Baarentuu Gadaa Irraa
Biiroon Barnoota OPDO Oromiyaa keessatti tartiiba qubee Afaan Oromoo A B C E F….Z ture jijjirudhaan tartiiba haaraa L irraa eegalu uumee kitaaba barnootaa maxxansee barsiisuu eegaluun wal qabatee gutummaa Oromiyaa keessatti ummanni Oromoo keessumaa barattoonnii fi barsiiftonni mormii guddaa muldhisaa jiru.
Akka gabaasa kanaatti biroo barnoota Oromiyaa kena jedhamuu fi kan jalee wayyaanee OPDOn hogganamu jiru qormaata gahaa fi sababa ifa ta’e osoo lafa hin kaa’iin tartiiba qubee faaan Oromoo waggota hedduuf, Odoo OPDOnuu hin ummamin hojiirra oolaa ture tartiiba isaa faalleessuun isa ummanni Oromoo fi saboonni kuunilleen ittiin beekan A B C D…..Z jedhu jijjiruun ka’uumsa isaa L.. …..taasisuun kutaa 1- amma 8tti kitaaba maxxansee barsiisuu eegaleera.
Jijjiramuu tartiiba qubee afaan Oromoo kanaaf sirnichis ta’e ogeeyyiin afaanii amma ammaatti ibsa ballaa fi sababa isaa kan lafa hin kaa’iin yoo ta’u; Barattonnii fi barsiiftonni manneen barnootaa adda addaa gutummaa Oromiyaa keessa jiran deemsa kana ifatti balaaleeffachaa akka jiran gabaafameera. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk