha. Egaa dubbiin itti gala qaba. Har’a hedduun kiyyoo kiyyeessanii danuu ittiin kuffisaniin yoo kufan argaa jirra, eeboo ittiin nama waraanaa turanis deebisee yoo isaan waraanu ifatti mul’achaa jira. Sareen lafuma nyaattuu dutti akkuma jedhamu opdo’n kaleessa gooftoliisheef ergamtee ilmaan oromoo nyaataa turte hedduun har’a maqaa kiraa sassaabdummaatiin yeroo itti dararaman argaa jirra. Guutummaa oromiyaa keessatti, bakkeewwan hedduutti kaleessa qarriffaa diinaa ta’anii kanneen saba isaanii alanfatanii, caccabsaniii nyaachaa turan, har’a ilkaan isaanii deebisee of nyaataa jira.
Warreen ergama tplf fudhatanii saba isaanii gidirsaa turan kunneen kaleessa eessa turan yoo jenne, deebiin isaa salphaadha.isaan kun kaleessa wayyaaneef lukee ta’uun saba isaaniitti diina warren turanidha.akkuma nama aangoo fi ofitti amanamummaa qabu tokkoo dhaabni keenya,dhaabni dimookiraatawwaa fi misoomaa jechuun wayyaaneef soyyolaalee (jalaa qabuun) weeddisaa turan.dhaaba saba isaanii dachee irraa dhabamsiisuuf saganteeffate waliin dibbee reebaa turan. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk