Diddaan Ummata Oromoo Bifa Haaraan Eegale Lagannaa Gabaa Irraa Gara Fincila Xumura Gabrummaa Wal Irraa Hin Cinneetti Ceha
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 14,2018
Ummanni Oromoo seenaa boonsaa qabu dhiibbaa alagaa fi gabrummaa jaarraa tokkoof baadhataa ture na gahe jechuun ka’ee jira.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo bara haaraa 2018 fi guyyaa WBO ilaalchisee walgahii hogganootaa godhateen “ Labsii Qeerroo” Amajjii 11,2018 ummata Oromoof dabarsee ture irratti akka karooraatti kan fudhate keessaa amma gaaffiin ummata Oromoo deebi’utti Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) itti fufuuf Labsii dabarsuun ni yaadatama,Labsiin darbes Hayyoota Oromoo,Daldaltoota Oromoo,Qonnaan bultootaa fi Barattoota Oromoon hundi tokkummaan ka’uun bara kana keessatti xumura gabruma akka milkeessaniif labsii hojii irra ooluu fi seena qabeessa dabarsine. Continue reading