Sabboontonni Oromoo 16 ta’an Naannoo Matakkal irraa qabamanii Yakka tokko malee mana hidhaa maayikalaawwii fi Qiliinxoo keessatti waggaa tokkoo oliif hiraarfamaa turaniiru. Kunis karoora Mootummaan wayyaanee Akkuma Oromoota Naannoo Sumaalee, Walloo, Raayyaa fi Affaar Jiran walitti buusuun, Hidhuun, Ajjeesuunii fi Buqqisuun Sanyii Oromoo naannoo biraa jiran Lafarraa dhabamsiisuuf karoorfatee fi Hojjechaa jiru dha.
Haata’uyyuu malee Buqqa’insii fi duguuggaan sanyii Oromoota nagaa naannoo Sumaalee jiraatan irra gahe naannoo keenyatti sababaa Kabajaa fi Jaalala Ummanni Biroo naannichaa Oromoof qabu irraa kan ka’e harkatti fashalee jira. Kanaan kan ciisa dhabde mootummaan Wayyaanee; sabboontota mana hidhaattii guuruu fi Uummata Oromoo naannichaa saboota biroo wajjin walitti buusuu Furmaata godhattee kaate. Garuu hanga ammaatti Hidhaa qofaan milkooftee jirti.
Uummanni Oromoo naannoo Matakkalis Waggootii dheeraaf akka lammii lammaffaatti ilaalamaa fi hacuuccaan addaa irra gahaa tureera. Kanaafis jecha Mirguma nammummaa Mootummaan kaa’e gaafachaa turaniiru kunis: Mirga Afaaniin Barachuu, Aadaa ofii kabajuu, mirga abbaa biyyummaa K.K.F. dha. Uummanni Oromoo naannichaas yeroo jalqabaaf Ayyaana Irreechaa Bara 2017 irratt argamee akkuma Oromoota kaani Irreeffatee gale.Humna isin duuba jiru hordofna jechuun Dhalattoota naannichaa Sadarkaa barumsaa gaarii irra jiran, waajiraalee mootummaa fi miti mootummaa garaa garaa keessa jiran, qabiyyee lafaafi qabeenya qaban akkasumas hubannoo siyaasaa qabu jettee yaaddu adamsuutti kaate. Kana booda egaa Mootummaan Shororkeessaa wayyaanee Dhalattoota Oromoo naannichaa isintu Uummata duuba jira jechuun Qaroo Uummata Oromoo ta’an lafa jiranii adamsitee Maatiif hojii isaaniirraa qabdee yakka tokko malee mana hidhaa keessatti waxalaa jirti.
Dhiifama Hidhamtoota siyaasaaf godhameen wal qabatee Namoota lama duwwaa gadi dhiisuun kaan irraanfachiiftee hambifteetti. Nutis Qeerroon Matakkal-Asoosaa gootonnii fi sabboontonni Oromoo Matakkal Yakka tokko malee Mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiran kuni akka ilmaan abbaa hin qabnee achitti akka nu jala hin hafnee Yaaddoo keessaa gallee jirra. Kanaafuu, Uummanniif Qeerroon Oromiyaa akkuma Sabboontotaa fi Abbootii Paartilee siyaasaa qabsoofnee Haal duree tokko malee bilisa baafanne; Ilmaan Oromoo Matakkal mana Hidhaa jiraniifis Tokkumaan akka dirmannu Waamicha Goona.
Sabboontonni Matakkal hanga yoonaa mana hidhaa Qiliinxootii hin bane:
1. Obbo Habtaamuu Bayyanaa Amantee
2. Obbo Kafyaaloo Nigaatuu Baddeessoo
3. Obbo Gonfaa Makuraa Amantee
4. Obbo Bilisummaa Fiqaaduu Taaddasaa
5. Obbo Tasfaayee Abbabaa Amantee
6. Obbo Caalii Yaadataa Bulchaa
7. Obbo Waaqtolee Haayiluu Tufaa
8. Obbo Olaanaa Baayisaa Galmeessaa fi
9. Obbo Shaanqoo Akkushoo Fayisaa