“Heddummeessuun Dhaaba Siyaasaa, Saba Bittimsa” Wallee Artist Sabboonaa Eebbaa Waaqwayyaa

Aside

Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa Keessaa Sabboontonni Qeerroon Bilisummaa Oromoo Hedduun Hidhaan Dararamaa Jiru.

Aside

Gurraandhala 20,2017

16807679_412502109084616_4947228223484489601_nGodina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa Keessaa Sabboontonni Qeerroon Bilisummaa Oromoo hedduun hidhatti kan dararamaa jiran yoo ta’uu Mana hidhaa Ma’aakalaawitti reebichi hamaan irratti raawwatamaa jiraachuu Oduun maatii isaanii irraa arganne ifa godhee jira Daraggoota reebichi kun irratti raawwatamaa jiru keessaa16900139_623447287851428_2136137737_n

  1. Shugguxee Durrii bakka bu’aa paartii koongirasii feederaalawaa Oromoo kan ture yoo ta’uu
  2. Saalih Abdullee 3, Hullee Adam
  3. Heeydar Jamaal fi Abbaa isaa Jamaal Abbaas
  4. Nasroo Durrii yoo ta’uu

Reebicha isaanirratti raawwatamaa jirurraa lubbuun jiraaratanii wal arguudhafis shakkii qabaachuu maatin isaanii dubbachaa jiraachuunis himamaa jira Kuni kanaan osoo jiruu yeroo ammaa Kanas humnoota Kumaandi poostitiin maatii isaaniis doorsisoonni gara garaa irra gahaa jiraachuus dhagayamaa jira. Karaa birootiin asuma aanaa kana Ganda Ataabaa Gasalaa keessa dargaggoon 16839768_623447281184762_1825985468_nqabsaayaan Qeerroo bilisummaa Keeyraddiin Huseen jedhamu Wayyaanee jalaa baqatee bakka inni jiru dhabuurraa kan ka’e Abbaa isaa Huseen H/Kadiir Mana hidhaa waajjira poolisii magaalaa Roobee keessatti hidhamee ilma kee bakka jiruu akka fiddu jedhamee erga mana  hidhaa keessatti dararamuu jalqabee ji’a 3 gahuun maatiin isaa yeroo ammaa kana rakkina guddaa keessa jiraachuu Qeerroon Aanichaa gabaaseee jira

Gama biraan Godinuma Arsii keessaatti  Aanota Adda Addaa keessatti wayyaaneen Hojii dhabdummaa hir’isuuf maqaa jedhuun dargaggoota walitti qabdee sossobachaa kan jirtu too ta’uu  Arsii Lixaa Magaalaa Arsii Nageellee keessatti Continue reading

Aside

No automatic alt text available.

Godina Wallaggaa Keessatti Milishooti Leejii Waraanaa Fudhatan Lammii Keeya Hin Waraanu Jechuun Qawwee Wayyaaneef Deebisaa Jiru.

Aside

Gurraandhala 20,2017

IMG_20150509_060148Godinota Wallaggaa Keessaa Sabboontotni ilmaan Oromoo Humna Milishaa Gandaa Turan Hedduun Qeerroo Kan keeny Biyyis Keenya Beyya Keenyaa fi Lammii Keenya Irratti Qawwee Hin Kaafnu Jechuun Ejjennoo Mootummicha Qaban Ibsan.

Leenjii milishaaf laatamuun wal qabatee gaaffiiwwaan leenjii sanarraatti kaafamaa jiraniin muddamsuu keessa seenaa jiraachuu Wayyaanee kan jiru cinatti sabboontotni hedduun uuffata milishaa uffachuu diduun meeshaan waraanaa hidhachuun keenya ummata keenya tiksuuf malee itti dhukaasuuf miti jechuun dhaadhatanii jiru.Yeroo lamii keenya doorsiifnuuf ajjeefnu seenaan bor nu gaafata jechuun Onoota Ukkee Qarsaa akkasuma Onoota danuu keessatti meeshaa waraanaa galchaa jiraachuu odeesse Qeerroo ifa taasisa.Haalli kun sodaa jabaa keessa seenaisuu illee dubbatan.

Gama biraan holola dharaa Namoonni Warraaqsaan wal qabatee dhokattanii magaalaa garaagaraa keessa tamsaatanii jirtan biyyatto deebi’aa hojiitti galaa jechuun hololaa sobaa oofaa kan jirtu OPDOm adamsitee sabboontota kiyyoo isheen qabuuf akka taate hubatee namuu akka ayyaamasheen hin sochoone dhaamsa jabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo dabarsa.

Mo Farah Made Banned Gesture Against TPLF to Show Solidarity with Oromo

Aside

BREAKING: Mo Farah Shows Solidarity with Oromo

– He made the banned gesture against the TPLF rulers.Via Naf-tanan Gaadullo
by CDE

Mo FarahFour-time Olympic champion Sir Mo Farah made the famous Oromo gesture in protest against the government of Ethiopia as he crossed the finishing line in the 5,000m Birmingham Indoor Grand Prix on Saturday.

The legendary British athlete who have just returned from Ethiopia to break the European record at the event (pictured), swapped his ‘Mobot’ signature celebration with a show of solidarity for the Oromo people.

