Manni Maree Uummataa Uummata Irratti Waraana Hin Labsu!

Dabmee Boruun

Biyya lafaa kana irratti hojiin nama miseensa mana maree tahee filamuu itti gaafatamni isaa uummata isaa filateef malee mootummaa biyya bulchuuf miti. Mootummaan biyya bulchu namoota hojii mootummaa hojjetaniif ofii muudata. Yoo akka mootummaan barbaadutti hojjechuu didanis hojii kenneef irraa molqee ari’uu danda’u. Miseensa mana maree garuu mootummaan ari’uu hin danda’u. Kan filatus yoo hojjechuuf dide ykn dadhaba tahe ykn badii hojjetee argame kan taa’itaa  irraa  buuse bakka nama sana kan nama biraa filatu uummata duranuu falate qofa tahuu qaba.

Miseensi mana maree afaan uummataa tahee uummatee isa ergateef hojjeta. Rakkinni fi  dhibeen  uummataa yaroon akka hiikamu. Uummata isa filatee tajaajila mootummaa akka kan fayyaa eegumsa, barnootaa,karaa wal quunnamtii fi guddina hormaataa akka qabaatu uummata isa ergateef hojjeta.  Haa tahu malee biyyaa akka Impayeera Itophiyaatti manni maree uummataa qaama mootummaa tahee waan mootummaan barbaadu ragaasisuuf dha hojiin isaa. Kanas waan godhaniif sababa adda addaatu jira. Inni duraa ofuma isaanii iyyuu mootummaan kun waan barbaadu yoo hojjechuu didan akka nagaa isaan dhowwatu waan beekaniif soda irraa kan ka’u dha. Karaa biraa ayyaan- ilaalatummaan qabamanii waa’ee uummataa dagatanii jireenya miidhagaa jiraachuuf jecha hojii mootummaa hojjechuu filatan.

Yaroo amma keessa jirru kana seeraan ala TPLF yaroo lamaffaaf Labsi Hattattamaa uummataa nagaa jiraatu irraatti labsaa jirti. Haalli labsi hattattamaa baraachisuu  biyyaa hin jirree keessatti labsii hattattaa labsuun uummata irratti waraana labsuu akka tahe biyyi lafaa hubachaa jiraa. Fuula durattis dura dhaabbachaa jira. Uummatni keenya illee Bahaa amma dhihaa Kabaa amma Kibaa waraana seeraa ala irratti labsame kallattiin dura dhaabatee jira. TPLF garuu waan seeraa godhachuuf akka mala ishee manni maree uummtaa akka waan seeraa fakkeessuuf oofaa jirtu ni agarra.

Akka TPLF hawwitu tahee yoo manni maree uummataa gargaarree uummata nagaa irratti kan waraanaa labsu tahe uummatni keenya mana maree kana akka qaama TPLF itti fudhachuuf dirqama.  Bakka bu’aa uummataa kennameef  sana irraa molqee akka qaama diinatti tuhatamuus qaba. Kan waraana kana gaggeessus tahe kan waraana kana gargaaruu uummataa du’aa jiruu biratti garagarummaa hin qabu.

Uummatni keenya waan bareechee hubachuu qabu OPDOn qaama Mootummaa EPRDF akka taate dha. Yoo OPDOn hin jiraanne EPRDF hin jiru. Yoo EPRDF hin jiraannee TPLF hin jirtu. TPLF warraa kanaan itti dhima baatee uummata keenya irra waggaa 27 deemte. Har’as namooni qondaalota OPDO tahan tokko tokko afaan uummata isaanii haa dubatan malee qaama mootummaa EPRDF waan tahniif waraana uummata keenya irratti labsaa jiruufis qaama akka tahan dagachuu hin qabnu. Labsii kana Oromiyaa keessatti kan  hojii irra olshu qabu OPDO dha. Labsii kana hojii irraa olshuu dhiisuuf OPDOn mootummaa EPRDF keessaa bahuu qabdi. Kun tasa waan tahu natti hin fakkaatu. OPDO mootummaa EPRDF keessaa baasuuf Uummatni Oromoo  mootummaa EPRDF kan TPLFiin hooggannamu cabsuu qaba.

Miseensonni mana maree uummataa prime minister TPLF isaanii dhiyeessitu yoo ragaasisaniif rakkina hin qabu. Nama tokko jijjiruun haala qabatamaa  biyya sana keessa jiru irratti homaa tokko illee gargarummaa hin uumu. Akka warri OPDO diaspora hawwaa jiran itti Obbo Lammaa Magrsaa ykn Dr. Abiyi Ahmad prime minister yoo tahan dhiiga uummata Oromoo dhangala’aa jiruu dhaabuu hin danda’u.  Mee caalaa iyyuu akka dhangala’uu hin godhiin. Kan barbaadde gochuuf aangoo kan qabu TPLF malee nama prime minister tahu akka hin taane namni hin beekne jira natti hin fakkaatu. Gegeessitoonni OPDO waggaa 27 darban waan uummata Oromoo tajaajilaa ture godhanii dhiyeessuu yaadu. Uummatni Oromoo garuu TPLF qabeenya Oromoo saamuu ,uummatni ajjeessamuu fi dararamuuf kan meeshaa taheef OPDO akka tahetti hubata.

