Qabsoo Magaalaa Naqamtee keessatti uummanni taasisaa jiru maalfakkaata?

Image may contain: one or more people, people standing, sky, cloud and outdoorQabsoo FDG walitti fufiinsaan adeemaa ture ABO tiin durfamee gantuus galtuus raasee bakkaa bubbutaa, kaanshee dhabama gochaa gara FXG tti ceene. Ammas qabsoon itti fufeera. Walirraa akka hincinnetti bifa miidhaan uummatarra hingeenyeen danboobee jabaatee dannabsaa jira. Tooruma magaalaalee Oromiyaa mara fakkaatuun Naqamtes yeroo gara yerootti sochii diddaa taasisuun hanga yoonaa didaa as gaheera. Leeqaanis ta’e Oromoon martuu waan godhuuf waan dalagu beeka. Qaama diinaaf fira ta’e addaan dhilee beeka. Yeroo kamuu uummatatu beekadha jenna nuti. Warri uummmata miliyoonarra beekna jedhan ammoo Taankiif Qawweenuu dadhabaa jiru. Qabsoo roga mataasaa dandaa’ateen Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya abaasaa keessa ta’ee ABO dhaan durfamee qabsoo taasisaa jiru baase bu’ureeffachuun qabsoo belbelse. Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo bilchaachurra gaheera. Qaama diinaaf fira ta’e addaan dhilee beekuun qabsoo taasisaa dhufe. Oromoo Oromummaasaa qofaaf kabaja laachuun gorsaan galtuu OPDO illee akka sirratan gaafataa ture. Akka Jaarmiyaatti OPDO balaaleffatus sabboontota hedduu OPDO keessaa horateera. Waraana Kora Bittenneessaas ta’e kam keessaayyuu Oromoo kan ta’e kunuunfachuun akka isaan Qawwee isaanii Wayyaanee ykn TPLF tti galagalchan gaafachuun milkiis gonfataa dhufe. Nageenya Qeerroo Bilisummaa Oromoo akka eeganiifis amalaaf jaalalaan gaafatee milkiis gonfataa jira. Kana murkaneeffachuuf Ayyaana Irreechaa Buraayyuu baranaa ilaalaa duuba deebi’aati. Kanaaf har’a Naqamtee maal ciminaan dalagan?

1, Nageenya Foolisa dhalootaan Oromoo ta’anii eegan. Karaa kanaan Nageenyi uummataa eegame. Wareegamni hinbarnaachifne Agaaziin akka hindhufne tika guddaa uummataa akka taasisan dhiibbaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo har’aaf gidduu kana Naqamtetti ta’een milkaa’eera

2, Lagannaa gabaa walii ofii miidhu, haadha iyyeessaa miidhurraa walaba ta’uun yooftaa Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hagayya 11,2018 baaseen irra aanameera. Wali waliitti bitanii gurguruun diina hongeessuutu bilchina uummata magaalatti milkeesse

3, Foollee nageenya magaalattii booressuuf Wayyaanee suphuuf bobbaafaman muraasa qaaneesse.

4, Waldhaga’uuf wal kabajuutu qabsaa’ota isaa Mara leellisuutu, WBO, ABO faarsuun cimina qabsoo isaa raagesse. Kanaaf Leeqaa Naqamtee Nu boonseera

2 thoughts on “Qabsoo Magaalaa Naqamtee keessatti uummanni taasisaa jiru maalfakkaata?

  1. Pingback: Qabsoo Magaalaa Naqamtee keessatti uummanni taasisaa jiru maalfakkaata? – nama barri miite.

  2. Pingback: Qabsoo Magaalaa Naqamtee keessatti uummanni taasisaa jiru maalfakkaata? -

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s