In Rio Olympic, hundreds of millions of people watched Ethiopian silver medallist Marathon winner Feyisa Lilesa hold his arms over his head, wrists crossed, in support of members of his Oromo ethnic group against the Ethiopian ruling party.

The Tigre ethnics group (TPLF) of the country’s leaders have been repeatedly accused of human rights abuses and of discrimination against the Oromo, the country’s largest ethnic group, comprising about 35% of the country’s 100m population. Continue reading

Aside

1-all-artists

Continue reading

“Nuti Abdii Hin Kunnu” Hawwi Mohammed Fi Abbaabaa Dhugaasaa /Wallee Warraaqsaa

Aside

https://youtu.be/W3BTj-tN0vQ

Meeshaan Abbaa Hojetateef Dhimma Baasa

Aside

Damee Booruutiin

Showa

Namni suphee irraa jireenyaaf meeshaa tolfatu,  biyyoo qotee, bukkeese, xafaxxafee  meeshaa dhimmi isaaf baasu tolfata. Eellee yoo tolfate ittiin buddeena bisheefata. Xuwwee yoo tolfatee bishaan ittiin buluqfata. Jabanaa yoo tolfate ittiin buna dhaabbata. Meeshaa hunduu dhimmaa barbaachisaa tahe akka raawwatuuf kan  xiyyefatame dha. Yoo dhimma kan hin baafneef tahe abbaan qabeenyaa caccabsee baasee kosiitti  darba.

Ijaarsi OPDO qabeenya Uummata Oromoo miti. TPLF ijaarsa OPDO akka dhoqqee xaxxaftee akka dhimmi baasuuf kan ijaarate dha. TPLF uummata Oromoo dura meeshaa ishee kan tahe OPDO dhaabdee uummata keenya burjaajessuu fi gowwoomsuuf waan hin goone hin qabdu. Qondaalonni OPDO wal duraa boodaan “nuyi  ijaarsa Oromoo ti, Uummata Oromoo ijaarre akka mirga isaa gonfatu goona”jechaa , ilmaan Oromo ajjeessaa fi ajjeesisa,   qabeenya Oromoo saamaa fi saamsisaa waggaa dhigdamii shanii ol itti wal furaa jiru. Yaroo uummatni Oromoo isaan xuxxee tufu TPLF warra uummatni jibbe akka qodaa cabe achi darbitee isa afaan mi’ahu tokko fuula isaa dhadhaa dibdee as uummatatti baafti. Meeshaan TPLF iif dimma hin baafne jiraachuuf ayyaana tokko illee hin qabu. Qabeenya dhuunfaa ishee waan tahee akka barbaade itti xaphachaa jirti. Continue reading

“Maaltu Yaada Deebii” Wallee Warraaqsaa Hawwisoo Qeerroo

Aside

Gaafii Ummataawaliin Dhahanii Bira Darbuuf Yaaluun  Essanuu Nama Hin Gahu!

Aside

Xumura Abbootii irree!

Baarentuu Gadaa Irraa

qeerroo-aboUmmanni rakkatu malee gaafii hin kaasu, hin lolu, miidhamu malees hin iyyatu, hin fincilu. Ummata miidhamee gaafii kaase ammoo sobuu fi sossobuudhaan yknis waliin dhahuudhaan itti fakkeessanii bira darbuun hin danda’amu. Gaafii ummata fincilee humnaan ukkaamsanii hanbisuunis akkasuma hin danda’amu. Ukkaamsaan  yoo badii dabalataa ida’e malee furmaatas ta’uu hin danda’u. ta’ees hin beeku.

Biyya hedduu keessatti, abbootiin irree hedduun ummata gaafii haqaa kaase, ummata mirga isaaf qabsaawe ukkaamsuuf yaalaniiru, hidhaniiru, ajjeesaniiru, dararaniiru. Biyya kam keessattuu garuu abbootin irree kun milkaawanii bara baraaf ummata gaafii kaase ukkaamsanii haangoo humnaan tikfachuuf abbalan sanirra hin turre. Ykn hin jiraanne.Yeroof waan humna qawweetiin gaafii ummataa ukkaamsanii hanbisan itti fakkaatee dhiittaa mirgaa sukanneessaa raawwatanis dhumarra ummataan injifatamaniiru. Baayyeen isaanii du’a badaniiru.  Xumurri isaanii akka hin taane ta’eera. Akka humna qabna jedhanii namatti taphatanitti itti taphatameera. Haangoo bololaniif sanis dhabaniiru, qabeenya hangoo harkaa qaban fayyadamanii saamanii horatanis osoo hin nyaanne nyaatamaniiru. ykn dirqamanii isa biraaf laataniiru.

Namni  Saadaam Huseen, Kolaneel Gaadaafii, chaarlas teelar, bin alii, Idaamiin daadaa fi  abbootii irree Afrikaa  du’a badan arge  yakka hin dalagu. Qondaaloonni Wayyaanee har’a haangoo harkaa qabna jedhanii  ummattoota impaayeera itiyoophiyaa keessumaa ammoo ummata Oromoo dararaa fi saamaa jiranis osoo qalbii qabaatanii bor beekoo ta’anii yakka amma Oromoorratti raawwachaa jiran kana hin raawwatan. Continue reading