Inni darbe darbee jira. Isa darbe seenaaf dhiifna.  Kaleessas , har’as tahe boruu diinni Uummata Oromoo cabsuu kan danda’u ilmaan Oromoo meeshaa godhatee akka tahe sirritti hubachuu qabna. Namonni akka Obbo Lammaa Magarsaa warri afaan uummataa dubbatanii fi rakkinaa uummataa hubatan utuu hojiin uummata isaanii wajjin dhaabbatanii gargarumaa fiduu ni mala. Yoo obbo Lammaan kan afaaniin dubbatu hojii irra kan olshu tahe Leenca Oromoo tahuu kan isa dhowwu hin jiru. Yoo hojiin hin argamne garuue hantuuta gogaa leencaa ufatee dubbatu irraa adda hin tahu.

Diinonnii Uummata Oromoo injifatamuu isaanii jalaa of dhoksuuf marchaa jiru. Labsiin hattattamaa kan barbaachisuu uummata sodaachisuuf. Uummatni Oromoo akka bilisa tahee fi diina injifate kan mirkanneefate gaafa soda moo’ate sana.  Baatii Sadaasa 2014 kaasee uummatni Oromoo sodaa akka injifatee jiru arguu dadhabuun tabjaa’uu dha. Shira addaa xaxxuunis waan dhimaa baasuuf dideef dhamaa jiru malee Uummata Oromoo sii achi  jilbeefachiisu akka  hin daneenye bareechanii beeku.

Of tulummaan kan of dhiibaa jirtu TPLF meeshaa waraanaa amma tokko waan qabduuf  lubbuu xiqqoo dheerafachuuf uummata irratti waraanaa labsuu filatti. Warri ayyaan –ilallattoonnis ishee fakkaatanii lama buluuf jecha hammenya isheen hojjetu keessaa qooda fudhatu. Gaafa TPLF baddu wajjin boola galuuf akka of qopheessaa jiranis dagachuu hin qaban. Warri miseensa TPLF hin taane kan akka Abbaa Dulaa Gammadaa, Abdi illee, Siraaji Fargeessa, Damaqee Mokoonon maafiyaa TPLF irraa adda bahanii ilaalamuu hin qaban. Ayyaanni isaanii kan TPLF irraa adda hin tahu. Yoo hundaa yaroo TPLf abaarruu warra dhiiga uummatn harka dhiqatee jiru  kana irranfachuu keenya akka hin taane hubatamuu qaba.

 Fincila uummata meeshaa waraana guddaa qabaachuun dhaamsuu ni danda’a utuu tahee mootummaan Soviet Union kan nukuleera biyyaa lafaa yaroo gabaabduu keessatti balleeessu danda’u qabu harka uummataatti caccabee biyya kudha shan hin tahu ture. Irree uummataa meeshaa fi waraanni kamuu cabsuu yoom akka hin jirree TPLF f galuu hin danda’u. UUmmata Oromoo qofa utuu hin taane uummata Impayeera Itophiyaa keessa jiru mara biratti TPLF xireefatamtee jirti.Namni TPLF itti dhagaa hin darbannee yoo jiraate ergamtoota ishee warra ishee wajjiin uummata saamuuf biyyaa balleessaa jiru qofa. Isaanis ishee wajjin waan badaa jiraniif lubbuu ishee miti kan isaanii iyyuu baraarefachaa hin jiran.

Manni maree uummata Labsii  Hattattamaa Lammaffaa kana TPLFf yoo ragaasisanis Fincila Xumura Garbummaa Qeerroon Bilisummaa Oromoon bubbisaa  jiru dhaabuu hin danda’an. Dhiiga uummata baayyee dhangalaasuuf garuu sababa tahuun ni mala. Akka nama ittis seenaa gurraachaa fudhatanii darbuu irraa uummata isaan filate wajjin dhaabbatanii didaa agrsiisuun seenaa boonsa akka qabaatan isaan godha.  Waan barbaadan biyya lafaa kana irratti yoo godhan TPLF kufaatii jalaa olshuu waan hin dandeenyeef uummata wajjin dhaabbachuun yaada eebisamaa dha.

 

 

                                    Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!

                                    Injifannoo Uummata Oromoof!

                                   

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s