Gurraandhala 26,2018
Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti mootummaan Abbaa irree wayyaanee yakka diinummaa uummata oromoo irratti raawwatu torbanoota kana keessa daran hammeessee jira.Mootummaan sirna cunqursaa abbaa irree wayyaanee kufaatiin isaa haalaan jala ga,uusaa erga guutummaatti mirkaneeffateen booda yakka duguuggaa sanyummaa isaa dhumaa uummata oromoorratti erga labsee bubbulee jira.Haaluma kanaanis mootummaan sirna nama nyaattuu wayyaanee sodaa fi rifaatuu jabaa keessa seenuudhaan waan qabee gad lakkisus erga wallaalees bubbulee jira.torban kana keessas sanbata duraa irraa kaasee uummata Nagaan hidhamtoota siyyaasaa gara magaalaa Naqamtee dhufaa jiran kanneen akka Dr Maraaraa guddinaa ,Obbo Baqqalaa Garbaafaa simachuuf uummata bahe irratti reebichaaf hidhaa akkasumas dhukaasa jumlaan raawwachuudhaan gaaffii uummatichaa gara loliisaa fi gooliitti ofiima isaatii jijjiiree jira.Addattimmoo sirni Abbaa irree wayyaanee uummata oromoo karaa nagaatiin sagalee isaa dhageessifachuuf akkasumas uummata oromoo magaalaa Naqamtee keessaa simannaa karaa nagaatiin hidhamtoota gara magaalattiitti seenaniif gochaa jirurratti doorsisaa fi reebicha caalmaattimmoo akeekkachiisa garaa garaatiin uummata magaalichaa fi qeerroo doorsisaa akka tureetu himame. gootowwan qeerroon bilisummaa oromoo magaalaa Naqamtee keessa jiranis barruulee waamichaa uummataaf taasisuudhaan akka uummanni bahee simatuuf karaa saaqanii jiru.
waraanni weerartuu wayyaanees gaaffii uummataa tutuquu fi ofumasaatiif goolii uummata nagaa irratti raawwachuudhaan akka uummanni tarkaanffii addaa fudhatuuf dirqamsiisaa akka turelle guutummaan guutuutti mirkaaneeffamee jira. Caalmaattis aarii fi muffii uummata magaalaa Naqamteetti kan naqe hidhamtoota siyyaasaa imala isaanii gara magaalaa Naqamteetti taasisaa turan irratti mootummaan wayyaanee waraana isaa jumlaan bobbaasuudhan akka magaala Naqamtee hin seenneef bakka addaa siree fi Naqamtee jedhamu gidduutti ugguruudhaan hidhamtoonni kunneen akka imala isaaanii dhaabaniif guutummaattis akka uugguraman taasifamee jira.
Kanumaan wal qabatees waraanni wayyaanee rifaatuu hamaa keessa seenuudhaan qeerroo fi qarreen akka dhaadannoo fi sirba hin dhageessisneef ugguramanii akka trantuu gabaafame.Qaamni dhaadannoo fi wallee warraaksaa dhageessises akka hidhamuu fi tarkaanffiin irratti duubdeebii hin qabne akka irratti fudhatamuu doorsisnii fi akeekkachiisni garaa garaa karaa waraana wayyaaneetiin sagalee guddistuudhaan akka kennamaa turetu himame.
Kun kanumaan osoo jiruus Uummanni magaalaa Naqamtees gocha diinummaa mootummaan Wayyaanee raawwate isaan waan aarseef simannaa karaa nagaan gochuuf bahan aarii keessa seenuudhaan hidhamtootatti deemuuf murteeffatan. sodaa tokko malees simannaa hidhamtoota siyyaasaaf gochuuf bahan itti mudduudhaan imalasaanii itti fufanii marfata tokkoffaa kan magaalaa Naqamtee keessa jirurraa ka’uun gara hidhamtootaatti deemuu eegalan.
Imalasaaniis erga eegalaniin booda naannoo hora hadiyyaa jedhamu yeroo gahanitti waraanni Wayyaanee sodaa hamtuu keessa seenuudhaan uummata nagaa irratti dhukaasaa fi aara ija imimmaannesu gad lakkisuudhaan nagaa uummataa akka booressetu himame.
Uummanni magaalaa naqamttees tarkaanffiin waraanni mootummaa wayyaanee fudhate waan isaan gaddisiiseef aarii keessa seenuudhaan ol deebihanaii tarkaanffii daanddii cufuu akka fudhatantu addeeffame.
Hanga ammaattis guutummaan magaalaa Naqamtee waraana sirna wayyaaneen kan dhuunffatamtee jirti.Daandiileen gara finffinnee geessan hundis guyyaa sanbata duraa sa,a 2;00 irraa hanga sanbata duraa sa;a 8;00 tti cufamuudhaan gootowwan qeerroon bilisummaa oromoo magaalaa Naqamtee keessa jiran wal,aansoo jabaa waraana agaazii wajjin akka wal qabaa turantu addeeffame.
Bifuma wal fakkaatuun Godina Wallagga lixaa magaalota kanneen akka Najjoo,mandii fi Qilxu kaarraa jedhaman keessatti uummanni aanaa kanneen keessa jiran labsii mootummaan wayyaanee labse guutummaatti akka balaaleffatan.
Yeroo mootummaan sirna wayyaanee uummata oromoo ajjeesaa ,hidhaa fi kaan jumlaan qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa samuudhaan lafa abbaa isaarraa godaansisaa jiru kanatti labsii yeroo muddamaa mootummaan Abbaa irree wayyaanee humnaan uummata oromoo irratti labsuun kan nu gaddisiisee fi haalaan ni balaaleffachuu isaanii uummanni Aanaa kanneen keessa jiran tokkummaadhaan waraaana sirna wayyaaneeofirraa dhorkaa jiran.
Kun kanumaan osoo jiruus humna waraana weerartuu wayyaanee kan maqaa labsii yeroo muddamaa daa’effachuun uummata aanaa kanneenii doorsisuuf dhufes akka ofirraa ari’anii fi bakka qubsumaas hin laannu jechuun uummanni aanichaaa fi naannoo isaa jala jiraatan cufni akka gochicha balaaleffatanis maddi oduu qeerroo godina kanneenii gabaasanii jiru.
Bifuma wal fakkaatuunis warraaksi biyyoolessaa kan fxg godina qellem wallaggaa aanota kanneen akka Danbidoolloo ,Qaaqee,magaala Canqaa fi Muggii keessatti daran jabaachuudhaan sirna wayyaanee taa,uuf ka,uu dhorkaa jiraachuunis himame.Godina kana keessattis mootummaan wayyaanee warraaksi biyyaalessaa daran jabaachuun kufaattii sirna wayyaanee daran waan saffisiisaa jiru waan mirkaneeffateef uummata nagaa godinicha cufa jala jiran irratti dhukaasa banuudhaan lubbuu ilmaan oromoo heedduu irbaata rasaasaa taasisaa akka jirus addeeffamee jira.
Akka maddi oduu qeerroo godinaalee oromiyaa cufarraa dhufaa jiru ibsuttis waraanni sirna nama nyaataa wayyaanee guutummaa godinaalee oromiyaa keessatti maqaa labsii yeroo muddamaa jedhu daa,effachuun yakka diinummaa garaa garaa uummata oromoorratti raawwachaa akka jirus qeerroon saaxilee jiran.