OROMO PRO,BEKAAN GULUMAA…KAYYOO…FEB.2017

Aside

https://youtu.be/YR4oZx1PtGo

“WBO,Qeerroo” Abdii Sabaa,Wallee Haaraa Artist ADAM TAJU

Aside

https://youtu.be/4ViOWWSCT-Y

Seenaa Ummata Oromoo Qalbeeffatanii Baruuf Facebook “Oromo Graphya” Jedhu Hordofuun Barbaachisaa Dha.

Aside

Onesimos Nasib bara barnootaaf biya  Germany ture San akka agartan kan fakkaata.

Image may contain: 1 person, closeup

Magaala harar bara 1899

Image may contain: 1 person

Mootummaan Wayyaanee godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa Dunkaana Uummataa cufaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Aside

Gurraandhala 22,2017
Sirni abbaa irree Wayyaanee Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa  maqaa waraqaa eyyamaa hin qabdan jedhuun dunkaana uummataa humnaan samsaa akka jiru ibsame.
Mootummaan gita bittuu abbaa irree Wayyaanee kan sirnisaa saamichaaf hannaan duroome yero ammaa godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi adeemuun Dunkaana/Suuqii uummata magaalichaa dirqiin cufsiisaa akka jiru himame.Akka oduun achirra nu qaqqabettis hanga ammaatti Dunkaanni uummata magaalichaa heedduminaan waan cufameef uummanni rakkoo jabaa keessa seenee jiraachuun ibsame.Akka uummanni magaalichaa jedhanittis sirni wayyaanee maqaa eyyama daldalaatiin dunkaanni keenya waan nu jalaa cufameef heeddu rakkachaa jirra jechuun iyyachaa jiraachuun gabaafame.

Continue reading

SBO: Gurraandhala 22 bara 2017. Oduu fi Gaaffii fi deebii Artiist Eebbisaa Solomoon waliin taasifame -Kutaa 1ffaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo (SQ) Gur 21, 2017

Aside

Waraabeecha (Bineensa) Biyya  Bineesummaan  Isaa Beekamutti  Itillee Naaf Afaa Jedhu  Mammaaksa Oromoo Keessatti Dhageeyee Hin Beeknu!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Bineensa

Wayyaaneen waggoottan 25n darbaniif  waliin dhahaa, kan ishii morme hidhaa, dararaa, ajjeesaa fi saamaa as geechee jirti.  Haata’uutii gochi yakkaa ummata Oromoorratti keessumaa sabboontoota Oromoo irratti raawwachaa turtee fi jirtu  kun akka ishiin  yaaddeetti qabsoo ummanni Oromoo mirga isaaf taasisaa jiru; FXG gama kamiinuu dhaabuu hin dandeenye. Dhaabuu hin danda’usii. Keessumaa haali waggoottan 2n darbanii as impaayeera ityoophiyaa murna tanaan bulaa jirtu keessa jiru  dhugaa kana  ifatti  eenyufuu mirkaneessaa jira.

Hidhattoonnii fi basaastoonni sirnichaa ajjeechaa hidhaa fi dararaa sukanneessaa saba Oromoorratti raawwachaa jiranis sochiin ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa deeffachuuf taasisaa jiru ittuu finiinaa jira malee akka wayyaaneen yaadde hin qabnoofne, ykn hin dhaabbanne. FXG fi qabsoon hidhannoo yeroo ammaa kana gutummaa Oromiyaa keessatti diina dhiphisaa jira.  Akka ummanni Oromoo yeroo dhihoo keessatti mirga isaa humnaan mulqame humnaan deeffatus mallattooleen ifatti muldhatan danuudha. Diinni Oromoo waggoota 25n darbaniif goolaa turte Wayyaaneen yeroo ammaa kana dhiphuu fi sodaa guddaa keessa jirti.  Sochii ummanni Oromoo taasisaa jiruunis baaragdee yakkoota hedduu wal duraa duuban ummata Oromoorratti keessumaa sabboontoota ilmaan Oromoo qaroo ta’anirratti raawwachaa jirti. Continue reading

ONN: Oromia News Network, Qophii Gurraandhala 20,2017

Aside

https://youtu.be/oIUcsQNnOkY

Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Muluqqee Araddaa Calloo Keessaa Liyuu Poolisiin TPLF Ummata Oromoo Sammaa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

Gurraandhala 21,2017
liyyuuOromiyaa baha Godina Harargee bahaa aanaa Mayyuu Muluqqee araddaa Calloo kheeysaa Liyuu Poolisiin ummata kheenya irraa Gaalaa fi Loon jidduu gara dhibba Afurii olii saamaniiru.Kaleeysaas araddaa Muluqqeetti nama karaa deemu dhukaaftee madeeysite.
Haaluma kanaan eda galgala irraa kaasee hanga ganama bariisaatti horii ummattaa hedduu saamtee Boottee bishaanii tokkoos qabdee kuchiifte.
dubartoonii horii wajjin fudhaman
1Hawwoo Bakkar
2 Ardoo Mahammad Waree
3 Halii kamal
4 Aminaa Amad
5 Haliimoo Abdi-fataah
6 Zaraa Bayyan
namoonii makinaa bottee wajjin fudhaman.
Hojjataa waajjira bishaanii Jamaal Abdallaa dabalatee kan biroos kan hinbeekamnee Continue reading

QOPHII KAAYYOO-Tamsaasa Kallatti Guraandhala 20/2017 Marii Dargaggoota Oromoo Muusaa Daawuudii fi Caalaa Haahiluu Waliin Taasifame.

Aside